Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoo Amaaraa Goojjamitti "humnoonni mootummaa" namoota 20 ol ajjeesan- jiraattota
Naannoo Amaaraa Godiina Gojjam Bahaafi Gojjam Lixaatti garaa garummaa guyyoota muraasaa gidduutti namoonni 20 ol haleellaa humnoota mootummaan du'uu jiraattonniifi namooni ijaan argan BCCtti himan.
Haleellichi torbee darbe Waxabajjii 7fi 9 ALItti magaalota Qaraaniyoofi Jigaa jedhamanitti kan gaggeeffame yoo ta'u taaten kun hidhattoonni Faannofi humnoonni mootummaa erga wal-lolanii booda ta'uu himu jiraattonni.
Gaafa Jimaataa, Waxabajjii 9, Godiina Goojjam Lixaa aanaa Jabixahinaa magaala Jigaatti haleellaa gaggeeffameen hojjattoota baankifi barsiisota dabalatee namoonni ajjeefamuu namoonni ijaan argan lamaafi magaalattii bakka bu'uun mana maree bakka bu'oota uummataa kan seenan Obbo Abbabawu Dassaalawu BBCtti himan.
Lolli magaalattii keessatti gaggeeffame daqiiqaa 20 kan hin caallefi hidhattoonni Faannoo duubatti erga baqatanii booda raayyan ittisaa "tarkaanfii haaloo bahuu fudhate" jedhu jiraatan maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko.
Jiraatan biraa ijaan arguu himan, "Hoteela Gohaa [iddoo] jedhamutti dargaggoonni, hojjattoonni mootummaa, hojjattoonni baankifi barsiisonni, walumatti namoota 12 fuudhanii uummata fuulduratti bifa suukaneessan ajjeesan," jedhu.
Jiraatan biraa ammoo, "raayyan ittisaa namoota laaqana nyaachuf Hoteela Gohaa seenan hojjattoota baankii, barsiisota fa'aa warra karaa irratti argatan hunda ajjeessan," jechuun ijaan arguusaanii himu.
Jiraattonni kun lamaan akka jedhganitti walumaa galatti namoonni 23 humnoota mootummaan ajjeefamuu BBCtti himan.
Godiina Gojjam Lixaa buufata filannoo Jigaa bakka bu'uun dorgomuun mana maree bakka bu'ootaa kan seenan Obbo Ababawu Dassaalawu gamasaanin, "Hanga maqansaanifi gaheen hojiisaanii harka keenya kan ga'e namoonni du'an 13; namooni lama ammoo madoodha," jechuun BBCtti himan.
"Humnoonni wal-waraanan wal-ajjeesuu danda'u, amananii waan itti seenaniif. Suni seera waraanati. Garuu namoonni nagaan homaa hidhannoo hin qabne manasaanitii baasanii ajjeesun fudhatama hin qabu," jedhu Obbo Ababawu.
Gama biraan ammoo Godiina Goojjam Bahaatti Waxabajjii 7, 2016 ALItti haleellaa "humnoonni mootummaa" fudhatan jedhameen namoonni torba ajjeefamanii lama ammoo madaa'uu jiraattonni BBCtti himan.
Haleellan kun magaala Mooxaa irra fageenya km16 irratti kan argamtu magaala Qaraaniyootti yoo ta'u, namoota boolla awwaalchaa qotaa turanirratti raawwatamuu himu jiraattonnifi namoonni ijaan argan.
Tajaajilaa bataskaanaa kan ta'an jiraatan naannichaa tokko, hidhattoonnifi humnoonni mootummaa walitti dhukaasaa akka turaniifi humnoonni mootummaa bataskaana seenun namoota boolla awwaalchaa qotaa turan irratti ajjeechaa raawwachuu dubbatu.
Humnoonni mootummaa dhiyaachaa dhufuurraa kan ka'e amantoonni kadhata [qiddaasee]rra turan gara bataskaanatti akka seenan godhamuu kan himan tajaajijlaan bataskaanaa kun, namoonni boolla qotan "nuti boolla qotaa jirra waan ta'eef homaa nu hin godhan jedhanii" hojiisaanii itti fufuufi garuummoo ajjeefamuu ibsu.
Jiraatan biraa BBCn dubbise akka jedhanitti, namoota haleellan irratti gaggeeffame keessaa sadi battalatti yoo du'an namni tokko mana yaalaa erga seenee booda du'uu barataan "qoloo" [qoloo tamaarin] tokko ammoo bataskaana irraa siqee du'ee reeffisaa argamuu himu.
Himannaa humnoonni mootummaa namoota nagaarratti ajjeechaa raawwatan jedhu kana ilaalchisee qondaalota mootumma godiinota ajjeechan itti raawwate jedhamee, bulchiinsa Naannoo Amaarafi biiroo kominikeeshinii naannichaa qunnamuuf yaalin goone hin milkoofne.