Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dammekoo daabee tooraa' jechuun kan beekame Abbabaa Abbashuu akkamitti sirba lagate?
- Barreessaa, Hirphaa Gammachuu
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Abbabaa Abbashuu sirboota 50tti dhiyaatan sagalee kilooleen weellisuun aartii Oromoof gumaachera.
Sirboota mata dureen isaanii''Dammeekoo, Shaggee burtukaanakoo, Haroo Haramayaa' jedhan fa'aatiin dinqisannaa horate.
Weellisuun cinatti sirboota Afaan Oromoo qindeessuun, meeshaalee muuziqaa akka gitaaraan dabaaluun ni beekama.
Sirboota jaalala fi qabsoo siyaasaa sirbuun baayyinaan kan beekamu Abbabaan amma erga sirbuu dhiisee waggaa 10 guuteera.
Maalifan sirba dhiise jedha?
Bu'a bahii aartii Oromoo keessatti dabarse fi haala amma keessa jiru Noorweyiirraa bilbilaan iyyaafanneerra. Itti dhiyaadhaa!
Ijoollummaa fi guddina Abbabaa
Abbabaa Abbashuu ALI bara 1959 Wallagga Lixaa, magaalaa Mandiitti dhalate. Daa'ima waggaa shanii yeroo ture kufee, miillisa mirgaa cabe.
Wal'aansa gahaa atattamaan kilinikaa dhiyeenya jirutti sababa hin arganneef miillisaa cabee hafe.
Garuu qaama miidhamuun isaa abjuusaa ganamaarraa xaxee isa hin hambifne.
Abbabaan Ijoollummaa sirba jaalata. Sirboota weellisaa angafaa Alii Birraa raadiyoorraa dhagahaa guddate.
Abbabaan sirba dhaggeeffatee, sammuutti qabachuufykn yaadachuuf yeroo dheeraa akka itti hin fudhanne dubbata.
Garuu jalqaba weellisuun otoo hin taane meeshaalee muuziqaa akka gitaaraa taphachuun beekamtii argate. Abbabaan ijoollummaa kiraara fi dibbee xaxatee, ittiin sirbuu bare. Ijjoollees walitti qabee waliin sirba. Sududaan gitaaaraa taphachuu barate.
Abbabaan gitaara akka baruuf haala kan mijeesseef bulchiinsi mootummaa Dargii gitaara waldaa kiristaanaarra saamuudha.
Abbabaan gitaara bulchiinsi mootummaa Dargii waldaarraa fudhatetti muuziqaa taphachuu shaakalaa ture.
''Nama maqaan isaa Qajeelaa jedhamutu gitaara sana akkattiin taphadhu natti agarsiise ture'' jedhe.
Bara 1970 gara jaqabaarraa kaasee hanga har'aattuu Abbabaan gitaaraa miidhagsee akka taphatu namoota danuutu ragaa bahaaf.
Gumaata aartii Oromoof
Bara 1976 Hawwisoo Gimbiitti dabalamee gitaaraa rukutuun hojii jalqabe. Xalayaan maatii isaatti ergamuun akka gitaaraa taphatuuf affeerame.
Bara 1980 gara jalqabammoo Finfinnee dhaqe.
Finfinneetti mana shubbisa halkanii keessatti meeshaalee muuziqaa taphata ture.
Sana booda bara 1984 baandii ABOtti dabalamee Finfinneetti muuziqaa hojjataa turuu yaadatee dubbata.
ABO'n mootummaa ce'umsaa keessaa erga bahe booda ammoo Baandii Gadaa hundeessuun sochii eegalan.
Baandii sana keessa weellistoota beekamamoo akka; Hirphaa Gaanfuree, Ebbisaa Addunyaa, Biqilaa Guyyoota, Yooseef Gammachuu, Umar Sulemaan, Tuujii Muddee, Zarihuun Wadaajoo, fi Muktaar Usmaan fa'aatu ture.
Abbabaan bara sirba hojjataa turan dhiibbaan mootummaarra itti cimee ture.
Weellistoonni kaan biraa hidhamaa akka turan, Ebbisaa Addunyaa fa'aa ammoo warreen lubbuu itti dhaban ta'uu kaase.
Abbabaan sirboota kaasetti shan, waliigalatti sirboota 50tti dhiyaatan hawaasa biraan gahe.
Kaassettiin isaa jalqabaa 'Dammeekoo' jedhu birrii 3,000tti gurgure jedhe.
Kaaassettii isaa lammataa bara 1987 baase birrii 20,000tti gurgurate.
Bara sanatti artistoonni kaan birrii kuma lama, sadii fa'aatti gurguran ture jedha.
Kaassetta isaa lammaffaa bara sana maallaqa guddaatti akka gurgure dubbate.
Abbabaan weellisonnii biroo yeroo sirba baasan istuudiyootti gitaaraa dhahaafi ture.
