'Daa'imni dhabamte ijaaf gogaa isheef hakimoota aadaatin barbaadamaa turte'- Mana Murtii

Daa'imni dubaraa Afrikaa Kibbaa waggaa ja'aa tokko bara darbe achi buuteen ishee dhabame ture.

Manni murtii biyyatti dhimma ishee hordofaa tures daa'imni kun 'ijaa fi gogaa' isheef ogeessa fayyaa aadaatiin barbaadamaa akka turte ragaan jirachuu hime.

Daa'imni Jooshliin Ismiiz jedhamtu, kana haati ishee Keelii Ismiiz fi namoonni ishee waliin hojjetan biroo wal ta'uun akka dhabamtu taasisuu keessatti shira xaxaniiru jechuun manni murtii haadha daa'imattiifi shakkamtoota kaan irratti himata bane.

Dhaddacha irrattis gogaan daa'imattii diimaa ta'uu fi ogeessi fayyaa aadaatiin barbaadaamaa turte kan jedhu dabalatee himannaan biroo dhaga'amaaniiru.

Himannaa daddabarsaa namaa fi ukkaamsuu irratti baname kana Keelii Ismiiz, jaalalleen ishee Jaakin Apoolisii fi hiriyyaan isaanii Isteeveenoo Vaan Riyan gochicha hin raawwannee jechuun mormaniiru.

Daa'imattiin kun bara darbe baatii Gurraandhalaa keessa mana ishee naannoo Keep Taawunitti argamu irraa akka badde gabaafameera.

Dhabamuun Joshliin akka biyyaatti dubbi oijoo ta'uun barbaadamaa turtullee hanga yoona achi buuteen ishee hin argamne.

Jalqabarra haati ishee Keelii Ismiiz, daa'imattiin(Jooshlin), kan bifti ishee diimaa fi ija cuquliisaa qabdu, akka manaa badde himte.

Boodarra abbootiin alangaa intala ganna jahaa haati baddetti jette soba ta'uufi shira isheetin "gurguratteetti ykn wayiin jijjiirteetti" jechuun himata itti banan.

Dhaddachi amma torbee sadaffaa irra kan jiru yoo ta'u, giddugala hawaasaa magaalaa Saldanhaatti gaggeeffamaa jira.

Torban jalqabaa dhaddacha irratti manni murtichaa waa'ee dhabamuu daa'ima kanaa odeeffannoo bal'aa dhaga'eera.

Haati kun daa'imni erga dhabamtee, sa'aatii jaha booda poolisiitti gabaaste.

Namoonni hedduun rifachuun, daa'imattii waayita barbaadaa turanitti haalli rifaatuu tokkollee kan irraa hin mul'anneefi tasgabooftee jirtu akkasumas, daa'ima ishee badde caalaa bakka jaalallee ishee jiru kan ishee yaaddessu ta'uu irraa hubatamuu hime Abbaan Alangaa.

Dhaddacha torban lammaffaa irrattis ragaawwan hedduu nama rifachiisu dhaga'ameera.

Paastariin naannoo sanaa tokko akka jedhanitti, Keeliin haadha ijoollee sadii yoo taatu, bara 2023 irraa eegalee tokkoon tokkoo ijoollee ishee doolaara 1,100n gurguruu dubbachaa turte jedhe.

Akkasumallee hanga jedhamu kanatti yoo gurguramuu baatanillee, hanga doolaara 275 fudhachuuf fedhii akka qabdu eererera paastarichi.

Barsiistuun daa'ima kanaa mana murtiitti akka himtetti, yeroo ishee barbaadaa turanitti, haati kun intalli ishee ''konteenara keessa dhofkamtee dooniin gara Afrikaa Dhihaatti akka geeffamte'' dubbatteetti.

Akka ragaan abbaa alangaa mul'isutti hiriyyaa fi ollaa haadha kanaa kan taate, Lawurenshiyaa Lombardi, odeeffannoo nama rifachiisu tokko tokko mana murtiitti himuu agarsiisa.

Torban darbe guyyoota sadiif walitti aansuun ragaa kan baate ollaan kun, dhabamuun daa'imattii ogeeyyii fayyaa aadaa ''sangooma'' jedhamuun beekaman Afrikaa Kibbaa waliin walqabatee akka ta'e dubbatte.

Haati daa'imatti hiriyyaa ollaa ishee kanaan "waan gowwummaa hojjedhe,.. Karaan maallaqa ittin argadhu biraa dhabee waanin rakkadheef, Intala koo 'sangomaatti' gurgure jette'' jechuun ragaa itti baate.

Haati kun namootni waa'ee ijoollee ishee gurguruuf karoorfachuu ishee beekan akka callisaniif maallaqa kaffaluuf waadaa galtee akka turte ollaan sun dhaddacha irratti ragaa baateetti.

Boodarra ollaan kun Keelii Ismiiz uffata ijoollee ishee tokko tokko boorsaa gurraacha keessaatti qabattee deemtee dubartii ogeessa fayyaa aadaa jedhamtu waliin wal arguu isaa argeera jette

Manni murtichaas haati fi daa'imni konkolaataa adiin dubartii hakima aadati jedhamtu kana waliin akka deeman olla irraa dhaga'eera.

"Dubartiin daa'ima fudhatte ijaa fi gogaa isheef barbaadde" jette namni kun.

Ogeeyyi fayyaa aadaa warri jedhaman kunneen maaliif daa'ima akkasii akka barbaadu mana murtiif ifatti hin ibsamne.

Dubartiin hakima aadaa ta'uun ishee amanamu, Keelii fi namoota dhuunfaa biroo waliin to'annoo jala ooltetti, garuu sababa odeeffannoo dhabuutiin himannaan dhuunfaa ishee kufaa ta'eera jedhame.