Reeffi namoota 200 ta'u maaliif osoo hin owwaalamin bosbosee argame?

Madda suuraa, CBS
- Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa miira keessan jeequu mala.
Abbaa qabeenyaa mana owwaalchaa Koloraadoo keessaa tokko hidhaan waggaa 40 itti murame.
Biyyoota lixaatti reeffi owwaalchaaf yookiin akka aadaa garagaraattimmoo reeffi hanga gubatutti kan keessa tursiifamudha manni owwaalchaa.
Haa ta'u malee, reeffi namoota 200 ta'u osoo hin owwaalamiin bosbosee erga keessatti argame booda reeffa haala sirrii hin taaneen tursuun adabamani.
Joon Haaliford murtiin hidhaa waggaa 40 itti muramu dura mana murtii keessatti dhiifama gaafataniiru.
Maatiin namoota du'anii abjuu isaaniin fira isaanii hin owwaalamin arganis gurra qeensanii caqasaa turan.
Kuni ''bulguu'' mana hidhaa keessatti tortoruu qabudha jechaas turan.
Haati warraa isaanii duraaniifi kanneen wiirtuu kana hundeessan keessaa tokko kan ta'an Kaari Haalford illee yakkamtuu taateetti.
Haa ta'u malee, hammi itti muramu si'achi barama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Giddugalli mana owwaalchaa kuni maatii firri duraa du'eef daaraa sobaa [reeffa gubateef kennamu] kennaa turan.
Akka abbootiin alangaa jedhanitti, reeffi 189 ol karaa sirrii hin taaneen waggaa afur oliif gamoo sana keessa ol kaa'ame.
Manni murtii gaafa Jimaata miseensota maatii firri isaanii osoo hin owwaalamin hafeen guutameera.
Abbaan seeraa nama yakkamaa ta'eerratti hidhaa waggaa guddicha kan ta'e waggaa 50 akka adaban maatiin gaafataa turan.
Dubartiin tokko harmeen ishee ''akka kosiitti gatamte'' jechuun dhaddacharra dubbatte.
''Lapheen koo cabeera. Waaqayyootiin guyyuu eebban gaafadha.''
Reeffi namoota kanaa lafa maashiniin qorrisiistuu [firiijii] hin jirretti kuufamee argame.
Reeffi namootaa kuni daa'immanis dabalata.
''Hundi keenya namoota gaariidha jedheen amana,'' jedhan abbaan seeraa Erik Bentileey.
''Haa ta'u malee, addunyaa amantee kana yeroo hundaa qoru keessa jiraachaa jirra, Obbo Haalford yakki keessan amantee kana qoraa jira.''
Obboo Haalford adabbiin hidhaa akka xiqqaatuf abdachuun dhaddacharratti dhiifama jedhaniiru.
Waan kana sirreessuuf ''carraa qaban ture, garuu hin goone,'' jedhan.
''Dogongorri kiyya dhalootaa dhalootatti odeeffama. Wantin dalage hundi dogongoradha.''
Abbootiin Alangaa akka jedhanitti, abbaa warraafi haati warraa kan kana godhan 'maallaqa waan jaalataniifi.'
Biznasa kanarraa maallaqa gahaa argataa turan, reeffa sirnaan qabachuu inuma danda'u ture jedhan.
Giddugalli owwaalchaa kuni owwaalcha reeffaa kemikaala malee raawwatamu jechuunis sanduuqa biyyeen nyaatamuun owwaaluun beekamu.
Haa ta'u malee, hojiin isaanii kuni fooliin hamaa funyaan waraanu erga dhufe booda qoratamuu eegale.
Jalqaba waggaa kana qondaalonni reeffa 115 argatan.
Aangawoonni abbaan warraa reeffa kana dhoksuuf yaale jechuun himatu.
Bulchiinsa US kana keessatti namoonni sanduuqaan owwaalamuun waan barame.
Haa ta'u malee, reeffi namoota kanaa sa'aatii 24 keessatti owwaalamuu qaba yookiin meeshaa qorrisiisu keessa ka'amuu qaba.












