Waan Afrikaanonni US keessa jiran filannoo baranaarraa barbaadan

Annettee Nijaw jiraattuu Amerikaa magaalaa Teksaas daldaltuufi ogeettii seeraa yoo taatu, lammii Seeraaliyooniifi Ameerikaati.

''Akka godaantotaatti yaaddoon keenya guddaan Ameerikaa keessa jiraachuu, hojjechuufi sagalee kennuudha,'' jetti.

Miseensonni dayaasporaa Afrikaa Teeksaas keessa jiran kuma 300 ta’an filannoo pireezdaantii Ameerikaa irratti hawaasni isaanii akka sagalee kennan ciminaan hojjechaa jiru.

"Kaadhimamtoota lamaan jalatti akkamitti akka itti fufu beekuu baadhus, garuu daldallikoo akka itti fufu nan amana" jette.

''Dhimmoota sanyummaafi godaantota irratti qoqqoodinsaafi jibbiinsi guddaan jira. Kun hawaasa keenyarratti dhiibbaa guddaa qaba," jedhan hundeessaan koree dhimma ummataa Afrikaa Naajeeriyaa-Ameerikaa (AFRIPAC) Nekaa Achapuu.

Kutaan Teeksaas waggootaaf miseensota maatii Buush kaadhimamaa erga turtee booda bakka cimaa paartii Rippabilikaanotaa taateetti. Waggaa afur dura paartiin Rippabilikaan Doonaald Tiraamp Dimookiraat Joo Baayiden qabxii dhibbeentaa 6.5n injifataniiru. Erga bara 1996 as bu'aan xiqqoon paartilee lamaan gidduutti argamee ture.

Amma dimogiraafiin Teeksaas jijjiiramaa jira. Ummanni dayaaspooraa Afrikaa naannicha keessa jiru baay'ee akka ta'e himama. Lammiileen Naajeeriyaa, lammiilee Gaanaa, lammiileen Keeniyaa, lammiileen Itoophiyaafi lammiileen Afriikaa-Ameerikaa hedduun naannoo kana keessa jiraatu. Lakkoofsi isaanii saffisaan dabalaa kan jiru ta’us, baay’een isaanii mootummaan akka tuffataman itti dhaga’ama.

Jireenya Afrikaa Teeksaas

Maqaa 'Naajeeriyaa Xiqqoo' jedhamu kan mogga'eef Hiyustaan bakka namoonni lammii Naajeeriyaa Ameerikaa keessa jiraataniidha.Najeeriyaanota gara kuma 60tti tilmaammanitu achi jiraata.

Daandiiwwan isheefi haaloonni hedduun Leegoositti fakkeefama. Daldaltoonniifi wiirtuuleen aadaa jireenya Teeksaas kan Naajeeriyaa walin walitti makame jira.

Namoonni uffata halluu adda addaa qaban afaanota Afrikaa beekamoo ta’aniin haasa’aa jiran arguun ykn mana nyaataa ykn suuqiiwaan adda addaa kessatti muuziqaa Afro-biit dhaga’uun waanuma baramedha.

Godaantonni Afrikaa dinagdee Teeksaasiif gama damee abbootii qabeenyaan, Ivestimentiitin, daldala xixiqqaa, eegumsa fayyaa, fi boba’aa irratti gumaacha guddaa taasisaniiru.

Daldaltoonni xixiqqoo godaantota Afrikaa qaban yeroo baayyee aadaa Afrikaa naannoo jiranitti karaa nyaataa, uffataa fi meeshaalee birootiin walitti makuun jireenya Teeksaas waliin ni jaalatu.

“Amantiinis kutaa jireenya keenyaa baay’ee barbaachisaa dha” jetti dhaloota lammaffaa lammii Naayijeeriyaa-Ameerikaa kan taate Ivy Okoro.

Kiristaanas ta'e Muslima jireenya hafuuraa keenyaaf iddoo guddaa kennina."

Waldoota Afrikaa, wiirtuuwwan hawaasaa, fi daldala naannoo keessatti hawaasni yoo filate jijjiirama fiduu akka danda’u barumsi ni kennama. Lakkoofsi lammiileen Afrikaa naannoo kana jiraatan dabalaa dhufus, hirmaannaan lammummaa hawaasa gidduu jiru seenaa keessatti gadi aanaa ture.

