Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qorataa saayinsii hawaa US ari'attee Chaayinaa addunyaarratti beeksise
Saayintistiin lammii Chaayinaa abbootiin qabeenyaa beekkamoo addunyaa lama gara addeechaatti akka imalaniif gumaata olaanaa nama taasiseedha.
Haata'u malee, maqaan qorataa kanaa haala galmaa'ee kan argamu biyya tokkicha keessatti qofaadha.
Kunis biyya Chaayinaa Shaangaayi keessatti golaambaan fakkiiwwan kuma 70 ol qabate tokko yaadannoo nama kanaatiif qofa akka ta'u kaa'ameera.
Innis qorataa Shiyaan Shinisan yoo ta'u, Chaayinaatti ''qorataa Ummataa'' jedhmuun beekama.
Saayintisitiin kunis sagantaa qorannoo hawaafi misaa'eela Chaayinaatiif abbaadha jedhama.
Yeroo Chaayinaan jalqaba rookeettii gara samiitti ergiteettis hojiiwwan qorannoo isaa gumaata olaanaa taasisuu himama.
Kana malees miisaa'eelli kan qaama sagantaan Niikulaara Chaayinaa harki qorataa kanaa duuba jiraachutu himama.
Sababii kanaan eegaan namni kun Chaayiinoota biratti akka goota biyyaaleessaatti kan fudhatamuuf.
Haa ta'u malee Ameerikaa biyyi inni jalqaba barnoota isaa itti barateefi gara waggoota kudhaniitiif hojii keessatti hojjataa ture, hojiiwwan isaa kana baayyee hin yaadatu. Sirriiyyu kan guutummaatti dagatte fakkaata.
Shiiyaan Shiinsan kan dhalate bara 1911'tti yoo ta'u, wayita sanattis Chaayinaan sirna motii keessaa baate gara riippablikaanummaatti ce'umsarratti argamti turte.
Maatiiwwan isaas kan barata waan turaniif biyya Jaappaan keessa hojjataa akka turan seenaa isaanii ni mul'isa.
Barnoota Chaayinaa mataasaa kan sirna qabsiisan maatiidhuma Shiiyaan akka turan himama.
Qorataan kunis daa'immummaa isaatii kaasee nama sammuu qaroo qabu ture. Yunivarsitii Jiyaa'oTongi Shangaatti qabxii olaanaa galmeessuun carraa barnootaa biyya Ameerikaatti argate.
Ameerikaattis 'Massachusetts Institute of Technology' galuun barnoota isaa itti fufe.
Erga jidduugala kanatti barnoota isaa hordoofeen boodas tibba sanatti eddoo guddaa kan qaban Teewodor Voon Kaarmaan jaltti qorachuuf gara Instityuutii Teknolojii Kaaliiforniiyaatti darbee.
Isaan boda garee amma moggaasa 'Suwusaayid Skuwaad' jedhu argateetti makamu danda'e.
Gareen qorannoo kunis walumajalaan beekamtii argachaafi hojiiwwan qorannoo hedduu raawwachu itti fufe. Yaro gabaabaa keessatti mootara furgugsituu rookkeettii irratti qorannoo gaggeessuun hojii yaalii hojjachu eegale.
Tibba sanattis saayinsiin rokkeetti hangas kan xiyyeeffannaan hinkennamneef ture. Haa ta'u malee erga waraanni addunyaa lammaffaan eegaleen booda saayinsiin rookkeettii fedhiinsaa dabalaa dhufe.
Sababii kanaan gareen Shiyaan miseensa itti ta'ees xiyyeeffannaa dhaabbata loltummaa Ameerikaa hawwataa dhufuu eegale. Hojiiwwan qorannoo hedduufis karaa dhaabbata waraanaatiin deegarsi maallaqaa taasifamuufi eegale.
Bara 1943ttis Shiyaan fi hiriyyoonni isaa bakka jettiin irraa furgugifamu hundeessuu danda'an.
Lammiin Shiyaan Chaayinaa ta'ulleen tibba sanatti Ameerikaafi biyyisaa jaalleewwan waliin waan turaniif namni waa'ee isaa yaadu hinturre. Siriiyyuu hojiiwwan qorannoo hawwaa hedduu akka gaggeessuufi akka ogganuuf hayyamni nageenyaa olaanaan kennameef.
Boordii gorsaa saayinsii Ameerikaa keessattis miseensummaan tajaajilaa ture.
Erga waraanni addunyaa lammaaffaan xumurameen booda ammoo Shiyaan qorattoota damichaa qubaan lakkaa'aman keessaa tokko ta'u danda'e. Ibjinara beekamaa Tewodor Voon Kaarmaan waliin ta'unis ergama tokkoof Jarmaniitti ergamanii turan.
