Xiyyaara gara hawaa nama geessitu- SpaceX'tti maaliif qormaanni baayyate? Maaltu itti aana?

Kibxata darbe aduun dukkanaa'uu xiqqooma dursuun rookeetiin addunyaarratti humna guddaa qabu giddugala Teeksas irraa dhukaafame.

Giddugalli rookeetiin kun irraa dhukaafamu inni guddichi Teeksas keessatti argamu guyyaa sana xiyyeeffannaa addunyaa ture.

Xiyyaar-samiin kubbaaniyyaa guddicha SpaceX jedhamuun gara hawaa ergamte Starship jedhamtu alana ergamashee ni milkeessiti jedhamuun guddoo abdatamte.

Duraan ji'a Amajjii fi Bitootessaa keessa hin milkaa'in waan hafteef.

Garuu xiyyaar-samittiin meeshaa ishee dhukaaserraa erga adda baatee xiqqoo osoo hin turin battaluma sana rakkoon akka mudate barame.

Xiyyaarri nam-maleettiin kun to'annoon ala ba'uu eegalte.

Wayita yaaliin Starship gara hawaatti erguu taasifametti to'ataan SpaceX xiyyaar-samittii kallattiin hordofaa ture ''Starship to'annoo keenyaan ala taateetti,'' jechuun rifaatuu guddaa uumee ture.

Kubbaaniyyichi yeroo xiqqoo booda xiyyaar-samittiin sagantaa qabameen ala diddiigamuun gara dachee akka deebite ibse.

Kun kubbaaniyyaa dureessa addunyaa Ilon Maaskiif kufaatii guddaa ta'eera.

SpaceX rookeetiiwwan abdataman kanneen akka Falcon 9 qabaachuudhaan kaan caalaa amanamaadha jedhama.

Haata'u malee ji'oota walitti dhihaatan sadan darban kana keessatti ergamni xiyyaar-samii kanaa milkii dhabuun namoonni akka ija shakkiin ilaalan taasiseera.

Yaaliin xiyyaar-samii Starship Kibxata darbe Teeksas irraa dhukaafamte maaliif akka milkaa'uu dhabe guutummaatti ifa miti.

Akki itti eegalte kanneen duraan turan caalaa baayyee amansiisaa fi abdatamaa ture. Harvaarditti Astiroofiizistii kan ta'e dr Jonaataan Maak Doowel, Starship akkuma eegametti dhukaafamte, sagantaama qabameen siinqee ykn orbitii seente jedhe.

''Garuu garee ergama kana keessa turan rakkoon mudachuu kan eegale wayita xiyyaar-samittiin orbitiitti seentudha, wayita kana quunnamtiin meeshaa dhukaasee fi Starship adda cite,'' jedhe.

Akkaataa karoorfameen imaluu dhiistee utaaltee Galoo Galaanaa Meeksikoo keessa seente.

SpaceX xiyyaar-samii kanaan akka milkaa'etti hubata. Dhukaasuurraa eegalee hanga orbitiitti galchuutti milkaa'inatu ture.

Garuu osoo hin eegamin boba'aa dhangalaasuu fi orbitii irratti caccabuu akkasumas wayita dacheetti deebitu gitintiruun rakkoo ijoo xiyyaar-samii kanaati.

'Saffisaan kufuu, saffisaan barachuu'

Qajeeltoon SpaceX saffisaan deebii kennuudha, shaakalliirratti kufuu akka carraatti ilaala malee akka kufaatti fudhatee duubatti hin jedhu.

Kun duudhaa kubbaaniyyaa teeknooloojii hawaa beekamaa kanaati.

Adeemsi akkanaa kubbaaniyyi akka fuulduratti tarkaanfatu tumseera, kufaatiin deddeebi'ee mudatu garuu gaaffii amanamummaa kaasiseera.

Ta'us garuu kubbaaniyyaan kun qajeeltoo- 'dafanii kufuu, dafanii barachuu' jedhurraa ammallee akka fayyadamuu fi duubatti akka hin jenne ibsa.

Kanaaf ammoo milkaa'ina xiyyaar-samii Falcon 9 irratti argate akka fakkeenyaatti kaasa.

Yuniversitii Barmiingihaamitti inijinara xiyyaar-samii fi gargaartuu pirofeesaraa kan taate Dr Leah-Nani Alconcel, malli Falcon 9 irratti hojjete Starship irrattis ni hojjeta jedhanii murteessuun ni ulfaata jetti.

''Starship gara hawaatti erguun kan Falcon caalaa baayyee qaaliidha,'' jette.

''Kaayyoon ture ittiin namoota gara Maarsii erguudha. Gabaa ammallee hin uumamnerratti galma kaa'amedha. Kun ammoo balaa kisaaraaf nama saaxila.''

Dr Maak Dooweel ammallee kana caalaa kufaatiin uumamuu danda'a jedha.

''Teeknooloojiin hawaa ammayyaan akka jirutti asirra jira. Kanaafuu rakkoo keessa seenuun isaanii na hin ajaayibu. Haala kanaan deemaa yerooma tokkotti waan hojii eegalan natti hin fakkaatu,'' jedhe.

SpaceX humnaa ol karoorsee?

Ilon Maask fi kubbaaniyyaan isaa sirna rookeetii ijaaran kanaan gaaf tokko dhala namaa Maarsii akka geessan abdatu, galmi isaaniis kana.

Nasa'n sagantaa Artemis jedhamuus Starship fayyadamuu barbaada. Sagantaan kun dhalli namaa yeroo dheeraaf ji'arra akka turu kan itti shaakalamuudha.

Akkaataa sagantaa qabameen gareen jalqabaa walakkeessa bara 2027 imala, garuu osoo qophiin hin taasifamin yeroon kun ga'aa jira.

Dr Maak Dooweel Starship garee gara Addeessaa imalu geessuuf qophii ta'uuf ganaa waggoota dheeraa itti fudhata jedhe.

''Dorgommii hawaa keessatti amma waa'ee Ilon Maask haasofna. 'Yeroo Ilon.' Waggaa tokko keessattin waan kana raawwadha yoo inni jedhe, waggaa saditti qabadhu,'' jedha ogeessi hawaa kun.

Wayita addunyaan imala gara hawaarratti xiyyeeffattee jirrtu kanatti kubbaaniyyaawwan xiyyaar-samii oomishan heddummaataa jiru.

Fedhiin kubbaaniyyaawwan dhuunfaa pilaaneetii keenya- Dacheen ala ba'uun sochii gama investimantii fi gama hundaan taasisuuf agarsiisaa jiran gabaa guddaa teeknooloojii xiyyaar-samiif baneera.

Kan dureessa addunyaa Jeff Bezos- Blue Origin akkasumas kan kubbaaniyyaawwan warra Chaayinaa kan Ilon Maask- SpaceX jedhamutti qormaata ta'aniiru.

Eenyutu mo'ata, eenyutu amanama? kan jedhu- dorgommii isaan itti jiranidha. Gabaan ammoo ilaaltee filatti. Gabaa harkifachuuf hirriba malee bulu.

''Ammatti kan sadaraa Starship bira ga'e tokkollee hin jiru,'' jedha Maak Dooweel.

Kanaafuu SpaceX kufaatiiwwan ji'oota sadan darban isa mudate darbee milkaa'inatti ce'uuf abdii qabaa?

''Adatamuu jedhamuu baatus, muuxannoorraa barataa ofitti amanamummaa gabbifataa deemuun ni uumama,'' jedhe Maak Dooweel.