Qorannoon Biiroon Lakkoofsa Uummataa Ameerikaa irraa bahe akka agarsiisutti yeroo ammaa sagalee kennuu fi galmee lammiileen Gurraachotaa irratti kanneen umuriin isaanii sagalee kennuuf ga'e keessaa naannoo 61% Teeksaas keessatti sagalee kennaniiru.

Lakkoofsi kun lammii Afriikaa-Ameerikaa fi godaantota Afriikaa kan hammatu yoo ta’u, hirmaannaa filattota Gurraachotaa kutaa biyyattii keessatti agarsiisa waliigalaa bakka bu’a.

Maazi Okoro abbaa Ivy yoo ta'u bara 1977 gara Ameerikaa godaane.

Wanti inniifi lammiileen Afrikaa biroo irratti xiyyeeffatan baratanii gara biyya isaaniitti deebi’anii ijaarsa biyyaa keessatti gumaachuu akka ta’e dubbata

Hirmaannaa hawaasa Ameerikaa irratti fedhii xiqqaa waan qabaniif miira dhimmamuu dhabuu ibsa.

"Biyyoota keenyaan baay'ee waan boonneef adeemsa dimokiraasii Ameerikaa keessatti hirmaachuu dhiisii ​​wanti asitti nu tursiisu hin barbaanne," jedhan.

Garuu waggoota kurnan booda, Afrikaanonni dhaloota jalqabaa kun waggoota dheeraaf Ameerikaa keessa jiraachaa, hawaasa, daldalaa fi maatii cimaa ijaaraa turan.

"Sababni nuti hin hirmaanneef, dargaggoonni keenya adeemsa siyaasaa akka arganii fi itti makamaniif fakkeenya hin taane."

Garuu kun jijjiiramuu qaba! Hirmaannaa adeemsa siyaasaa biyya kanaa keessatti gahee keenya guddisuu qabna,'' jedha Okoroo.

"Amma ijoollee Naayijeeriyaa gonkumaa gara Naayijeeriyaa hin deebine qabna. Yoo hirmaatan sagalee Afrikaa jijjiiru kennuu danda'u."

Imaammanni immigireeshinii filannoo bara 2024 keessatti dhimma guddaadha. Akkasumas godaantota Afrikaa hedduudhaaf dhimma yaaddoo gudddaa fi miira qabuudha

Adeemsi viizaa dheeraa, carraan koolugaltootaa daangeffame, fi ulaagaan kaardii magariisaa cimaan sirna immigireeshinii Ameerikaa hubachuuf namoota hedduudhaaf rakkisaa taasisa.

Sirni kun ajandaa siyaasaa gadi fagoo ta’e kan calaqqisiisu ta’uu fi dhiisuu isaa irrattis gaaffii akka kaasan taasiseera.

"Farra gurraachummaan immigireeshinii irratti dhiibbaa hanga viizaa argachuu hin dandeenyetti geessisaa jiraa?" Hundeessituun AfricaPak Neka Achapu akka jedhanitti.

''Diyaaspooraan Afrikaa kaadhimamaa lamaan irraa wanti barbaadu imaammata namummaa caaludha. "Kun diyaaspooraa Afrikaa qofaaf osoo hin taane, maatii Ameerikaatif dursa kennuu qaba," jette.

Achapu imaammata fooyya’aa maatii walitti makamuu fi hayyama hojii maatiin Afrikaa hedduun Ameerikaa keessa qubatanii hojii akka argatan taasisu arguu barbaadu.

Imaammatniyyuu hafee, duula filannoo kana hunda keessatti godaantota yakka ta’uun mul’atu Afrikaanota lammii Ameerikaa keessa jiraniif daran yaaddoo ta’eera.

Dubbiin sanyummaa namoonni siyaasaa itti fayyadaman godaantota keessattuu kanneen Afrikaa fi biyyoota guddachaa jiran biroo irraa dhufan hamaa fakkeessee jira.

