Akeekkachiisni waraanni Israa'el Gaazaatti ummataaf kennaa ture dogongora qabaachuu BBCn adda baase

Namoota akeekkachisa dubbisaa turan

Madda suuraa, Getty Images/Anadolu

Akeekkachiisni Israa’el ummanni Gaazaa haleellaan dura akka bahuuf kennite dogongora hedduu qabaachuu xinxalli BBC adda baase.

Odeeffannoo akeekkachisa irratti barraa’e kan bitaa namatti galaniifi yeroo tokko tokkoos kan maqaan aanaallee dogoggora qabuudha.

Ekspartoonni dogoggorri kunneen dirqama Israa’el seera addunyaa kabajuu qabdu cabsuu ta’u mala jedhan.

Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) akeekkachiifni kamuu kan bitaa namatti galuu ykn wal faalleessu ta’uu hin fudhanne.

Ibsa baaseen, BBCn ‘‘yaaliiwwan inni namoonni nagaa miidhaa jalaa akka bahaniif jajjabeessuuf taasisee cimaa keessaa’’ akeekkachiisa tokkicha qofaa xinxale jedhe.

Seerri namoomaa addunyaa, yoo haalli kan hin hayyamne ta’een alatti, humnootiin haleellaa raawwatan, haleellaan namoota nagaarratti miidhaa qaqqabsiisuu danda’u raawwachuun dura akeekkachiisa qabatamaa akka kennan gaafata.

Israa’el sirni akeekkachiisa ishee wayita Hamaas waraanuu itti fufteetti namoonni nagaa akka balaa jalaa baqatan gargaaruuf kan qophaa’edha jette.

Sirnichis maappii Gaazaa bakka bilookiiwwan lakkoofsi kennameef dhibbaatamatti qoodeera. Innis sirna kanaan dura ummanni Gaazaa keessaa hin fayyadamneedha.

Israa’el yeroo akeekkachiifni kennamuutti, bilookii kam keessatti akka argamaniifi gadi dhiisuu akka qaban adda baasuudhaaf maappii intaraaktiivii intarneetii gubbaa hojjatan.

Maxxansi miidiyaa hawaasaa X kunis geessituu isaa karaa koodii QR’n gara maappii bilookii maastariitti geessuu waliin IDF dhuma Amajjii keessaa mul’isa.

Maxxansa miidiyaa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata’u malee namoonni BBCn dubbise sirnicha karaa onlaayiniitiin argachuufis ta’e, hubachuudhaaf rakkachuu dubbatu. BBCn chaanaalii miidiyaa hawaasaa, Facebook, X fi telegraamii afaan Arabaa kan maxxansa akeekkachiisaa dhibbaan lakkaa’aman qabate xinxale.

Yeroo baayyees akeekkachiifni walfakaatan irra deebiin maxxanfama, yeroo tokko tokkos jijjirama xiqqoon taasifamuun guyyoota ittaanan ykn guyyaa gara biraa chaanaalii gara biraarratti maxxanfamu.

Akkasumas barruulee akeekkachiisaa suuraa kaafamuun onlaayiniitti qooramanis barbaadneera. IDF barruullee akkasii miiliyoona 16 ta’u Gaazaa keessatti raabsuu hime.

BBCnis akeekkachiisa erga Muddee 1, kan erga IDF dhiibbaa idil-addunyaa itti baayyateen booda, kan duraarra ajaja caalaa sirrii ta’e sirna bilookitiin itti kennuu eegale xinxaluurratti xiyyeeffate.

BBCnis guyyaa kanaan booda maxxansawwaniifi barruuleewwan IDF hundaa walitti qabuun garee akeekkachiisaa 26tti ramade. Irra caalaan isaanis kan sirna bilook maastariitti gessaniidha.

Maappii Muddee 22

IDF BBCtti akka himeetti, akkuma akeekkachiisiwwan onlaayiniifi waraqaaleen, ergaawwan bilbilaa duraan waraabamaniifi bilbila dhunfaatiin waa’ee haleellawwan raawwatamu malaniirratti akeekkachifni kennameera.

Haata’u malee sbabii network bilbilaa irra badii cimaan qaqabeef BBC dhimma ergaafi bilbilaa jedhame kanaarratti Gaazaa keessaa odeeffannoo argachu hin dandeenye.

Akeekkachiisiwwan 26 BBCn argate odeeffannoo IDF namoonni naannoo balaa keessaa ittiin bahu danda’an muraasa qabataniiru.

Haata’u malee, 17 isaanii dogongora qabu. Dogongorri kunneenis:

Bilokiiwwan ykn eddoowwan 12 barreeffama keessatti tarreeffaman garuu maappii walitti qabsiifame keessatti hin ka’amne.

Eddoowwan maappii keessatti eeraman sagal garuu barreeffama waliin jiru keessatti hin eeramne.

Akeekkachiifni 10 kan maappiirratti zooniin keessaa bahamu adda baafame bilookiiwwan bakka lamatti baasa, garuu maappiichi daangaa haala gahaa ta’een adda hin baafne.

Akkasumas torba isaanii irratti ammoo agarsiiftuun silaa bakka ‘‘nagaa’’ argasiisuu qabu bakkeewwan keessaa bahamu agarsiisu.

