Waraana Tigiraay: Haleellaa TPLF baqattoota Ertiraa irraan gahu hawwaasni adunyaa akka balaaleffatu gaafatame

ARRAA, Haleellaa baqattoota Eertiraa Tigiraay jiran irra gahu balaaleffate

Madda suuraa, ARRA

Ibsa waa'ee suuraa, ARRAA, Haleellaa baqattoota Eertiraa Tigiraay jiran irra gahu balaaleffate

Haleellaa gara jabinaa fi 'suukaneessaa' TPLF baqattoota Ertiraa irraan gahu hawwaasni adunyaa akka balaaleffatu Ejensiin Dhimma Baqattootaa Itoophiyaa gaafate.

Ejensichi baqattoota Ertiraa naannoo Tigiraay kaampii Maay Tsebiritti argaman ilaalchisee ibsa baaseen deeggarsa dhiyeessuun akka hin danda'amne himeera.

Ejensichi baqattoota naannoo waraanaa keessatti rakkatan baasuun yeroof manneen barnootaa keessa qubachiisuun nyaata dhiyeessa jiru himeera.

Garuu hidhattoonni TPLF kaampii baqattoota Eertiraa galuun meeshaalee waraanaa gurguddoo akka dhaaban, bu'uuraalee misoomaa waraanaaf akka fayyadamanii fi yakka ajjeechaas akka raawwatan ragaa qaba jedhe ibsa Kamisa baaseen.

Qabeenya Dhaabbata Sagantaa Nyaata Adunyaa fi kaanis hidhattoonni TPLF saamuu kan hime ibsichi, ji'a Sadaasaa keessa erga waraanni Naannoo Tigiraayitti jalqabeen as baqattoonni Eertiraa naannicha keessa turan rakkoo hamaaf saaxilamanii akka turan dhaabbileen deeggarsa namoomaa himaa turan.

Erga mootummaan Itoophiyaa gar-tokkeen dhukaasa dhaabuu labsuu hordofe hidhattoonni TPLF naannicha to'annoo jala galchuu himan. Tibbanas konkolaataan deeggarsa gara naannichaatti geessuuf turan naannoo Affaar keessatti hidhattoota kanneeniin haleelamuu motummaan himunsaa ni yaadatama

Naannoo daangaa Affaar keessa galuun TPLF humna addaa naannoleen erganii fi Raayyaa Ittisa biyyaa gidduutti waraanni gaggeeffamaa jira. Kana irraa kan ka'e namootni 50,000 ol ta'u naannoo Affaar bakka waraanni jiruu buqqa'uu isaanii mootummaan naannoo Affaar BBCtti hime.

Ibsi Ejensii Dhimma Baqattoota Itoophiyaa maal jedha?

Haala baqattoonni Eertiraa kaampii baqattootaa Maay Ayinii fi Adii Harush keessa jiran hawaasni idil-addunyaa hubachuun deeggarsa barbaachisaa tahe akka godhuuf gaafata ibsi kun.

Rakkoo mudate furuuf yaalii godhamaa turen Godina Kaaba Gondar aanaa Dabaat keessatti bakka buufata baqaattootaa qophaa'aa jiru ariifachiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsuun baqattoota naannoo lolaa keessaa bahaniif deeggarsa barbaachisaa qopheessaa jiraachuu hima.

Ejensichi baqattoota yeroof tursiisuuf qondaalonni mootummaa naannichaa manneen barnootaa akka eeyyamaniifis ibseera.

Meeshaalee barbaachisoo tahan dhiyaataa jiraachuufi qaamoleen deeggarsa gochuuf eeyyamamoo tahan akka jiranis hima. Itti dabaluun baqattoota simachuun manneen barnootaa keessa tursiisuun nyaata ho'aa dhiyeessuuf jalqabuu ibse.

Haatahu malee haalli baqattoonni keessa jiran daran hammaataa deemuun isaa akka isa yaaddesse ibseera.

Hidhattoonni TPLF kan mootummaan shororkeessaa jechuun farraje, kaampii baqattootaa keessa galuun hanga ammaatti namoota 6 ajjeesuu raga qaba jedhe ejensichi.

Garichi seera mirga namoomaa idil -addunyaa cabsuun buufataalee baqqattootaa kanneen keessatti meeshaalee waraanaa gurguddoo dhaabuu fi sochiin hidhattootaa jiraachu akkasumas al takka takkaas walitti fufiinsaan dhukaasni akka dhagahamu hima.

Buufataalee fayyaa baqattoota deeggaruuf banaman ambuulaansotaa fi bu'uuraalee misoomaa biroo waraanaaf akka oolfamaa jiranis odeeffannoon qaba jedhe.

Itti dabaluun yoo xiqqaate baqattoonni lama hanqina tajaajila fayyaan du'uu himuun haadholiinis haala rakkisaa taheen dahaa akka jiran hime.

Dhaabbilee deeggarsa dhiyeessan Sagantaa Nyaata Addunyaa dabalatee ejensiiwwaan keenya jalaa qabeenyi saamamuu ragaa qabnas jedhe.

Godaantoonni buusii maallaqaa fi akaakuu waraanaaf oolu akka buusaan dirqisiisaa jiraachuu himeera ibsi ejensichi baase.

Dabalataan baqattoonni naannoo waraanni jiruu keessaa bahuuf yoo jedhan, hidhattoota TPLF'n dhorkamuu himuun kunis ugguruu waliin wal fakkaata jedhe.

Gama biraan ammoo baqattoota kanneen humnaan gara bakka hin beekmneetti geessuun yeroo waraanichi jalqabe ji'a Sadaasaa keessa kaan irra miidhaa geesisuufi gara kaampiiwwan baqattootaa cufamanii Hitsast fi Shimelbaatti akka deeman gochuu isaanii odeeffadheera jedhe.

Hanga har'aatti dhaabbileen gargaarsa namoomaa idiladunyaa baqattoota buufata godaantootaa Maay - Tsamrii keessatti argamaniif tajaajila laachuu akka hin dandeenya Ejansichi himeera.

Dhaabbileen idil- addunyaa yakka sukkaneessaa raawwatamaa jiru baleeffachuu akka qabu Ejansiin Godaantootaa fi Godaansaa Deebitootaa Itoophiyaa kun