Humni waraanaa Gaaboon humnaan mootummaa aangoorraa kaasuun aangoo qabachuu ibse

Loltoota aangoo qabatan

Madda suuraa, AFP

Humni waraanaa Gaaboon bulchiinsa mootummaa biyya bulchuutti xumura gochuun ofii aangoo qabachuusaa karaa TV biyyatti beeksise.

Bu'aan filannoon gaafa Sanbata darbe Gaabonitti gaggeeffames fudhatama akka hin qabne beeksise.

Filannoo dhuma torbee darbee biyyattiitti gaggeeffameen pirezidaant Alii Boongoo mo'achuusaanii ibsamee ture.

Komishiniin filannoo biyyattii Alii Boongoo sagalee caalman mo'achuu beeksisus paartiin mormituu garuu filannichi haqa qabeessa miti jechuun bu'aa filannichaa mormee ture.

Pirezidaant Alii Boongoo aangorraa humna waraana biyyattiin kaafamuunsaanii aangoo biyyattii waggaa 53'f maatiidhaan itti wal-jijjiiranuu bulchanitti dhuma godheera.

Gaabon biyyoota Afrikaa boba'aa hedduu omishan keessaa yoo taatu, biyyattiin harki 90 bosonaan kan uwwifamteeedha.

Har'a, Roobii ganama, loltoonni 12 karaa foddaa TV mul'achuun bu'aa filannoo torbee darbee akka haqaniifi mootummaa duraan tures kana booda akka hin jirre hima.

Akkasumas 'yeroo hin beekamneef' daangan biyyattiis cufamuu beeksisan.

Kan Gaaboon kana dabalatee biyyoota Afrika gita bittaa Faransaayi jala turanitti waggaa sadi keessatti fonqolchi mootummaa saddeet gaggeeffamuu isaati.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Loltoonni mootummaa aangorraa buusuu beeksisan kun humna nageenyaafi waraana biyyaalessaarraa kan walitti dhufan ta'uu beeksisuun: "Mootummaa amma jiru kanatti dhuma gochuun nagaa eeguuf murteessineerra," jedhan.

Loltoonni biyyattii aangoo qabachuu kara miidiyaan beeksisuusaanii hordofee magaala guddoo Gaaboon kan taate Libarviilee keessatti sagaleen dhukaasaa gurguddaan ni dhagahama.

Kuni ammayyuu fonqolchi kun mormiin akka mudate kan agarsiisu ta'uu ibsa Gulaalaa BBC World Service Africa kan ta'e Wiil Roos.

Loltooni biyyattii mootummaa aangorraa kaasuu hordofee mootummaa biyyattiirraa hanga ammaa waanti jedhame hin jiru. Pirezidaant Alii Boongos eessa akka jiru hin baramne.

Filannoo gaafa Sanbataa gaggeeffameen wal-qabatee tajaajilli intarneetii biyyattii keessatti addaan citee ture deebi'ee jira.

Filaannon dhuma torbee darbee Gaabonitti gaggeeffame akkuma filannoowwan kanaan duraa rakkoo kan qabuudha jedhame.

Gageessaa paartii mormituu cimaa kan ta'e Albart Ondoo Osaa buufataaleen filannoo hedduun waraqaa filannoo suurasaa qabu akka hin qabneefi maqaan kaadhimamtoota pirezidaantif paartiisaa wajjin qindoomanii dorgomanii akka haqamu godhamuu himate.

Gareen Reporters Without Borders jedhamus miidiyaleen biyya alaa waa'ee filannichaa akka hin gabaasne godhamuus ibse.

Pirezidaant Alii Boongoo

Madda suuraa, Getty Images

Kanaan duras Pirezidaant Alii Boongoo filannoo milaammilchuun aangoo qabachuusaanii mormitoonni ni himatu.

Filannoo kanarratti ammoo, filannoon osoo hin gaggeeffamiin torban tokko dursee jijjiiramni waraqaa filannoorratti gaggeeffamuun falmii kaasee ture.

Alii Boongoo gara aangotti kan dhufan bara 2009 abbaansaanii Omar du'uu hordofeeti.