Daandii godaansaa balaafamaa fi gidiraa lammiileen Itoophiyaa galaanarratti argan

Dilbata darbe gaafa Hagayya 3, 2025 bidiruun godaantota 157 feetee turte handaara galaanaa Yamanitti dhidhimuun lubbuun namoota 60 caalanii darbeera.

Dhaabbati Godaantotaa Idiladdunyaa (IOM) godaantonni lubbuunsaanii darbe kunneen hedduunsaanii lammiilee Itoophiyaa ta'uu akka hin oolle ibseera.

Bidiruun kun bulchiinsa kibba Yaman- Abiyaan jedhamtutti kan dhidhimte yoo ta'u sababa haala qilleensaa hamaa ta'een taateen kun akka mudate ibsameera.

Godaantota bidiruu kana keessa turan keessaa namoota 12 lubbuusaanii baraaruun kan danda'ame yoo ta'u kaan garuu hanga yoonaa hin argamin akka jiran IOMtti hoogganaan damee Yaman BBCtti himaniiru.

Bidiruun daandii galaanaa dallaalonni seeraan alaa fayyadaman irra yabalaa turte.

Godaantota bidiruu kanarra turan keessaa reenfi namoota 54 bulchiinsa kibba Yaman bakka Kaanfaar jedhamtu keessaa handaara galaanaatii argame.

Reenfi namoota 14 ammoo hospitaala magaalaa guddoo Abiyaan kan taate Ziinjibaar jedhamtu keessatti argamutti kutaa reenfaa galfamuu Asoosheetid Pirees gabaaseera.

Daandii galaanaa balaafamaa bidiruuwwan hedduun keessatti didhiman kanarratti lubbuun godaantota Itoophiyaa hedduun darbeera.

Balaa bidiruu ji'oota darban mudatan

Godaantonni Gaanfa Afrikaa irraa gara biyyoota Galoo Galaanaatti imalan Galaana Diimaa fayyadamuun gara Yamanitti erga ce'anii booda achirraa godaanu.

Wayita gara Yamanitti ce'an Galaana Diimaa irratti, erga Yaman ga'aniis hidhattootaan dararaa hamaa argu.

Yeroo dhihoo as bidiruun Galaana Diimaa irratti gargaluun lubbuun namoota dhibbaan lakkaa'amanii gaaga'amuu ykn namoonni hedduun achi buuteensaanii dhabamuu IOM gabaaseera.

Bitootessa darbe bidiruun godaantota Jibuutii irraa feetee Galaana Diimaarra imalaa ture daangaa Yaman wayita geessu dhidhimuun lubbuun namoota 180 caalanii darbeera.

Kanneen du'an fi achi buuteensaanii kanneen dhabame keessa lammiileen Itoophiyaa hedduutu jiru.

Bidiruu daangaa Yaman qaqqabuutti dhihaattee dhidhimteen namoota du'an keessaa 31 lammiilee Itoophiyaa ta'uu fi sadi ammoo lammiilee Yaman hojjettoota bidiruu sanaa ta'an ta'uu gabaasi AP ni eera.

Amajjii darbe bulchiinsa kibba Yaman handaara galaanaatti bidiruun dhidhimuun lammiileen Itoophiyaa 20 caalan du'aniiru.

IOM yeroo sana gabaasa baaseen bulchiinsa kibba Yaman bakka Taayiz jedhamutti balaan kun qaqqabuu ibsee ture.

Kanneen du'an dhiira 11 fi dubartoota sagal yoo ta'an bidiruun godaantotaan dhidhimte sun lammiilee Itoophiyaa 35 feetee akka turtes jaarmiyaan dhimma baqattootaa kun gabaaseera.

Godaantonni Itoophiyaa 15 akkasumas hojjettoonni bidiruu lammiilee Yaman ta'an lama lubbuudhaan ba'aniiru.

Onkoloolessa 2024 ammoo balaa bidiruu handaara Jibuutiitti mudateen godaantonni Itoophiyaa 48 du'aniiru.

IOM akka gabaasetti bidiruun lameen Yaman irraa gara Jibuutii imalaa turan godaantota 320 fe'anii kan turan yoo ta'u, namoota bidiruu oofaniin akka irraa bu'an dirqamsiifamuun balaan sun mudate.

Balaa sanaan reenfi namoota 48 kan argame yoo ta'u namoonni 75 achi buuteensaanii dhabameera.

Godaantonni 197 balaa kanarraa hafuu Imbasiin Itoophiyaa Jibuutii jiru BBCtti himeera.

Balaa sana dura Waxabajjii 2024 bidiruun godaantota irra caalaan isaanii lammiilee Itoophiyaa ta'an feetee turte handaara Yamanitti dhidhimuun yoo xiqqaate lubbuun namoota 49 darbuun gabaafamee ture.

Godaantonni balaa sanarraa hafan lubbuu baraartotatti akka himanitti bidiruttiin godaantota 260 feetee turte.

Akkasheen garagaltuuf sababa kan ta'e ammoo qilleensa cimaa humnaa ol ta'edha.

IOM yeroo sana gabaasa baaseen kanneen du'an keessaa 31 dubartoota fi ja'a daa'immani.

Dubartootaa fi daa'imman 90 dabalatee walumaagalatti lammiilee Itoophiyaa 145 fi lammiilee Somaalee 115 ta'an bidiruu sanarra kan turan yoo ta'u, ka'umsi isaaniis Bosaasoo irraa ture.

"Godaantota eegumsa hin qabne"

Bara 2024 qofa godaantonni kuma 60 ta'an Yaman seenuu fi waggoota kudhan darban keessatti yoo xiqqaate namoonni 3,435 ta'an du'uu akkasumas kanneen achi buuteen dhabame kumaatamaan kan lakkaa'aman ta'uu IOM gabaaseera.

