Hakiimni hidhattootaan ukkaamfame akka gadhiifamuuf kaffalamus ajjeefamee argame

Madda suuraa, Family
Hakiimni Hospitaala Waliigalaa Matammaatii hidhattootaan butame akka gadhiifamuuf maallaqni gaafatame kaffalamus ajjeefamee argame.
Hosptaalichatti narsii yaala ijaa kan tahe Daani'eel Naggaa Onkoloolessa 19, bara 2018 galgala mana nyaataa tokkoo osoo irbaata nyaachaa jiruu hidhattootaan butamee fudhatamuu maatiin BBCtti himan.
Hidhattoonni isa ukkaamsuun fudhatanii deemanis isa gadhiisuuf maatiin Birrii miliyoona 3.5 akka kaffalaniif gaafachuu himan.
Daani'eel Naggaa fuudhee ijoollee lamas godhateera. Waayillisaa tokko akka BBCtti himetti erga butanii booda ajjeefamee argame.
Hakiima ijaa lakkoofsaan muraasa hospitaalicha keessa jiran keessaa Daani'eel hojjetaa cimaa fi dhama'aa oolu tahuu waayilli isaa biraan BBCtti hime.
Miseensi maatii isaa nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka ibsamu hin barbaanne BBC Afaan Amaaraatti akka himanitti, Daani'eel guyyaa sana halkan ojiif hospitaala waan buluuf ''irbaata nyaadheen deebi'a'' jechuun akka bahe himan.
Naannoo galma guddaa hospitaalichaa mana nyaataa jiru tokko keessaa hidhattoonni jaha tahanii dhaquun osoo nyaachaa jiruu akka fudhatanii deeman himan.
Halkanuma butanii deeman sana haadha warraa isaatti bilbiluun akka Daani'eeliin butan itti himan. Firoonni isaa kaan ganamasaa akka dhagahan BBCtti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hidhattoonni hakiima kana butan haadha warraa Daani'eelitti yeroo bilbilan ''lubbuu isaa kan barbaaddan yoo tahe Birrii Miiliyoona 3.5 fidaa'' jechuu isaanii himan.
Hidhattoonni isa butan haadha warraa isaa fi obboleessa isaa qofa dubbisaa akka turanii fi yeroo bilbilanis bilbila hakiima kanaa qofa fayyadamaa akka turan himan.
Haati warraa isaa Birrii Miliyoona 3.5 gaafatamte akka hin qabne yeroo isaanitti himtu, ''qoranneeti kan qabne, Birrii qabdu. Gondarii mana qabdu. Lubbuu isaa kan barbaaddu yoo tahe dafiitii kaffali'' akka ishee jedhan himte.
Haati warraa Daani'eel abbaa warraa ishee kana gadhiisisuuf firoota waliin tahuun Birrii barbaadaa turte.
Birrii hagamii akka walitti qabaa turanis hidhattoota isa ukkaamsanii fudhatanitti himaa akka deeman dubbatti.
''Amma Birrii kuma 150 geenyeerra. Amma Birrii kuma 250 geenyeerra jechaa isaanitti beeksisaa turre,'' jedhan.
Gidduutti hidhattoonni kunneen akka Daani'eel haadha warraa isa dubbisu gochaa turan kan jedhan miseensi maatii kun, ''na dararaa jiru adaraa ariifadhaa'' jedhee akka isheetti dubbatee ture himu.
Maatiin isaa Birrii kuma 250 irra yeroo gahan isaanitti bilbillaan osoo Birrii 1,000,000 hin guutiin akka nutti hin bilbille akka isaan jedhan himan.
Toora Teelegiraamii banuun karaa hiriyyoota isaas Birrii walitti qabuun gara kuma 500 yeroo gahan haati warraa isaa deebistee akka isaaniif bilbilte himu miseensi maatii kun.
Jimaata torbee darbee Birrii kuma 600 kaffaluun fudhachuu dandeessu jechuun hidhattoonni kunneen akka isaanitti himan dubbatan.
Sana booda lubbuu isaa oolchuu qabna jechuun itti liqeeffachuun Birrii gaafatame kuma 600 kaffaluu isaanii himan.
Maatiin kun yeroo kana hundaa godhan deemanii poolisiitti akka hin beeksifne himan. Haati warraa isaa Gondar mana kireeffattee jiraatti.
Maatiin isaa ammoo Cilgaa jiraatu. Bakki inni itti butamee fudhatame ammoo Gandawuhaa jedhamee beekamu waan taheef kana gochuu akak hin dandeenye himu.
Dabalataan hojjettoota wajjin hojjetan keessaa nama mana nyaataa dhuunfatu, nama wajjin nyaata nyaachaa ture akkasumas hojjettoota muraasa poolisiin to'annoo jala oolchee akka ture dhagahuu isaanii hubachiisaniiru.
Sababa kanaan qaamoleen nageenyaa hordoffii taasisaa jiru jechuun tarkaanfii tokkoyyuu akka hin fudhanne dubbatu.
Qarshiin kuma 600 torbee darbe gaafatame erga kaffalameen booda namni kuni otoo hin gadhiifamiin hafuun hamma har'aatti obsaan eegaa turan.
Tahus gaafa Wiixataa ogeessi fayyaa Daani'el iddoo butamee, uggurametti namni ajjeefamee gatame jiraachuu namoonni dhagahan milishoota naannichaa wajjin tahuun gara iddichaatti yeroo deeman reeffasaa argataniiru.
Reeffasaa fuudhanii gara manaa fiduun waan hin danda'amneef achumatti akka awwaalame kan himan miseensi maatii, haati warraasaa du'asaa akkuma dhageesseen dhukkubsattee hospitaala galuu ibsaniiru.
Nama maatiisaa dadhaboo gargaaru, ''nama ija maatiisaa ture dha'' jechuun, ''iddoo hojiitii butamuun erga maallaqni kaffalamee booda ajjeefamuuniifi achumatti awwaalamuunsaa, ''gadda maatii dacha taasisuu ibsaniiru.
Abbaa ijoollee lamaa kan tahe Obbo Daani'el Hospitaala Waliigalaa Matammaa keessa narsiin Optoomeetrii(ogeessa yaala ijaa) isa qofaa tahus himaniiru.
Obbo Daani'eel bara 2013A.L.I irraa kaasee hamma guyyaa du'ettii hospitaalicha keessatti hojjechaa turus himaniiru.
Naannichatti namoonni butamuun booda maallaqni kaffalame erga kennameen booda kan ajjeefaman kanaan duras akka jiran kan himan namni kuni, hojjettoonni hospitaalichaa shanis yeroo garagaraatti qabamanii gadhiifamuu dhagahuu ibsaniiru.
You Tube BBC Afaan Oromoo asiin seenuun daawwadhaa. Subscribe godhaa.












