Raashiyaatti seerri barattoota dabalatee shamarran akka ulfaa'an jajjabeessuuf ba'e falmii kaase

Raashiyaan lakkoofsa namoota dhalatanii biyyatti keessatti gadi bu'aa jiru dabaluudhaaf jecha haadholiin dargaggoota ta'an akka da'aniif deeggarsa maallaqaa taasisuuf sagantaa haaraa baafte.

Qeeqxonni ammoo sagantaan akkasii kun ulfa dargaggoota jajjabeessuuf kan ba'ee fi barattoota dabalatee namoonni yeroo malee ulfa hin barbaachifnee saaxila jechuun yaadaa kana mormaniiru.

Qorannoon BBC akka agarsiisutti, naannoleen Raashiyaa 27 keessatti baatii Guraandhalaa irraa eegalee sagantaalee barattoonni barnoota olaanoo ulfaa'an kaffaltii yeroo tokkoo akka gaafatan dandeessisu hojiirra oolera.

Dubartoonni umuriin isaanii waggaa 25 gadi ta'e ulaagaa kana kan guutan yoo ta'u, kaffaltiin isaas Ruubela Raashiyaa 100,000 ykn gara doolara 1,220 ta'a.

Hanga ammaattis dubartooti hedduun kaffaltii haaraa kana argachaa jiru.

Ibsi Ministeera Hojjetaa biyyattii irra ba'e kun barattoota dabalatee shamarraan umurii dargaagummaa keessa jiran ulfa'anii sagantaa kanartti akka fayyadamanii fi kunis qaama saffisaan lakkoofsa daa'immaan dhalatanii dabaluu ta'uu eerera.

Seerri kun irra caalaatti falmisiisaa kan ta'e, naannolee heddu keessatti barattoonni shamarranii manneen barnootaa keessatti ulfaa'an heddummachaa jiraachudha.

Seerichi umurii 25 gad jedha malee daangaan umurii gadi aanaan hin kennamne, kunis shamarran umuriin isaanii waggaa 18 fi isaa gadi ta'e ilaallata jechuudha.

Umuriin hayyama saalqunnamtii Raashiyaa keessatti waggaa 16 yoo ta'u, haalli guddattoonni umurii kanaa gadii ulfaaf saaxilamuu isaanii akka dabalullee namoonni seera bahe kana mormaan kaan kaasan.

Dubartiin Miseensa paarlaamaa Raashiyaa kan mootummaa Pirezidaantii Vilaadmiir Puutiinif amanamaa ta'e Keseniyaa Goryacheva imaammata akkanaa kanneen akkan qeeqaan keessa ishee tokko.

Lakkoofsa ummataa sirreessuuf jennee waan shamarran keenya balaa keessa buusu gochuun sirri mitii jetti. Faayidaa isaa caalaa miidhaansaa hedduu ta'uu falmiti.

Dubartiin mirga namoomaaf falmitu Niinaa Ostaaniinaan kaffaltiin akkanaa akkanaa kun ''duudhaa hawaaasaa kan faallessu qofaa utuu hin taane, mootummaan dubartoonni umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta'e akka da'an jajjabeessuuf yaalii gochaa jiraachuu'' agarsiisa jette.

Bulchaan naannawa Oryol Andrey Kilyechikov tarkaanfiin kun namoota "sababa haala jireenyaa rakkisaa qabaniif ulfaa'uu sodaatan jajjabeessuuf sadarkaa federaalatti kan ragga'eedha jedhu. Kanaaf dhimma ijoo dubbii ta'u utuu hin taane " akka "safartuu deeggarsaatti" ilaalamuu qaba jedhan.

Bara darbe waggoota 25 darban keessaa daa'imman Raashiyaa keessatti dhalatan miiliyoona 1.2 qofa.

Ji'a Adoolessaa darbe keessa dubbi himaan biyyattii Kiremlin Dmitry Peskov sadarkaan da'umsaa ''haala yaaddessa ta'een gadi bu'uu'' fi ''egeree sabaaf balaa guddaa geessisu danda'a'' jechuun ibsaniiru.

Bara 2046tti lakkoofsi ummata Raashiyaa gara miiliyoona 139tti gadi bu'uu malas jedhameera.

Haalli kun waggoota dheeraaf haasaa pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin keessatti mata duree ta'ee ture.

Haasaa baatii Muddee keessa taasisaniin ''haala dimogiraafii fooyyessuu, saffisa dhalootaa fi maatii guddaa deeggaruun'' ''galma biyyaalessaa dursa kenninu'' jedhani ture.