Gaazexessituu Ma'aazaa Mahaammad 'bakka jirtu hin beeknu' - obboleettii

Gaazexessituu Ma'aazaa Mahaammad qaamolee nageenyaa mootummaan mana jireenyaa abbaa isheetii fudhatamuufi bakka jirtu akka hin beekne obboleettiin ishee himte.

Chaanaalii YouTube 'Abbaay Miidiyaa' jedhamu irratti erga yeroo dhiyoo ammoo chaanaalii Youtube mataa ishee 'Roohaa' jedhu hundeessuun, dhimmoota siyaasaa yeroo irratti xiyyeeffachuun sagantaalee adda addaa qopheessaa turte.

Gaazexessituu Ma'aazaan Sanbata ganama mana jireenyaa abbaa ishee irraa naannoo sa'aa sadiitti namoota uffata siiviilii uffatanii fi poolisoota ta'uu himaniin fudhatamuu obboleettiin ishee Aganyahu-warq Abbaba BBC'tti himte.

Ma'aazaan abbaa ishee gaafachuuf deemtee yeroo bahaa jirtu, namootni poolisii ta'uu himan eenyummaa ishee erga mirkaneeffatanii booda qabanii deemuu himti.

''Mana keessa abbaa keenyaan ala eenyuyyuu hin turre. Hunduu gara hojii deemnee ture. Abbaan koo ammoo ni dhukkubsata waan ta'eef, eenyu jechuullee hin dandeenye. Amma hundi keenyayyuu iddoo iddootti bobbaanee eessa akka geeffamte barbaadaa jirra,'' jetti.

Gaazexessituu Ma'aazaan daa'ima ganna shanii kan qabdu yoo ta'u, mucaan ishee akkoo bira jirtii jetti obboleettiin. Ma'aazaan abbaa ishee waliin gamoo kondominiyeemii tokkorra jiraatti. Ta'uus manni ishee hin sakatta'amne.

Ma'aazaan maaliif akka qabamte akka hin beekneefi amma bakki jirtu hin beekamne jetti obboleettiin Ma'aazaa.

''Amma homaa jechuu hin dandeenyu. Ishiin dirqama argamuu qabdi,'' jechuun haala isheen keessa jirtu beekuuf rakkachuu himteetti.

Waahillan ishees qaamolee nageenyaan qabamuufi bakka jirtu akka hin beekne himaniiru.

Hanga ammaatti to'annoo jala ooluu ishee ilaalchisee qaama nageenya magaalaa Finfinnee hordofurraa wanti jedhame hin jiru.

Torbe kana keessa qofa gaazexessitootni miidiyaa hawaasaarra hojjetan sadii magaalaa Finfinnee keessatti to'annoo jala oolaniiru.

Hundeessitoota Ubuntuu TV keessaa tokko kan ta'ee Iyyaaspeed Tesfaayeefi hundeessaan Taraaraa Neetwoork Taammiraat Nagaraa torban kana keessa to'ataman.

Jaarmiyaan mirga gaazexessaaf falmu CPJ'n gabaasa guyyoota dura baaseen, gaazexessitoota hidhuun Itoophiyaan biyyoota Sahaaraa gadii jiran keessaa sadarkaa lammaffaarratti argamti jedheera.