Kanneen keessaa 1,416 kan ta'an bidiruu ittiin dhidhimeetu du'an.

Imala akkanaan baayyinaan lubbuunsaanii gaaga'amaa kan jiru lammiilee Itoophiyaa ilaalchisee IOM ''sababa walitti bu'iinsaan, jijjiirama qilleensaa fi hiyyummaan lammiileen Itoophiyaa karaa Yaman gara biyyoota Galoo Galaanaa ni godaanu. Biyyoota kunneen keessatti dararaa, saamicha humnaa fi gaaga'ama lubbuutu isaan eeggata,'' jedhe.

Godaantota kunneeniif tajaajila fayyaa, nyaataa fi eegumsaa kennuuf dirqama kan qabu jaarmiyaan kun fedhii fi dhiheessiin akka wal hin simne ibseera.

IOM ''godaansi Gaanfa Afrikaa irraa gara Yamanitti taasifamu baayyee dhiphina kan qabuu fi akkaan balaafamaadha,'' jedhe.

Jaarmiyaan godaantotaa addunyaa kun gabaasa yeroo garaagaraatti baasaa tureen, namoonni seeraan ala godaantota deddeebisan ''abdii kutannaa fi saaxilamummaa'' godaantotaa akka carraatti fayyadamuun, godaansa balaafamaa kana akka karoorsan eereera.

Kanaan dura godaantonni harka dallaalota seeraan alaa jalaa baraaraman akka jedhanitti deddeebistoonni seeraan alaa kunneen eegsota handaara galaanaa jalaa miliquuf ykn ammoo maal na dhibdeedhaan daandii balaafamaarra akka isaan ergan dubbataniiru.

'Koriidarii Bahaa' balaafamaa

Daandiin godaantonni Baha Afrikaa gara Yaman irra imalan ''Koriidarii Bahaa'' jedhamuun beekama.

Xiyyeeffannaa guddaan kennamuufii baatus daandii bal'inaan godaantonni irra imalaniidha.

Godaantonni daandii kanarra imalan kanneen BBCn kanaan dura dubbise daandiin kun ''baayyee balaafamaadha,'' jechuun ibsanii turan.

Daandichi akkaan balaafamaa ta'us waggaa waggaan godaantonni kuma dhibbaan lakkaa'aman daandii kanarra ni imalu.

Jaarmiyaan Mixed Migration Centre jedhamu akka ibsetti waggaatti godaantonni Afrikaa irraa gara Yaman ce'an kuma 100 ni ga'u.

Godaantonni kunneen irra jireessaan lammiilee Itoophiyaa yoo ta'an lammiileen Somaaliyaa fi Jibuutiis ni godaanu.

Bara 2014 irraa eegalee waraana waliiniin kan jeeqamaa jirtu Yaman keessatti miidhaan qaamaa, xiinsammuu, saamichi maallaqaa fi dararaan hedduun godaantotarra akka ga'u jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falman irra deddeeniin ibsu.

IOM godaantonni Itoophiyaa hedduun gaaffii diinagdee qabaatanis, keessattuu dargaggoonni naannoo Amaaraa fi Naannoo Oromiyarraa godaanan walitti bu'iinsa fi hidhaa jalaa miliquuf akka godaanan ibse.

Gara Yaman imaluuf daandiin fayyadaman karaa Jibuutii yoo ta'u, bara 2023 lammiileen Itoophiyaa kuma 106 ta'an Jibuutii seenaniiru.

Godaantonni kunneen torbanoota hedduu imaluun Jibuutii seenu, lukaan ykn konkolaataadhaan walirratti heddummaatanii imalu.

Godaantonni daandii kanarra imalan kanaan dura BBCtti akka himanitti, handaara galaanaa erga ga'anii booda namoota seeraan ala godaantota deddeebisaniif doolaara 300 kaffaluun gara Yamanitti ce'uuf yaalu.

Jaarmiyaan mirga namoomaa idiladdunyaa Human Rights Watch bara 2023 gabaasa baaseen eegdonni daangaa Sa'uudii Arabiyaa godaantota Itoophiyaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuu eere.

Godaantonni kunneen osoo Yaman irraa gara Sa'uudii qaxxaamuranii ajjeefaman.

Sa'uudiitti hojjettoota mana namaa ta'anii kan jiran lammiileen Itoophiyaa kuma 750 akka ta'an tilmaamama.

Godaansa maaliif filatu?

Dargaggoonni Afrikaa hedduun biyyasaanii fi ardittiirraa abdii wayita dhaban akka godaansa filatan qorannoon African Youth Survey jedhamu ni mul'isa.

Godaantota qorannoon kun irratti xiyyeeffate keessaa lama sadaffaan kallattii biyyisaanii fi ardiin Afrikaa itti adeemaa jiranirraa abdii gutachuu dubbataniiru.

Jaarmiyaan qorannoo gaggeesse kun dargaggoota biyyoota Afrikaa 15 irraa godaanan 4,000 caalan irraa yaada fudhateera.

Jaarmiyaaleen idiladdunyaa dhimma godaantotaa fi namoota koolugaltummaa gaafatan irratti hojjetan ''Itoophiyaa fi biyyoota Gaanfa Afrikaa irraa godaansi taasifamu sababa waraana waliinii, ilaalcha siyaasaa fi dhiittaa mirgaatiin ta'uu,'' ibsaniiru.

Daandii godaansaa balaafamaa addunyaarratti maqaansaanii ka'u keessatti daandiin godaantonni Itoophiyaa irra imalan ni eerama.