Balaan lolaa Arsii Aanaa Xiyootti mudate jiraattota qe'eerraa buqqise

Balaa lolaa Xiyoo

Madda suuraa, Arsi Com.

Godina Arsii Aanaa Xiyootti balaa lolaa tibbana mudatee maatii kuma tokko caalu qe'eerraa kan buqqisee qabeenya heddus mancaase.

Lolaa kanaaf ka'umsa kan ta'e lagni Yaadaloo jedhamu guutuun ganda baadiyyaa tokkoo fi magaala Kataarii jedhamturra dhangala'uun ta'uu angaa'aan aanichaa BBCtti himan.

Itti gaafatamaa waajjira Buusaa Gonofaa Aanaa Xiyoo Ahmad Nuuraa akka jedhanitti rooba aanaa Muneessaa, Diigaluu fi Xiijoo keessatti roobeen lolaan achirraa dhufee aanaa Xiyootti miidhaa kan geessise.

"Lolaan kuni Ganda qonnaan bulaa Kataari jedhamutti midhaan lafa hektaara 125 faca'ee jiru irraan miidhaa geessisee jira. Magaalaa fi baadiyyaadhaa abbootiin warraa 322 waliigala maatii 1,000 caalu qe'eerraa buqqisee jira," jedhan.

Guyyaa lolaan kuni gahe aanaa Xiyootti bokkaan cimaan kan hin turre yoo ta'u rooba aanaalee ollaa roobetu hidha bishaan kuusuuf tolfame cabsuun gandoota Aanaa Xiyoo irra dambali'e.

Lolaan kuni erga mudatee guyyoota lakkoofsisulleen bishaan ammalleen gandoota lamaan kanarra ciisee argama. Bishaan gandoota lamarra ciisee jiru kana gara itti yaa'uu danda'utti bo'oo tolchuuf maashinaan tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeran Obbo Ahmad.

Balaa lolaa mudate kanaan hanga ammaatti lubbuu namaarra miidhaan kan hin geenye yoo ta'u, kanneen buqqa'aniif deeggarsi bakka qubannaa fi meeshaa barbaachisuu taasifamaa jiraachuu eeran.

Hanga ammaatti namoota buqqa'an kana qubsiisuun hojjetamulleen deeggarsa gahaa itti fufiinsa qabu taasisuun garuu humna aanichaatiin ol akka ta'es himan.

"Akka aanaatti namoota kanaaf waan humni danda'e gochaafii jira. Namootni buqqa'an kuni maatii 1000 caalu waan ta'eef humna aanaatiin oli. Kana qaama motummaa nuu ol jiru beeksisneerra," jedhan.

Aanichatti ammaan dura balaan lolaa mudatee akka hin beekne kan himan angaa'aan aanichaa kun, lolaa tibbana mudate kanaan aanichatti qabeenya Birrii miyoona 79 caalaa baasu manca'eera jedhan.

Waqtii gannaa kanatti rooba cimaa roobaa jiruun kutaalee Oromiyaa adda addaatti balaan lolaa xiqqaa hanga guddaatti mudachaa jira.

Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaalee Iluu fi Sabbata Awaasitti Lagni Awaash guutuun namoota kumaatamaan lakkaa'aman qe'eerraa buqqisuun ni yaadatama.