Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa UN fi pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas maal mariyatan?

Ergamaa Addaa UN pirezidant Isaayyaas waliin

Madda suuraa, Yamaanee Gabremasqal

Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii(UN) Guwaang Koong Roobii Sadaasa 11, 2025 waare booda pirezidantii Ertiraa Isaayaas Afawarqii waliin wal arguu ministirri beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabremasqal beeksiseera.

Qondaalli UN Waxabajji keessa muudame kuniifi Pirezidant Isaayyaas dhimmoota Gaanfa Afrikaa keessatti deemaa jiranirratti xiyyeeffachuun marii bal'aa taasisuu isaanii fuula X isaarratti ibse Yamaanee Gabremasqal.

Obbo Yamaaneen akka jedhetti, Pirezidant Isaayyaas walitti bu'insawwan naannicha [Gaanfa Afrikaa] keessatti mudatan furuu keessatti gaheen UN qabuufi hojii dhaabbatichi hojjetee beeku bu'a qabeessa miti jechuun qixa haaraa ta'een ilaalamuu akka feesisu kaasuun dubbateera.

Waldhabdee keessoo, biyyoota gidduufi gidduu seenummaa humnoota alaatiin kan beekamu naannoon Gaanfa Afrikaa yeroo ammaas maraammartoo kana keessaa hin baane.

Waraanni Sudaan waggaa sadaffaa seenee jiru lammiilee nagaa kuma dhibbaan lakkaa'aman galaafatee, miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqisee badiisa guddaa kan geessise yoo ta'u, biyyattiin jeneraalota lamatti qoodamtee goolama hamaa keessa jirti.

Ityoophiyaan ammoo walitti bu'iinsa hidhannoo naannolee adda addaa keessatti uumame tasgabbeessuu dadhabdeetti. Kana malees, gaaffiin ulaa galaanaa qabaachuu gaafataa jirtuun walqabatees Ertiraa waliin muddama keessa jiru.

Sudaan Kibbaa bara 2011 Sudaan guddoorraa adda baatee waraana biyya keessaa sabaafi sablammootaa haaraa keessa seenuuf qarqararra jirti. Haalli Somaaliyaa bu'uurarraa kan hin jijjiiramne yoo ta'u, ammas gidduu seenummaa alaaf dirree banaa ta'ee jira.

Rakkoowwan naannoo kanaa ilaalchisuun yaadni furmaataa dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dhiyeessu furmaata waaraa fiduu dhabuusaatiin qeeqamaa tureera.

Pirezidant Isaayyaas dubbii ergamaa addaa UN kana waliin taasisan keessatti, "bifa itti gaafatamummaa hin qabneefi yaada furmaataa guutuu malee nagaa eegdota erguun qofti furmaata ta'uu hin danda'u" jechuusaa jibsi Ministeerri Odeeffannoo baase ni mul'isa.

Garuu rakkoon kun bu'uuraan sirna idil-addunyaa mudaa qaburraa kan maddu waan ta'eef UN komatamuu kan hin dandeenye ta'uu Pirezidaant Isaayyaas dubbate.

Pirezidant Isaayyaas dhaabbileen naannicha keessa jiranis kaayyoo hundeeffamaniif ba'achuu keessatti hanqina qabaachuu kan komate yoo ta'u, kun ammo giddu seentummaa qaama alaati jedheera. "Yeroo baayyee dhaabbileen naannicha keessa jiran ajandaa qaamolee alaa dhufu tarkaanfachiisuuf oolu," jedhe.

Ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ibsa gabaabaa Tajaajila Oduu Ertiraaf kennaneen, daawwannaan isaa Ertiraatti taasise qaama bobba'insa isaa naannicha keessatti ta'uu ibseera.

Ergamaa Addaa UN pirezidant Isaayyaas waliin

Madda suuraa, Yamaanee Gabremasqal

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mr. Guwaang Koong marii bu'a qabeessa Pirezidaant Isaayyaas Afwerkii waliin taasiseen dabalataan gammachuu isaanii ibsaniiru; waldhabdee naannicha keessatti uumame furuu keessatti gumaacha Eertiraan gooteef kabaja kenne; akkasumas nagaa fi tasgabbii naannoo guddisuuf Ertiraa waliin hojjechuuf qophii guutuu ta'uu mirkaneesse.

Ertiraan Gamtaa Afrikaa ykn IGAD keessatti dammaqinaan hin hirmaattu.

Daawwannaa Masriitti taasiseen Pirezidant Isaayyaas Afawarqii, "dadhabbiin Gamtaa Afrikaa calaqqee laafina biyyoota miseensa ta'aniiti" jechuun gaaffiifi deebii Kaayiroo TV waliintaasiseen dubbatee ture.

Ertiraan gama Masrii goruun hogganaa waraana Sudaan Jeneraal Abdul Fattaah al-Burhaan aka deeggartu amanama.

Waxabajji 17 naannoo Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa barreessaa olaanaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta'uun kan muudame Guwaang Koong, rakkoolee jiran hiiku fi naannichatti tasgabbii fiduuf waliin hojjennu jedhe.

Waggoota 23 oliif tattaaffii nagaa UN adda addaa irratti kan hirmaate Guwaang Koong, Sudaan Daarfuur keessatti; akkasumas dippilomaatii muuxannoo qabuufi beekumsa gadi fagoo naannichaa qabuu ta'ee waggootaaf ergama dhaabbatichaa Sudaan Kibbaa fi naannolee biroo keessatti hojjeteedha.