Kaayyoonni ergamichaas injinaroota Jarman dubbisuun damee kanaan hangam beekumsa akka qaban hubachu ture. Hojiisaanii kanaanis qorattoonni lamaan kun beekkamtiifi ulfina argachu danda'anii ture.
Haata'u malee Shiyaan haala akkasiin erga waggoota kudhaniif Ameerikaa jiraateen booda rakkoolee ogummaa isaa waliin wal hinqabannee isa mudachu eegalan.
Bara 1949 irratti barreessaa mummeen Chaayinaa Maa'oon Rippablika Koministii Ummattoota Chaayinaa hundeessuuf labse. Battalumattis Chaayinaan Ameerikaa akka diinaatti labsite.
Bara Ameerikaan waraana qabanaa'aa (Cold war) keessa turteetti biiroon qrannoo federaalaa Ameerikaa (FIB)n Shiyaan Shiinsaniifi Firaank Maaliinaan Koministii akka ta'aniifi nageenya biyyaaleessaaf akka sodaachisan labse.
Yunivarsitii Istet of Kaaliiforniiyaatti piofesar kan ta'an 'Zuoyue Waangi akka jedhaniitti, Shiyaan koministii ta'usaafii Chaayinaadhaaf basaasuu isaa irratti ragaan argame omtu hinturre.
Haa ta'u malee hayyamni nageenyaa olaanaan kennameef ture erga harkaa fudhatameen booda waggoota shaniif hidhaa mana keessaarratti dabarseera.
Bara 1955tti ammoo ajaja pirezidaantii Eisenhower fudhataniin gara Chaayinaatti deebiifame. Qorataan kunis haadha warraafi ijoollee isaa Ameerikaatti dhalatan lama waliin bidiruudhaan Ameerikaa bahe.
Innis gonkumaa gara Ameerikaatti akka hindeebiine gaazexessitootaatti himee ture. Kanuma raawwatees. Deebii'ee Ameerikaa hingeenye ture.
SHiyaan wayita Chaayinaa qaqabeetti simannaa gootaatuu taasifameef. Haa ta'u malee battalumatti paartii Koministii Chaayinaatti hinmakamne ture.
Wayita sanatti hubannoon waa'ee saayinsii rookkeetti Chaayinaa keessa ture gadaanaadha. Haa ta'u malee yaaliifi qorannoo cimaa waggaa 15f taasifameen Chaayinaan yeroo jalqabaatiif jeettii gara haawaatti furgugsuu dandeesse.
Shiyaan waggoota kudhan keessatti qorattoota hedduu kan leenjiisee yoo ta'u, qorannoo Chaayinaan addeecha irratti taasifteef hojii bu'uuraa akka raawwate himama.
Haala nama dinqisiisuun rookeettiiwwan deegarsa Shiyaaniin hojjataman wayita waraanaatti Ameerikaarratti dhokkaafamanii turan. Waraanaa galoo galaanaa bara 1991 irratti rookeettiiwwan Chaayinaan tolfaman Ameerikaarratti dhokaafamanii ture.
Ammaan kanatti walitti dhufeenya Chaayinaafi Ameerikaa kan yeroo kamuu caalaa bora'eera.
Waldhabdeen isaanii kan ammaa kunis waa'ee ilaalcha sirnaa (ideology) osoo hintaane, daldala, nageenya tekinilijiifi akka Donaald Tiraampi jedhaniitti waan Covid-19 to'achu dadhabdeefiidha.
Lammiilee Ameerikaa hedduun Shiyaan sababii maalitiif akka Ameerikaa gadhiiseefi gahee inni sagantaa Saayinsii hawwaa Ameerikaa keessatti gumaate irratti odeeffannoon qaban baayyee gadaanaadha.
Erga Ameerikaa baafamee Shiyaan waggoota baayyeef Chaayinaa keessa jiraate. Baroota sana keessa ture egaan Chaayinaan hiyyummaa keessaa bahun addunyaarratti saayinsii hawwaatiin kan beekamte.
Shiyaanis qaama jijjirama Chaayinaa kana akka ture himama. Egaan osoo Ameerikaan qorataa kana biyyasheetii ari'achuu baatee, beekkamtiin sun kan ishee ta'a ture.
Bara darbees Chaayinaan wayita rookeettii Voon Kaarmaaniitti hojjatteen qarqara addeechaa isa fagoo irra qubachuun seenaa hojjatteetti, maqaa injinara fi gorsaa Shiyaaniin tureetiin moggaafame.
Tarii jibbi Ameerikaan koministiif qabdutuu Chaayinaan akka saayinsii hawwatiin beekamii argattu taasisee laata yaada jedhu irratti waliigalu hedduun.