'Gaambeellaatti kaleessa qofa namoonni 100 ol rasaasaan dhahamanii yaalamaa jiru'

Gareen Doktoorota Daangaa Malee (MSF)jedhamu Gambeellatti Roobii kaleessa qofa namoonni 100 ol rasaasan madaa'uun wal'aansaa argataa jiraachuu ibse.

Gareen gargaarsa yaalaa idil-addunyaa kun akka beeksisetti, walatti bu'iinsa naannoo Gaambeellaatti deemaa jiruun Roobii kaleessaqofa namoonni meeshaa waraanaatiin miidhaman 100 ol dhaabbata yaalaa isaa gahaniiru.

Walitti bu'iinsa torbee lamaa oliif Gaambeellaatti geggeeffamaa tureen lubbuun namoota hedduu darbuu gareen gargaarsa yaalaa idil-addunyaa MSF dabaluun beeksiseera.

Gareen kun ibsa Mudde 24, 2025 baaseen, yoo walitti bu'iinsi kun itti fufe guyyoota itti aanan keessatti miidhaan caalu qaqqabuu akka danda'u hubachiisera.

MSF bara 2014 irraa eegalee baqattoota naannoo Gaambeellaa Itoophiyaa keessatti argamaniif kunuunsa yaalaa kennaa ture.

Mootummaan naannoo Gaambeellaa jeequmsi naannichatti torban hedduuf ture hordofuun kaleessa Muddee 24, 2025 irraa eegalee naannoowwan yaaddoo nageenyaa qaban keessatti daangeffama yeroo kaa'era.

Galgala sa'aatii 2 hanga ganama sa'aatii 12tti uggura sochii kaa'eera.

Mootummaan naannichaa ibsa uggura sochii labse keessatti haala nageenyaa yeroo ammaa naannichaa ilaalchisee ibsa dabalataa hin kennine.

Haala nageenyaa naannichaa to'achuuf uggura sochii kan kaa'ame yoo ta'u, humnoota nageenyaa irraa kan hafe konkolaataa fi namoonni kamuu saatii daangeffame kan ganama sa'aatii 1 booda akka hin sochoone dhorkameera.

Mootummaan naannichaas humnoota nageenyaa hayyamamaniin alatti naannoo kamittuu socho'uun akka hin danda'amne beeksiseera.

MSF Roobii darbe kaampii baqattootaa Kulee keessatti namoota madaa'aniif wal'aansa fayyaa kennuu erga jalqabee sa'aatii 48 keessatti namoota madaa'an 50 yaaluu isaa ibsuun, 19 haala yaaddessaa keessa akka jiran itti dabaluun ibseera

Itti dabaluunis guyyoota torba darban keessatti namoota madaa'an 150 ol yaaluu ibseera.

Kaampii baqattootaa Kulee baqattoota Sudaan Kibbaa gara kuma 55 kan qabu yoo ta'u, MSFn tajaajila fayyaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa kaampii kana keessatti kenna.

MSF akka jedhetti Hospitaalli Magaalaa Gaambeellaa sababa baay'ina namoota madaa'aniin torban tokkoof cufamee ture, tajaajilli yaalaa biroos addaan citeera.

Gareen kun erga waldhabdeen kun jalqabee lubbuun namoota hedduu darbuu fi kaaniis miidhaan irra gahuu ibseera. Walitti bu'iinsi kun yoo itti fufe lakkoofsi namoota miidhamanii gara hospitaalichaa seenan dabaluu akka danda'u ibseera.

Gambeellaa keessatti tibbana walitti bu'iinsa irra deddeebi'ee muudateen ajajaa waraanaa Gambeellaa dabalatee namoonni hedduun ajjeefamaniru.

Walitti bu'iinsa magaalaa guddoo fi godinaalee fi aanalee naanichaa keessatti uumameen lubbuun namaa darbuu, miidhamuu fi qabeenyi barbadaa'era.

Kana hordofuun baankotaa fi waajjiraalee mootummaa dabalatee dhaabbileen tajaajila kennan hedduun tajaajila kennuu akka dhaaban torban darbe gabaafameera.

Wixata darbe Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa humnoonni ittisaa fi tika federaalaa hatattamaan akka bobbaafaman gafachuun ni yaadatama.

Sana boodas humnootni achitti bobbaafamuu isaanii hordofuun, dhaabbileen tajaajila kennan hojii isaanii eegalanii ture.

Kaampii baqattootaa naannoo Gaambeellaatti deeggarsa kan kennu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) ibsa tibbana baaseen, baqattoota Sudaan Kibbaa naannicha keessa jiraniif dhiyeessiin nyaataa fi bishaanii sababa waldhabdee naannoo sanatti uumameen yeroof akka addaan cite ibseera.

Dhaabbatichi ibsa baaseen "odeeffannoon dogoggoraa" miidiyaa hawaasaa irratti waa'ee kaampii baqattootaa Gaambeellaa irratti maxxanfamaa jiru yoo hatattamaan furmaata argachuu baate balaa dabalataa fiduu akka danda'u akeekkachiiseera.

Mootummaan naannichaa humnoonni nageenyaa namoota walitti bu'iinsa naannichatti uumame keessaa harka qabu jedhe to'annaa jala oolchaa akka jiran kan ibse yoo ta'u, namoota meeqa to'annoo seeraa jala akka jiran hin ibsine.

UNHCR Muddee 22, 2025 Mootummaan federaalaa fi naannoo walitti bu'iinsa yeroon darbee naannicha keessatti ka'e dhaabbataadhaan dhaabuuf, itti gaafatamummaa mirkaneessuuf, gara fuulduraattis sarbamni mirga namoomaa walfakkaataan akka hin mudanne tarkaanfii barbaachisaa ta'e akka fudhatan ibsichi waamicha dhiyeessee jira.

Gareen Doktoorota Daangaa Malee (MSF) nageenya namoota nagaa irratti "yaaddoo guddaa" akka jiru ibsuun,qaamni dhimmichi ilaallatu xiyyeeffannoo kennuu akka qabu waamicha dhiyeessera.

Dhukkubsattoonni, hojjettoonni fayyaa fi dhaabbileen yaalaa haleellaa irraa akka eegamus gaafateera.