Koronaavaayirasii: Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Ol-aanoo maaliif murtoo jijjiiree barattoota maatiitti deebise?

Itoophiyaan tamsa'ina Covid-19 to'achuuf barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa 45 keessa jiran 700,000 ol ta'an qe'ee isaaniitti deebisuuf jirti.

Torbee tokko dura mootummaan Itoophiyaa manneen barnoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa cufuun, kanneen dhaabbilee barnoota olaanoo keessa jiran daree osoo hin seeniin barnoota akka itti fufan murteessee ture.

Ibsa guyyaa kaleessaa Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanoo baaseen ammoo murteen kun guutummaattii hojiirra oolaa akka hin jirree hordoffii godhameen waan mirkanaa'eef barattoonni qe'ee isaaniitti akka deebi'an murta'uu ibseera.

Barattootni mooraadhaa bahuufi gara maatiitti galuuf fedha qabaachuun, yunivarsiitilee tokko tokkotti barattootni harki walakkaan mooraa gadhiisanii bahuuniifi barattootni gariin of eeggannoo barbaachisu gochaa kan hin jirre ta'uun sababoota murtee kana duuba jiran keessaa muraasa ta'uun eerameera.

Ministeerri kun guyyaa kaleessaa pirezidantiiwwan yunivarsiitilee mootummaa hunda waliin imala barattoota kanaa irratti marii viidiyoo konfiransiin gaggeeseen barattootni kun of eeggannoo guutuun akka imalan kallattii kaa'eera.

Bu'uura marii kanaan yunivarsiitiileen hundi barattoota isaanii hanga magaalaa gurguddootti akka gaggeessaniifi barattoota harka qalleeyyiif yunivarsiitiileen deeggarsa geejjibaa akka mijeessan murtaa'uun himameera.

Yunivarsiitiileen waamicha akka biyyattii fuula duratti godhamuu maluuf akka qophaa'an, barattoota sababa humnaa ol ta'een mooraatii bahuu hin dandeenyeef nyaata akka qopheessan, akkasumas imalarratti qulqullinni konkolaattotaa akka eegamu waliigalteerra gahamuunis ibsameera.

Yunvarsiitiin Amboo akkamiin gaggeesse?

Pirezidantiin Yunivarsiitii Amboo Dr. Taaddasaa Qana'ii Yunivarsiitiin isaanii guyyaa Kibxata kaampaasiiwwan isaa afur irraa barattoottota magaalaa Finfinneefi Naqamteetti konkolaattoota gurguddaa 35 fayyadamuun gaggeessuu isaanii himan.

Hojii barattoota gaggeessuu gorsa ittisaaf ogeeyyii fayyaan kenname hojiirra oolchuun akka ta'eefi ''konkolaattotni barakiinaan miichamuu'' himan.

Murteen barattoota maatiitti deebisuu mooraa keessa tursiisuu waliin yoo wal bira qabamu hammaataa waan ta'eefi of eeggannoon barattootaa hedduu laafaa ta'uun murtichaaf sababa akka ta'e ibsaniiru.

Yunivarsiitileen biyyattii biroon Roobii irraa eegalee barattoota gaggeessuu akka eegalan beeksisaa jiru.

Ministeerri Saayinsiifi Dhaabbileen Barnoota Ol-aanoo maaliif murtee jijjiire?

Ministeerri Saayinsiifi Dhaabbileen Barnoota Ol-aanoo dhimma kana ilaalchisuun fuula Feesbuukii isaarratti ibsa baaseen murteen torban darbe weerara Covid-19 ittisuuf barattoonni osoo darbee hin seeniin doormii keessatti haalli mijeeffameef akka barumsa itti fufaniif murtessee kan ture keessa deebi'ee ilaaleera.

Haata'u malee, adeemsa hojiirra oolmaa akka haalli mijateefi doormii keessaa osoo hin ba'iin barataniifi fedhii barattootaa jiru, akkasumallee haala qabatamaa yunivarsiitiiwwan keessa jiru ilaaluun barattoonni akka gara maatii isaaniitti galan A L I Bitootessa 15, 2012 murteesseera.

Sababoota afur akka barattoonni qe'eetti deebi'aniif murteesseef:

1.Fedhii barattootaa gara maatii isaaniitti deebi'uuf qaban

2.Yunivarrsiitiiwwwan tokko tokko keessatti barattoonni dhibba keessaa harka 50 ta'an mooraa keessaa kan bahan ta'uu

3.Barattoonni tokko tokko dhibee vaayirasichaatiif of-eeggannoo barbaachisu taasisaa waan hin jirreef

4.Barattoonni karaa adda addaa gara magaalaatti bahanii hawasatti makamanii deebiyanii mooraa seenaa waan jiraniif jedhameera.

Yunivarsiitiin Walloos ibsa fuula isaarratti dheengadda baaseen sababa sodaafi yaaddoo weerara koronaavaayirasiitiif jecha barattoota maatii isaaniitti deebisuuf qophii akka xumure ibsee ture.

Barattoonni Yunivarsiitichaas gara qee'eetti deebiyuu kan eegalan har'a iirraa jalqabeeti jedheera