Weellistoota akka Ilfinash Qannoo, Zarihuun Wadaajoo, Daawwitee Mokonniin, Hayiluu Kitaabaa fi Hirphaa Gaanfurree dabalatee weellistoota danuuf gitaaraan muuziqaa qindeessuu akka gargaare ibseera.
Abbabaan sirboota danuu qindeessuu beekamtii horate. Sana booda wallee ofisaatii maxxansuutti ce'e.
Kaasseetti Usmaayyuu Musaa isa jalqabaaf, Mahaadi Sheekaa, Shaabee, Sheekoo, Suutee Baarentuu fa'aa sirboota Abbabaan akka hojjachuu dubbatu keessatti eeramu.
Abbabaan sirba Alii Birraa akka jaalatu, kaassetti isaa jalqabaa keessattilee sirba tokko akka irra deebi'ee sirbe ibseera.
Walaloo sirbootasaa baayyee hiriyaasaa Kiyyaa Suurraa jedhamu barreessaafi akka ture dubbateera.
Kiyyaan diraamaa Dhaaba Wayyeessaa barreesse 'Dukkanaan duuba' jedhu keessatti taatoo akka tureefi amma lubbuun akka hin jirre kaase. Sirba 'dammekoo daabee tooraa' jedhus matadureesaa nama Hamaduu jedhamutu naaf barreesse jedhe. Yeedaloo isaa ofiif itti miidhagfachuu dubbate.
Abbabaan Haramayaa dhaqee hin beeku garuu sirbasaa 'Haroo Haramayaa' jedhu dhalata Harargeetu naan barreesse jedhe.
Weelistoonni Oromoo yeedaloo fi walaloon wal tumsaa, waliif gumaachaa sirba hojjataa akka turan ibseera.
Araada
Abbabaan yeroo sirba qindeessaa turetti maallaqa gahaa argataa akka ture garuu araadaa jimaa, tamboo fi dhugaatiitti qisaasessa akka ture ifatti dubbate.
'' Jimaa baayyeen qama'a, sigaaraan xuuxa, dhugaatii alkoolis nan dhuga ture, jireenyi kiyya isaan walqabataa ture'' jedha.
Amantii pirotestantii akka fudhatuuf araadanii sababa ijoo tokko akka ture ibseera.
Guyyaan amantii piroteestantii amaneerraa kaasee araada tamboofi jimaatti hin deebine, jedhe.
Amma guutuummaa araada kana keessaa bahee jiruu fooyyeetti akka jiru ibseera.
Akkamitti akka sirba dhiise?
Abbabaan ALA bara 2016 konsartii sirbaaf Noorweyirraa gara Itoophiyaa dhufeetu sirba dhiise.
Konsartiin sun magaaloota baayyeetti akka karoorfamee ture kaasuun, Adaamaa, Shaashamannee fi Beddeelleetti sirbee gara Naqamtee otoo hin ce'iin amantii Pirotestaantii fudhatee sirbatti nagaa akka dhaammate dubbate.
Egasii Abbabaan sirbarraa citee gara faarfannaatti fuula naanneeffate.
Amma farfannaa namoonni biroo baasan irra deebi'aa faarfachuun waldaa warra wangeelaa Afaan Oromoo Norweey keessatti akka tajaajila jiru dubbate.
Meeshalee muuziqaa isaa yeroo danuu ofumaa qindeeffata, Gitaaraasaas harkaa hin dhabu, sirboota ofiif qindeeffata.
Jiruu Noorwey
Abbabaan akkuma hiriyootasa artistoota kaanii dhiibbaa siyaasaatiin biyyaa baqachuu dubbata.
Abbabaan waggaa 25'n kana muuziqaa akka qindeessuuf gara Noorweyitti affeeramee gara biyyaattii deebi'ee galuu akka soodaatee achitti hafe dubbate.
Sagantaa muuziqaa sana namoota sababa siyaasaan biyyarraa baqatanitti agarsiisaa waan turaniif yaaddoo nageenya qaburraa kan ka'e Noorweyitti koolugaltummaa gaafate.
Yeruma sana eeyyama jireenya argatee biyya sanatti hafu haasa'a. Hanga har'aatti maatiisaa waliin biyya Norweey jiraata.
Abbabaan Noorwey biyya qananiitu, eebbifamtuu fi tasgabbii qabdu ta'uu ibseera.
Abbabaan haala jireenyaaf mijataa keessaas akka jiru dubbateera.
Abbaa ijoollee afurii yoo ta'uu, Norweyitti akaakayyuu tokko argateera.
Amma addunyaa garaa garaa keessa naanna'ee farfannaan waldaa Kiristaanaarra deeme akka tajaajilu ibseera.
Jireenyasaatti gammachuu akka qabu, bu'aa bahii keessa darbettis akka hin gaabbine Abbabaan BBCtti himeera.