Eeruun koronaavaayiras 29 akka isa qaqqabe Ministeerri Fayyaa beeksise

Koronaavaayiras tatamsaa'uunsaa erga dhagahamee as eeruuwwan shakkii vaayirasichaa 29 isa qaqqabuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.
Gareen shakkamtootaa garee koronaavaayiras to'achuuf hundaa'e bira ga'ee hordofaa jira.
Ministeerichi ibsa har'a kenneen akka beeksisetti gareen deebii hatattamaa dhimma koronaavaayirasiif kennuuf Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa biyyattiitiin hundaa'e eeruuwan kennaman hundumaa bira ga'ee to'annoo gochaa jira.
Akka ibsa ministeerichaatti namoota 29 koronaavaayirasiidhaan shakkamuun eeraman 29 keessaa 14 mallattoowwan vaayirasichi ittiin shakkamu muraasi waan irratti mul'ateef iddoo addaa qophaa'etti adda baafamanii akka tursiifaman godhamee qorannoon irratti gaggeeffameera.
Namoota shakkamanii adda baafaman keessaa dhiigi namoota 11 saamudi isaa fudhatamee qorannoof gara Afriikaa Kibbaatti kan ergame yoo ta'u kanneen keessaa namoonni saddeet vaayirasicharraa walaba ta'uun beekameera.
Sadeen hafan ammoo bu'aan qorannoo isaanii ammallee eegamaa jira.
Kana malees namoonni biroon sadi vaayirasichaan shakkaman dhiigni isaanii gara Afriikaa Kibbaatti ergamuuf jira jedha Ministeeri fayyaa.
Namoonni magaalaa Wuhaan, kan iddoo argama koroonaavaayiras taate, irraa dhufan hundinuu bakka yaaliif qophaa'etti tursiifamuun to'annoon fayyaa ni taasifamaaf jedha ibsi kun.
Akkasumas namoonni Chaayinaarraa gara Itoophiyaa seenan hunduu imaltoota biroorraa adda baafamuun ho'inni qaamaa isaanii kan safaramuu fi foddaan immigireeshinii addatti isaaniif banamuun tajaajila akka argatanis eereera ibsi Ministeera Fayyaa.















