''Buqqaatotni biyya keessaa Itoophiyaa qe'eetti deebi'uun lakkoofsi buqqaatota Baha Afrikaa akka gadi bu'u gumaache''-IOM

Baqattoota

Madda suuraa, IOM

Baha Afrikaatti lakkoofsi namoota biyyuma keessatti buqqa’anii ji’oota jahan darban akkaan gadi bu’uu Dhaabbatni baqattootaa idila addunyaa(IOM) beeksise.

Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona tokkoo fi kuma dhibba sadii ta’an sababa walitti bu’iinsaan qe’eesaaanirraa buqqa’anii turan qe’ee isaaniitti deebi’uun sababa isa olanaa ta’uus dhaabbatichi beekiseera.

Dabalataan lammiileen 200,000 ta’an qe’ee isaanii Sudaan Kibbaa fi biyyoota kaanitti deebi’uunis milkaahina kanaaf gahee baheera jedhameera.

Walakkeessa bara 2019’tti naannoon Gaanfa Afrikaafi Baha Afrikaa namoota biyyuma isaanii keessatti qe’ee isaaniirraa buqqa’an miilyoona saddeetiifi kuma dhibba tokko qaba ture.

Kanneen godaananii fi koolugaltummaa gaafatan ammoo miiliyoona 3.5.

Yeroo ammaa lakkoofsi namoota godaananii koolugaltummaa gaafatanii bakkuma durii jiraatus kanneen biyya isaanii keessatti buqqa’anii garuu miiliyoona 2.8’n hir’isee miiliyoona 6.3 irra jira akka ragaan Dhaabbata Baqattootaa Idila addunyaa ibsutti.

Akka ragaan qorannoo dhaabbatichaa damee baha Afrikaa magaalaa Naayyiroobii jiru ibsutti jalqaba bara 2019’tti Itoophiyaa keessatti walitti bu’iinsa saboota giduuttii dhalatee tureen namootni miiliyoona saditti tilmaamaman qe’ee isaanirraa buqqa’aniiru.

Dhuma bara 2019’tti ammoo lakkoofsa buqqaatota biyya keessaa nannoo baha Afrikaa jiran miiliyoona 6.3 keessaa miiliyoona 1.7 kan ta’an buufatalee qubannaa Itoophiyaa keessatti hundaa’an 1,199 keessa turan.

Kannen keessaa 66% sababa walitti bu’iinsaan, 22% sababa beelaan, 6% ammoo lolaan miidhaa geessisuun buqqa’an.

Akka gabaasa dhaabbatichaatti Somaaliya fi Sudaan Kibbaa keessatti sababa walitti bu’iinsa hawaasa giduutti dhalatuun namni qe’eetii buqqa’aa jira.

Sabummaarratti walitti bu’iinsi bu’uureffate ammas Itoophiyaa keessatti, walitti bu’iinsi horiifi lafa dheedumsaa irratti bu’uureffate ammoo Sudaan Kibbaatti rakkoo ta’anii itti fufaniiru.

Walitti bu’iinsaan cinaatti rakkoowwan jijjiirama qilleensaafi balaan uumamaa namni qe’ee isaarraa buqqa’uuf sababa ta’uus IOM beeksiseera.

Hongeen yeroo dheeraaf ture Somaaliyaa, Kaaba Keeniyaa , Kibba Itoophiyaa, Kaaba Yugaandaafi Jibuutitti wabii nyaataa miidheera.

‘’Buqqaatiiwan haaraan sababoota olitti ibsamaniin ‘’Somaaliyaafi Sudaan Kibaatti dhalatan nu yaaddessera jedhan’’ Hojii gaggeessaan IOM damee Baha Afrikaafi Gaanfa Afrikaa Mahaamad Abdiiker.

Bara 2019 keessa karaa Bahaa godaantootni 1,382,313 ta’an biyyoota Gaanfa Afrikaarraa Yaman qaxxaamuranii biyyoota Afriikaatti godaananiirus jedheera Dhaabbatichi.

Kun lammiilee Itoophiyaa 120,825 bara 2019 keessa Sa'uudii Arabiyaarraa dirqiin biyyatti akka deebi’an godhame hin dabalatus jedha gabaasichi.

Lakkoofsi godaantota biyyoota Gaanfa Afrikaa fi Baha Afrikaa daangaa biyyoota Awrooppaa akka Giriik, Xaaliyaaniifi Ispeen gahanii bara 2018 4,624 ture, bara 2019 ‘tti 3,452 gadi bu’uunis ibsameera.