Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bidiruun qarqara Yamanitti dhidhimtee godaantonni 60 ol harki caalaan Itoophiyaanota ta'an du'an
Bidiruun godaantota 150 ta'an feetee imalaa turte keessaa sababa qilleensa hamaan qarqara Yamanitti dhidhimtee godaantonni 60 ol lubbuu dhaban.
Kanneen lubbuu dhaban gara caalu lammiilee Itoophiyaa akka ta'an akka amanamu Hogganaan Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) himaniiru.
Bidiruun kun bulchiinsa kibba Yaman Abiyaanitti erga dhidhimtee booda reeffi godaantota 68 argamuu dhaabbata IOM'tti hogganaan damee Yaman BBC'tti himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, godaantonni 12 baraaramaniiru, kaan hedduu ammallee achi buuteen isaanii hin baramne.
Taatee mudate kana kan ''laphee cabsu'' jechuun ibsani.
Yaman ulaa godaantonni biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa bahanii jiruu wayyoo qabu barbaacha biyyoota Arabaa deemuuf keessa bahanidha.
Imala qormaata guddaa qabu kanaan kanneen baatiiwwan muraasa darban dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru yookiin bidiruun dhidhimee achi buuteen isaanii dhabameera.
Hogganaan IOM damee Yaman Abdusaator Isoyev akka jedhanitti bidiruun kuni godaantota 157 ta'an fe'un qarqara galaanaa kanneen yeroo hedduu namoota daddabarsan fayyadamanitti imalaa turte.
Bulchiinsa Kanfaar keessatti reeffi godaantota 54 kan argame yoo ta'u, reeffi 14 biroo immoo hospitaala magaalaa godina Abiyaan, Zinjibaaritti geeffamuu AP'n gabaaseera.
Waajjirri nageenyaa Abiyaan duula barbaacha bal'aa taasifame ilaalchisee ibsa baaseen, reeffi baay'ee qarqara galaanaa bal'aa ta'eerratti argame jedhe.
Dubbii Himaan IOM du'a godaantotaa ''gadda onnee nama cabsun guddoo gadduu'' ibsa baaseen beeksiseera.
Taateen mudatee godaantota imala balaa qabu imalaniif eegumsi atattamaa akka barbaachisu kan mul'isedha jedheera.
Dallaaloti godaantota jiruu ofii fooyyeffachuuf kaka'an fedhii dhuunfaa isaaniif oolchuuf jecha balaarra isaan buusus jedheera.
Bakka bu'aan dhaabbata IOM damee Yamanis godaantotaaf eegumsi seeraa akka barbaachisu himu.
''Wanti biyyoota hundaaf dhaamaa jirru, dallaalotaan gowwoomfamanii karaa balaa qaburra deemurra namoonni karaa seera hordofeen akka imalan,'' haala mijeessuun akka barbaachisu himan.
Dhaabbati Godaantota Idil-Addunyaa imala kana dura Gaanfa Afrikaatii gara Yaman taasifamu ''ulaa godaansaa irra deddeebi'amuufi balaaf saaxilu'' jechuun ibseera.
Baatii Bitootessaa keessa bidiruuwwan lama godaantota 180 fe'an qarqara Yamanitti dhidhimanii namoota bidiruurra dalagan lama malee kan hafan du'aniiru yookiin du'aniiru jedhameeti sodaatama.
Akka gabaasa IOM'tti, godaantonni bakkee dawoo godaanotaa Yaman gahan kanneen namoota daddabarsan akka hin to'atamne sodaa qabanirraa bidiruuwwan haala hamaa keessa ergu jedhaniiru.
Imalli kuni balaa hamaa qabaatus godaantonni hedduu imala kana itti fufaniiru.
Baruma 2024 keessa qofa godaantonni 60,000 ol ta'an Yaman gahaniiru.
Waggaa kudhan darban ulaa godaantotaa kanarratti godaantonni 3,400 ol ta'an du'aniiru.
Kana keessaa 1,400 kan ta'an bidiruun dhidhimeeti du'an jedha qorannoon Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) taasise.