Hawaatti harka wal fuudhuun akkamiin abdii nutti hore?

Taateen kuni seena qabeessa. Barri waggaa shantama dura, bara waraanni ololaa Yunaayitid Isteet fi Gamtaa Sooviyeet gidduu hammaateettidha.

Biyyoonni lamaan akka malee walitti dhaadataa, niwukilara walitti dhukaasuuf wal doorsisaa turan.

Biratti garuu wanti karooraan itti yaadamee qophaa'e ture. Innis, harka wal fuudhuu 'diinota' lamaanii gidduu taasifamedha.

Garuu, akkamiin kuni yaadame?

Adoolessa bara 1975 xiyyaar samiin Appooloo jedhamtu US irraa, Soyuz kan jedhamtummoo Gamtaa Sooviyeet irraa hawaatti balali'an.

Biyyoonni lamaan waggaa kudhanii oliif hawaa to'achuuf dorgommiii cimaa keessa turan.

Dursa Gamtaan Sooviyeet astiroonota lama orbitiitti ergite, sa'aatiii muraasa boodammoo astiiroonotni US itti aanan.

Wal duraa duuba adeemuun isaaniii taatee guddaaf ka'umsa ta'e: harka wal fuudhuu seena qabeessa jedhame.

Kuni, balaliii hawaa idil-addunyaa yeroo jalqabaaf biyyoota Waraana Ololaa keessatti akka diinaatti wal ilaalan gidduu taasifamedha.

Sagantaan eegaluu dura ajaji wiirtuu to'annoo Hiiwustan, US irraa kenname salphaa ture: ''Moskoon gara hawaatti qajeelte. Hiwuustan gara hawaatti qajeelte. Si'achi dhimma keessani. Bashannanaa.''

Yeroo xiyyaarsamiin garagaraa lama hawaa keessatti wal argan miiliyoononni daawwatan.

Komaandaroonni lamaan - astiroonaatii US Toomaas Istaaford fi astiroonaatii Sooviyeet Aleeksii Lewonoov balballi xiyyaarsamii yeroo banamu harka wal fuudhan.

Kanneen dacheerraa kana daawwatan amanuu hin dandeenye. Achitti diinonnii lamaan waliif michuu ta'an, qoosaatu gidduu isaanii ture.

Sagantaa kana qopheessuun garuu salphaa hin turre. Sagantaan kuni haa milkaa'uuf qophii waggaa sadii fudhateera, leenjii dabalate jechuudha.

Kanneen seenaa himan gara hawaatti xiyyaarsamii erga takkaa erguun haqa ji'opolotikaa lafarra jirurraa madde jedhu.

US fi Raashiyaan walitti bu'iinsa tokko isa kaan jalaa deeggaruun wal hubaniiru - keessamuu waraana Viyeetinaam keessaa.

Waraanni US itti hubamte kuni biyyoonni lamaan walootti gara hawaa imaluu dura ji'oota muraasa dursee xumurame.

Gamtaan Sooviyeetis adda garagaraatti dhiibbaa siyaasaafi dinagdeen hubamaa turte.

Waggaa sadii durammoo, Pirezidantiin US yeroosii Richaard Niiksan hogganaa Sooviyeet yeroosii Aleeksii Kosiyigin waliin hariiroo biyyoota lamaa fooyyessuuf waliigaltee garagaraa mallatteessaniiru.

Muddama xiqqeessuuf immoo hawaan immoo dirree walabaa araara itti mul'isan ta'e.

Garuu, hangam dhiibbaa yeroo dheeraa turef sababa ta'e?

Kanneen yeroos xiyyaarsamiin balali'an akka jedhanitti, yeroo harka wal fuudhan yeroof malee waan fagoo yaadanii raawwatan miti.

Ta'us, biyyoonni lamaan afaanfii siyaasa garagaraa hordofan ''galma tokkoof'' dalaguu akka danda'an addunyaatti mul'isuu akka yaadame komaandara Appoloo tokko keessaa tokko kan ta'an Toom Istaaford himaniiru.

Dureewwan biyyoota lamaa harka wal fuudhuu astiroonota akka gaaritti ilaaluun atattamaan ummataaf ergaa dhaaman.

Hogganaan Sooviyeet hawaarratti isa astiroonotni harka wal fuudhan waan gaariifi boqonnaa haaraa akka banu dubbatan.

Pirezidantiin US Jeraald Foordis ''balbala kana banuun waggaa baay'ee nuduraa fudhate,'' jechuun himan.

Haa ta'u malee, harka wal fuudhun akka gaariitti ilaalamus xumura bara 1970'tti muddamni deebi'ee cime.

Kanaaf immoo sababi, akka ekispartoonni jedhanitti, Sooviyeet Afgaanistaan weeraruufi rippablikoota Sooviyeet keessa siyaasi babbadaa dhufuudha.

Bulchiinsi Reegan US bulchaa tures Moskoo waliin wal ta'umsa uumuuf hammana fedhii hin agarsiisne.

Kana jechuun hariiroon gara fuulduraa Waashingitan fi Moskoo ni qorre.

Kunis ta'u, hariiroon US fi Raashiyaa erga Gamtaan Sooviyeet bara 1991diigame booda waan fooyya'eef wanti waggaa 50 dura harka wal fuudhan akka walii dalagan carraa uumeera.