Dr Kiristaan ​​Ulaasii, Piroofeesaraa fi dura taa'aa Mana Barumsaa Komunikeeshinii Yunivarsiitii Kibbaa, Teksaas “Kaadhimamaa pirezidaantummaa biyya guddittii akka Ameerikaa keessatti dorgomaa jiru tokko tokko arrabsuun, maqaa balleessuun, maqaa hin taaneen ibsuun sirrii miti” jedhan.

“Dhaloota ykn sanyii tokko adda baasuun yakkamtootaa fi dhukkubaan weerarame jedhanii maqaa itti moggaasuun biyyattiif gaarii miti, sanaaf adabbiin jiraachuu qaba, Filattoonni kaadhimamaa kaardii isaaniitiin adabuu qabu," jedhan.

Abbootiin seeraa fi abbaan daldalaa Ameerikaa lammii Seeraaliyoon kan taate Anneet Njaw, "Ani baqataa dha. Ijoollummaa kootti maatii koo waliin as dhufe. Mana barumsaa dhaqeen, seera baradheera. Gibira koo nan kaffala. Kanaaf namni tokko akka meeshaa siyaasaatti godaantota irratti duuluun hanqina namummaa agarsiisa."jette

"Filannoon kun waa'ee hawaasumma akka ta'e natti dhaga'ama. Hawaasnis namoota nu qoqqoodanii nu balleessuuf deeman hin barbaadu."

Ameerikaa waltajjii idil-addunyaa irratti

Yaaddoon biraa imaammata alaa Ameerikaan godaantota Afrikaa irratti qabdudha. Bara 2021tti Ameerikaatti godaantotni Afrikaa tilmaamaan miliyoona 2.4 turan. Hedduun isaanii ammallee biyya dhaloota isaanii waliin hidhata maatii, hawaasummaa fi dinagdee qabu jedha Inistiitiyuutiin Imaammata Godaansaa.

Kunis hariiroo gaarii Ameerikaa fi Afrikaa eeguufillee sababa guddaa ta'us,carraan sun garuu caalatti kan gaarii ta'u yeroo hunda gara biyya isaaniitti akka imalan kan isaan dandeessisu ta'eedha

"Akka Afriikaa Ameerikaa asitti, bifa mootummaa ofiin of bulchuu hayyamu, hariiroo biyyoota lamaanii bulchu, dandeettii Afrikaa dinqisiifatu, fi tumsa cimaa guddisu arguun barbaada," jedhan Mazihe Okoro.

Bara 2022tti maallaqni gara Afrikaa Sahaaraa gadiitti ergame gara doolaara biiliyoona 53tti dhiyaata. Akka Baankiin Addunyaa jedhutti maallaqni kun qoodni guddaan godaantota Afriikaa Ameerikaa keessa jiran irraa argame.

Dargaggoota akka Udeme Anthony tiif milkaa'inni dinagdee Ameerikaa filannoo irratti hundaa'a.

"Yoo xiqqoo dabalataan jiraachuuf ykn qusachuuf ykn maatii keenyaaf kenninu yoo hin qabaanne fi namoota dhimma hin qabneen yoo hoogganaman, ummata keenya gara biyyaatti deebi'uuf maallaqa erguun nutti ulfaata" jetti.

Filattoonni Afrikaa kaadhimamaa ijaarsaa, kabajamoo barbaadu. Kun walta’iinsa Afrikaanota akkasumas Ameerikaa fayyadamoo taasisuu danda’u akka ta’u barbaadu.

"Namoota Ameerikaanoonni hariiroo Ameerikaa fi Afrikaa tarkaanfachiisuuf nutti fayyadamuun qaawwa kana cufuuf akka qabeenyaatti itti fayyadamuu danda'aniidha." Liqiidhaan ilaalamuu hin qabnu,'' jedhan Neka Achapu.

Teeksaas keessatti humni siyaasaa hirmaannaa lammiilee irraa akka argamu hubannoon guddachaa jira. Dhaabbileen akka Achapu Afrikpak hawaasni isaanii adeemsa dimokiraasii keessatti caalaatti akka hirmaatan barsiisuu fi humneessuu irratti hojjechaa jiru.

"Bakka bu'ummaan qofti yeroo hunda jijjiiramaaf wabii hin ta'u. Garuu mo'attoota muraasa qabaachuun barbaachisaa dha. Sirna siyaasaa keessatti argamuun nu barbaachisa," jedhan Achapuun.