Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaa ijoolleesaa sadii ajjeesee miliqe nama qabeef US badhaasa doolara kuma 20 ramadde
Poolisiin nama Waashingitan jiraatu torban tokko dura ijoollee durbaa sadii ajjeese jedhame barbaadaa jira.
Namichi waggaa 32 kan Tiravis Deker, jedhamu ijoollee isaa dubaraa sadii kan umuriin isaanii sagal, saddeet fi shan ta'an ajjeesuu isaatiin himannaa ajjeechaa sadarkaa tokkoffaatiin barbaadamaa akka jiru Poolisii Kutaa Waashingitan ibseera.
Qondaaltonni akka amananitti, namtichi kun gara manatti kan hin deebinee fi baadiyyaa fagoo gaarreen fi bosona qabu keessa dhokatee jiraachuun isaa barbaacha isa rakkisaa taasiseera.
''Yoo itti dhiyaatames rakkoo uumuu danda'a'' jedhamee sodaatamaa jira, garuu poolisiin maal gochuu akka danda'u hin dubbanne.
Ijoolleen kunneen Peitiin, Eveliin fi Oliviyaa jedhamu. Akka poolisiin jedhutti jalqaba torban kanaa bakka buufata fagoo tokkotti geeffamanii ukkaamfamanii ajjeefaman.
Haati shamarran kanaa torban dura Caamsaa 30 akka ijoolleen kunnee dhabaman kan Poolisitti himte yoo ta'u, abbaan ijoollee kanaa Deker ijoollee kana ilaaluuf dhaqee isaan fuudhee erga deemeen booda deebii kennuu akka didee fi bilbila isheellee akka hin kaasne eeruu kennite.
Guyyoota muraasa booda Waxabajjii 2 poolisiin reeffa daa'imman sadan kanaa naannoo buufata magaalarraa fagoo kanaatti arge.
Poolisiin bilbila harkaa Deker naannawa sanatti kan arge yoo ta'u isa garuu naannawa sanatti argachuu hin dandeenye.Akkasumas Konkolaataan manaa kan isaa ta'a jedhamee amanamus naannoo sanatti argameera.
Poolisiin kutaa Chilan Sheriff Mike Morrison ibsa kennaniin Deker karaa nagaan bakka jiruu poolisitti akka harka kennatu gaateera.
''Kaka'uumsa kamiinii kun fudhatama hin qabu'' jedhan. ''Namni sammuu qabu kamiyyuu waan akkanaa hin hojjetu ture,'' jedha Moorisan.
Dandeettiin Deker jireenya manaan alatti jiraachuu danda'uun isaa FBI dabalatee aanga'oonni isa argachuun rakkisaa ta'uu danda'as jedhame.
Sheriif Moorisan maatii Deker waliin erga haasa'ee booda akka jedhetti Deker yeroo tokko tokko hanga ji'a lamaa fi walakkaatti gara manaatti hin deebi'u.
Kanaafuu Deker ijoollee isaa osoo hin ajjeesin dura naannoo sana gadhiisee karaa itti dhokatu qopheessee ta'uu akka hin oolle, akkasumas beekumsi inni akkamitti yeroo dheeraaf achi turuu akka isa gargaare sheriff ibseera.
"Kanaaf furmaata nagaa barbaanna, garuu abdii hin kutannu," jechuun Sheriff Morrison, Deker dhokatee akka bahee akka of kennu gaafate.
Tajaajilli Maarshaal Ameerikaa odeeffannoo Deker bakka jirutti geessuuf badhaasa doolaara kuma 20 akka kennu Roobii darbe beeksiseera.
Sakatta'iinsi kun paarkiiwwan biyyoolessaa naannoo sanaa namoota miilaan deeman biratti jaallatamu hedduun akka cufaman taasiseera.