Siyaasa Itoophiyaa: Qondaalonni ABO lagannaa nyaataa irra turan nyaata nyaachuu erga eegalanii 'fooyyee qabu' jedhan maatiin

Qondaalonni ABO mana hidhaatti lagannaa nyaataa irra turan jaarsummaa manguddoota biyyaa booda nyaata fudhachuu eegalanii amma fayyaan isaanii fooyya'uu isaanii maatiin himan.

Yeroo lagannaa sana keessa qaama Battee Urgeessaa keessaa albuudni elektiroolaayit jedhamu waan xiqqaateef osooma taa'uu tasa qaamni isaa laamsha'uu akka danda'u hakiimni nutti himeera jedhan abukaatoon isaanii.

Guyyoota 15 oliif lagannaa nyaataa irra turuun jaarsummaa manguddoonni biyyaa bahaniin nyaata nyaachuu kan eegalan qondaalonni ABO mana hidhaa jiran nyaata idilee Kamisa darbe irraa eegaluun nyaachuu akka eegalan maatii keessaa namootni BBC'n dubbise himaniiru.

Obboleessa Daawwit Abdataa kan tahe Biraanuu Abdataa BBCtti akka himetti erga guyyaa jaarsoliin akka nyaata nyaatan gaafatanii hanga Kamisa darbeetti akkaataa ajaja hakiimaan nyaata dhangala'aa akka shoorbaa fudhachaa turan jedhe.

Ergasii fayyaan isaanii fooyyee qabaachuu kan himu Biraanuun, Battee Urgeesaa sababa lagannaa nyaataa kanaan tiruun isaa miidhamee dhukkuba Hipatitis B qabamuun itti himamuu akka dhagahe dubbata.

Namootni lagannaa nyaataa irra jiran mana tokko keessatti hidhamanii akka jiran quba qabna kan jedhu Biraanuu Abdataa dhukkubni kun waan daddarbuuf isaan kaanis qoratamuu barbaadanii carraa kana karaa poolisii osoo hin argatiin akka jiran hime.

Dubbii himaan ABO Battee Urgeessaa mana yaalaa galee erga bahee booda mana hidhaatti deebifamuu abukaattonni isaanii himaniiru.

Batteen tiruun isaa baay'ee waan miidhameef akka mana yaalaa ciisee yaalamu jedhamus akka hin eeyyamamneef abukaattoo qondaalota kanneenii keessaa tokko kan tahan Dr Tokkummaa Dhaabaa BBCtti himaniiru.

Dr Tokkummaan qondaalonni kunneen mana yaalaa galanii bahanis yaala gahaa hin argatiin jiru. Tiruu Battee Urgeessaa irratti dhibee Hepatitis B argamuun haalichi itti cimuu hakiimni himus mana yaalaa ciisee akka yaalamu jedhamee akka hin eeyyamamneef himan.

Yeroo lagannaa sana keessa qaama Battee Urgeessaa keessaa albuudni elektiroolaayit jedhamu waan xiqqaateef osooma taa'uu tasa qaamni isaa laamsha'uu akka danda'u hakiimni nutti himaniiru jedhan.

Kennasaa Ayyaanaa ammoo hanga ammaayyuu qabaa malee of danda'ee hin ka'us hin deemus. Namni nyaata akka gorsa ogeessattis kennisiisuufis hin jiru jedhu.

Qondaalonni kunneen qaamni isaanii akka malee huqqateera jedhan Dr Tokkummaan.

Gaaffiin isaanii maali?

Pirezidaantiin waldaa Maccaa fi Tuulamaa Obbo Dirribii Damusee namoota sagal akka qondaalonni kunneen nyaata nyaataniif deemanii kadhatan keessaa tokko.

Obbo Dirribiin ''an yeroo kan Jawaarii fi Baqqalaa fa'i sanas yeroo afur deddeebi'ee kadhachaan ture. Isaan ... fooyyee qabu ture. Isaan kun akka malee huqqataniiru. Gogaafi lafeetti galanii jiru,'' jedhan.

''Mana hidhaa bakka kudhanii olitti jijjiiranii nu hidhan. Mana murtiidhaan bilisa jedhamnus nu hin gadhiisan. Kanaaf aarsaa kaffalla jennee lagannaa jalqabne,'' jechuun nutti himan jedhan.

Pirofeser Asafaa Dibaabaa fi namoota kaan waliin dhimma isaanii gara mootummaatti geessuuf waadaa gallee erga tole jedhanii gulukoosii fudhachuuf mana yaalaa galanii nuyi ammoo waajjira pirezidaantii Oromiyaa deemuun dhimma isaanii dhiyeessine.

Garuu akka carraa tahee Obbo Shimallis Abdiisaa waajjiraa waan dhabneef Itti Gaafatamaa wajjira Pirezidaantii Obbo Mogos Ida'ee waliin dubbanneerra jedhan.

Isaanis dhimmi isaanii akka ilaalamu goona jedhee gaafa Obbo Shimallis galan akka deebinuuf beellama nuuf kennan jedhan. Hanga sanatti akka nyaata nyaataniif nuu kadhadhaa jedhanii nu gaggeessan jedhan.

Qondaalotni kunneen guyyoota 11 tahaniif bishaaniif midhaan malee lagannaa irra akka turan himu Dr Tokkummaan.

Itti dabaluun Daawwit Abdataa fi Lammii Beenyaa mana murtii federaalaan bilisa erga jedhamanii waggaan tokko darbus ammayyuu hin gadhiifamiin jiru jedhan.

Battee Urgeessaa fi Dr Gadaa Gabbisaa irratti inumaayyuu himanni osoo irratti hin banamiin akka jiru himan.

Akkasumas Mikaa'el Booranii fi Kennasaa Ayyaanaa waggaa lamaa ol mana hidhaa turanis himanni irratti baname hin jiru jedhan.

Galmeen isaanis cufamee mana murtiitti dhiyaatanii hin beekan kan jedhan Dr Tokkummaan erga mana murtiitti dhiyaatanii kan waggaa tokkoo ol, kaan ammoo yoo xiqqaate ji'a jahaa ol taha jedhan.

Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan booda qondaalonni ABO hedduu hidhamuun waajjiraalenis jalaa cufamuu paartichi himaa ture.