Humni waraanaa Gaabon fonqolcha gaggeesse hogganaa haaraa muude

Madda suuraa, Rooyitarsi
Humni waraanaa Gaaboon Roobii fonqolcha raawwachuun aangoo qabate jeneraal Biriis Oliiguu Ingu’emaa hogganaa mootummaa ce’umsaa gochuun muudan.
Loltootni Gaabon daandii magaalaa Libriviilee irratti Jeneraal Ingu’eemaan baachuun gammachuu isaanii ibsataa turan.
Pirezidaantiin Gaaboon aangoo irraa kaafaman Alii Boongoo mana isaaniitii ergaa karaa viidiyoo dabarsaniin ’hiriyyoonni isaanii adunyaa guutuu irra jiran’ bakka isaanii akka ’sagalee dhageessisan’ dhaammatan.
Biyyi kolonii duraanii Faransaay taatu kun qabeenya boba’aadhaan badhaatuudha.
Fonqolchi mootummaa kun bara aangoo maatii Alii Boongoo wagga 55tti xumura godheera.
Gaggeesitootni waraanaa Gaaboon karaa foddaa televizhinii biyyattii bahuun aangoo harka galfachuu himan.
Bu’aa filannoo Sanbata darbee kan Alii Boongoo mo’achuu ibsame akka hin fudhannes himan. Paartiin mormituu bu’aa filannichaa burjaajja’eera jechuun himatanii ture.
Dabalataan humni waraanaa biyyattii biyya ganuun himachuun ilma Alii Boongoo tokko to’annoo jala oolchuu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sa’aatii muraasa booda ammoo mootummaa ce’umsaa hundeessan eenyu akka gaggeessuu qabu irratti mari’atan.
Hogganaa eegduu pirezidaantii kan tahan Jeneraal Ingu’eemaan akka mootummaa ce’umsichaa gaggeessan waliigalan.
Uummatni magaalaa Libriviilee fi naannoo biraa jiraatan fonqolcha gagggeeffameef gammachuu ibsataa turan.
Fonqolchi kun UN, Gamtaa Afrikaa fi Faransaayii kanneen maatii Alii Boongootti dhiyeenya qabaniin balaaleffatameera.
Mootummaan Ameerikaa ariitiidhaan ''bulchiinsa siiviliitti akka deebi'u’’ gaafate.
Dabalataan nageenyi miseensota bulchiinsa mootummaa eegamuu akka qabuu fi gadhiifamuu akka qaban Ministeerri Dhimma Alaa US himeera.
UK’n ''heera mootummaa karaa cabseen aangoo fudhachuun sirrii miti'' jette.
Uummatni biyyattii bulchiinsa maatii Alii Boongoo irraa mufannaa qaba. Qaala’insa jireneyaa rakkoo biyyattii dhiyeenya hammaataa deemedha.
Jiraattuun magaalaa Libriviilee maqaan ishee akka dhahamau hin feene, ''jalqaba sodaadheen ture, amma garuu baay’een gammade jette.
Mootummaa fonqolcha gaggeesse jalatti buluun na sodaachisee ture. Garuu amma kaniin gammadeef ‘’mootummaan kun akka aangoo irraa kaafamuuf waggoota dheeraaf eegaa turre,'' jette.
Omar Boongoo abbaan Alii Boongoo Gaaboniin waggoota 42'f gaggeessuun bara 2009 boqatan.
Ilmi Omar Boongoo, Alii Boongoo ammoo aangoo qabachuun hanga fonqolchaan aangoo irraa kaafamanitti gaggeessan.