Maxxansa Muddee 13

Dabalataanis, akeekkachiifni tokko ammo ollaawwan bakka biraatti argaman akka waan aanaa tokko keessatti argamaniitti kaa’eera. Kan biraa ammoo lakkoofsa bilook ollaawwan lamaa walitti makeera. Isa sadaffaa keessatti ammoo, bilookiiwwan barreeffamarratti tarreeffaman kan gama faallaa Gaazaa kaan keessatti argamaniitu maappii itti qabsiifame irratti eerame.

BBC dogongora kana IDF’f wayita dhiyeesseettis, addatti maappiicha irratti deebii kennuu baatulleen, barreeffamn maxxansichaarraa haala gahaa ta’en ifadha jedhe. Akkasumas agarsiiftuun wayita namoota gara bakka nagaatti agarsiisuutti, kallattii waliigalaa akka agarsiisuu beekamaadha jedheera.

Dogongorriiwwan kunneenis ittigaafatamummaa Israa’el a‘akeekkachiisa dursaa kennuun’’ seera idil-addunyaa bahu qabdu cabsuu ta’u danda’a jedhe Jaaniinaa Diil, Institiyuutii Naamuusaa, Seeraa fi Walitti Bu’insa Hidhannoo Oksifoordiitti, Daareektatti Waloo.

Irra caalaan akeekkachiisaa kan dogongora qabu ykn namoonni nagaa hubachuuf ifa ta’u yoo baate, ‘‘akeekkachiifniwwan kunneen hojii seera namooma idil-addunyaa jalatti hojjachu qaban hin geenye’’ jedhan.

Kudoo Maakaak, Yunivarsitii Ekteriitti pirofessarri seera idil-addunyaa kan ta’an ammo, dogogorri kunis charraa ‘‘namoonni balaarra of eeguu danda’an’’ hirrisa jedhan.

Barruulee Israa'el

‘Falmii jabaa’

Muddee keessaa, Saalaah abbaan qabeenyaa dhaabbata teknolojii magaala Gaazaa jidduugala Nuseeriraat Gaazaa keessa ijoolleefi soddootasaa waliin dahatee ture. Innis yeroo dheeraaf ibsaa ykn bilbilli ykn intarneetiin akka hin jirre dubbata.

Mana barnootaa dhiheenya inni itti dahate keessatti namoonni ajjeefamuufi kaan yoo baqatan argu hima. Garuu ammo IDF irra akka naannichaa bahaniif wanti itti himame omtu akka hin turre kaasa.

Boodara garuu mana Sim Kaardii qabu tokko argachuun neetworkii Masrii fayyadamuun akkeekachiisa akka naannichaa bahaniif fuula facebook mootummaa Israa’el irratti bahe argu hima.

‘‘Gamoowwan jireenyaa hedduuf ajajni akka bahan jedhutu ture, garuu bilookii kam keessa akka jiraanu nuti hin beeknu turre. Kunis falmii jabaa kaasee ture,’’ jedha Saalaah.

Innis darbee darbee ture intrneetii kan argachuun hadhaa warraasaa Amaanii kan erga waraabaatii kaasee UK jirtuuf ergaa barreesseef. Ishee onlaayinii seenuun maappii bilookii maastarii IDF argachuun bakka abbaan manaashee jiru adda baasuu dandeessi turte.

Garuu akeekkachiisa akka bahaniif kenname tokko Facebook irratti arguudhaan, cimdiiwwan kunneenis bilookiin Saahaal keessa jiru bakka lamaatti lakoofsi kennamuuf hubatan. Kunis maatii kanatti burjaajii ume.

Ta’us Saahaal ijoolleesaa waliin bahuuf murteessa. Miseensi maatiisaa muraasni ammo hanga lolli cimuutti turuuf murteessan.

BBC akeekkachiisa bahiinsaa Facebook gubbaa wayita xinxaleetti, Saahaal hiikuuf yaalaa ture. Achirrattis qabxii burjaajii gara biraatu hubatame.

Barreeffamaanis namoonni bilookii 2220, 2221, 2222, 2223, 2224 fi 2225 keessaa akka bahaniif gaafataman.

Garuu maappii itti qabsiifameerratti ammo, bilookiiwwan jahanu bakka tokkootti qabamuun bilookii 2220 jedhamuun dogongoraan kaa’ameera.

Wal fakkaadhu dhabuu odeeffannoo kanaan alattis, Amajjii keessa Israa’el sirna akeekkachisa bilookii isaa mana murti idil-addunyaarratti, himannaa Afriikaan Kibbaa duguggaa sanyii raawwate jechuun dhiyeessiteef ittisaaf dhiyeessite turte.

Abookaatoon Israa’el namoota nagaa ittisuuf kan danda’ame hundi taasifamaa jiraachuuf ‘‘yeroo tokkootti hunda baasuurra naannooleen adda baafaman yeroof akka keessa bahamuuf maappii hojjachuu’’ himan.

Akka ragaattis akeekkachiisa miidiyaa hawaasaa tokko mana murtiirratti dhiyeessan. BBCn garuu dogongora lama achirratti adda baase.

Fakkeenyaaf bilookiin 55 fi 99 barreeffama Muddee 13 maxxanfame irratti kaa’ameera garuu maappii irratti hin eeramne.

IDF ammo lakkoofsi bilookii tokkicha ifatti ibsamnaan akeekkachiifni haala gahadhaan ifaadha jechuun BBCtti himan.