Pirezidantiin Somaalilaand Israa'el waliin waliigaltee daldalaa akka uuman, albuuda kennanis akka qaban himan

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidantiin Somaalilaand Abdirahman Mohammad Abdullaahii gaaffii fi deebii Rooyitarsi waliin taasisaniin biyya yeroo jalqabaaf beekamtii biyyummaa kenniteef, Israa'el, waliin waliigaltee daldalaa mallatteessuuf akka jiran himan.

Waliigaltee kana keessatti Israa'el mirga kuufama albuudasaaniitti fayyadamuu akka argattus eeyyamuuf akka jiran ibsan.

Kaaba baha Somaaliyaatti kan argamtuu fi waggoota kurnaan lakkaa'amaniif biyya of dandeesse ta'uushee kan himattu Somaalilaand Muddee darbe keessa Israa'el irraa beekamtii biyyummaa jalqabaa argatte.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Somaalilaand waliin gama qonnaa, fayyaa, teeknooloojii fi diinagdee gosa adda addaan hariiroo cimaa tolfachuu akka barbaadu ibseera.

Pirezidant Abdirahman Mohammad Abdullaahii Kora Mootummoota Addunyaa UAE keessatti gaggeeffamu irratti osoo hirmaataa jiranii Dubaay irraa Rooyitarsitti wayita dubbatan, hanga yoonaatti Israa'el faana waliigaltee diinagdee akka hin tolfanne ibsan.

Garuu Somaalilaand biyya Baha Giddugaleessaa kana faana hariiroo bareedaa uumuuf karri ishee banaa ta'uu fi kunis yeroo gabaabaatti akka ta'u himan.

''Ammatti hariiroon daldalaa fi investimantii Israa'el waliin eegalle hin jiru. Garuu harka 100 mirkaneeffadhee kanan dubbadhu mootummaa Israa'el waliin walitti dhihaannee akka hojjennudha.''

Dureen Somaalilaand kun biyyi isaanii albuudaan badhaatuu ta'uu fi kanarraas fayyadamuu akka qabdu dubbatan.

''Albuudota, boba'aa, gaazii, misooma galaanarraa, qonna, anniisaa fi kaan hedduu qabna. Foon, qurxummii fi albuudota kaan galaana keessaa qabna. Kana hunda Israa'el ni barbaaddi. Hariiroon daldalaa keenyas dameewwan kunneenirraa eegala,'' jedhan.

''Wanti nu daangeessu hin jiru, daangaan keenya samii qofa.''

Somaalilaand albuuda lithium kan baatirii oomishuu fi konkolaataawwan elektirikiif akkaan murteessaa ta'e heddumminaan qabaachuu himti.

Bara 2024 kubbaaniyyaan misooma albuudaa Sa'uudii Arabiyaa Kilomass jedhamu albuuda baasuurratti Somaalilaand waliin waliigalteerra ga'ee ture.

Misoomni albuudaa kubbaaniyyaa Sa'uudii teesoon isaa magaalaa Jiddaa ta'een gaggeeffamu kun albuuda lithium kanaa fi albuudota akkaan murteessoo ta'an irratti kan xiyyeeffatudha.

Pirezidant Abdullaahiin Israa'el biyya jalqabaa beekamtii biyyummaa kenniteef ta'uushee galateeffataniiru.

Israa'el waliin hariiroo humna waraanaallee qabaachuuf akka deeman kan himan qondaalli Somaalilaand kun, garuu ammatti waa'ee Israa'el buufata humna waraanaa dacheesaanii keessaa qabaachuu hin mari'anne jedhan.

Affeerraa Pirezidantiin Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu taasiseef fudhachuu kan ibsan Pirezidantiin Somaalilaand, yeroo dhihootti gara Israa'el akka imalan dubbatan.

Ministirri dhimma alaa Israa'el Giidiyoon Saar ji'a dura Somaalilaand daawwachuun dubbii ta'ee ture.

Pirezidanti Abdullaahiin Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) fi US dabalatee miseensonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hunduu fakkeenyummaa Israa'el hordofuun Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuu qabu jedhan.

''Ammoo beekamtii biyyummaa argachuun yeroo fudhata, kan keenyas akkasuma,'' jedhan.

Ameerikaa waliin hariiroo gaarii qabaachuu kan dubbatan pirezidantichi, ''guyyaa tokkos Pirezidant Doonaald Tiraamp beekamtii nuuf kennee ni dhageessu,'' jedhan.

Ji'a darbe wayita Kora Diinagdee Addunyaa Daavoositti gaggeeffamerratti hirmaachuuf gara Siwiizarlaand imalanitti sagantaa irbaataa ilmi Tiraamp, Eric, irratti argamerratti US waliin michummaa uumuun hojiiwwan investimantii waliin hojjetan akka qaban yaada dhiheessaniiru.

Israa'el beekamtii biyyummaa Somaalilaandiif kennuun Somaaliyaa mufachiiseera. Tarkaanfiin Israa'el kun Chaayinaa, Turkii, Masirii fi Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyootaa fi jaarmiyaalee hedduudhaanis qeeqameera.

Somaalilaand Yunaayitid Arab Emirteetis (UAE) waliinis michummaa qabdi. Kubbaaniyyaan misooma buufata galaanaa fi loojistikii beekamaan UAE- DP World jedhamu buufata Barbaraa irraa investimantii guddaa qaba.

''Ammatti UAEn ifatti as baatee hin dubbanne. Garuu biyya nuti beekamtii nuuf laatte jennee eegnu keessaati,'' jedhan Pirezidant Abdullaahiin.

''Mootummaan Sa'uudii Arabiyaas Somaalilaandiif waanuma walfakkaataa ni gooti jennee eegna,'' jedhan.