Daa'immaan 33 dabalatee namoonni 50 Sudaanitti ajjeefaman

Sudaan Kibbaa magaalaa Kaloogii haleellaan diroonii mana barumsa daa'immanii irrati raawwatame, daa'imman 33 dabalatee yoo xiqqaate namoota 50 ajjeese.

Humna Addaa (RSF) kan waraana Sudaanin wal lolaa jiruuti haleellaa kana raawwate jedha neetworkii haakimoota Sudaan, fi Raayyaa Ittisa Biyyaatii

Himannaa kana irratti RSF deebii hin kennine.

Inumaayyuu haleellaa diroonii Jimaata darbe naannoo Daarfuur keessatti kuusaa boba'aa irratti raawwatameef waraana Sudaan himatan.

Waldhabdee RSF fi waraana Sudaan kan duraan michoota ta'an hordofee Ebla bara 2023 irraa eegalee Sudaan waraanaan barbadaa'aa jirti.

Akka ministeerri dhimma alaa Raayyaa Ittisa Biyyaattii deeggaru jedhutti, manni barumsaa daa'immanii kun misaa'eloota diroonii irraa dhufaniin rukutame.

Namoonni nagaa fi haakimoonni mana barumsichaatti fiiganis haleelamaniiru jedhu.

Haleellaa kana hordofee dubbi himaan dhaabbata daa'immanii UNICEF, "Mana barumsaa isaanii keessatti daa'imman ajjeesuun mirga daa'immanii sarbuudhaa." jedha

''Sababa waldhabdeef ijoolleen gonkumaa miidhamuu hin qaban,'' jechuun Sheldoon Yeet dubbate.

Qaamoleen hundi haleellaa kana hatattamaan akka dhaabanii fi gargaarsii namoomaa gufuu tokko malee uummata akka qaqqabuu taasisuu ejensichi gaafate.

Waraanni Sudaan daangaa Adiree kan haleelleef bakka "gargaarsaa fi dhiyeessii daldalaaf" fayyadamaa turan jedha.

Akka gareen qorattootaa waldhabdee kana hordofan Sudaan Monitor jedhutti haleellaan kun namoota nagaa fi gabaa irratti miidhaa guddaa geessiseera.

Waraanni Sudaan haleellaa Daarfuur kana irraa yaada hin kennine.