Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Olaantummaa seeraa kabachiisuun uummata nagaa ajjeesuu jechuu miti'- ABO
''Namni naannoo keenyaa yoomiin du'a, eessattiin du'a jechaa deema'' jedhu dargaggoonni Godina Wallaga Lixaa Aanaa Anfilloo jiraatan. Dhaabbileen siyaasa Oromoo ammoo mootummaan tarkaanfii seera kabachiisuu wayita fudhatuutti namoota nagaa miidhuurraa akka of qusatu gaafataniiru.
Dargaggoon Aanaa Anfilloo ganda Doollaa durbiin isaa lama Raayyaa Ittisa Biyyaan ajjeefamuu BBC'tti himeera.
Kana malees, miseensi KFO obbo Jawaar Mohaammad Najjootti waraanni mootummaa durbii hooggansa paartii KFO, Obbo Baqqalaa Garbaa lama ajjeesuu fuula feesbuukii isaaniirratti ganama kana barreessaniiru.
''Ajjeechaan kun bakka lolli hin jirreetti, namoota hidhannoo hin qabnerratti gaggeefamaa jira'' jechuunis barreessan.
Kabaja ayyaana Qilleef maatii isaa aanaa Anfilloo keessa jiran dubbisee Naannoo Beenishaangulitti deebi'uu kan dubbatu dargaggoon maqaan isaa akka dhahamu hin barbaanneefi kan BBC'n dubbise tokko, yeroo achi tures haalli nageenyaa turetti yaaddessaa akka ta'u hima.
''Uumatni hundinuu dargaggeessa of biraa qabu ariyee, maanguddootaafi harmoolii qofaatu jira.''
Durbiin isaa lamaan harmee isaanii fuulduratti ajeefamuun dhagahe kan jedhu dargaggoon kun, isa dura naannoo Muggiitti nama sadii ajjeesanii akka ture odeeffannoo qabaachu dubbateera.
Haala nageenyaa keessumaa wallagga Lixaa naannoo Afillootti hammateen, namoonni baayyeen harki caalaan dargaggoota ta'an qe'ee isaanii dhiisanii naannoo fi godinaalee ollaa nageenya qabanitti baqachaa akka jiran odeeffaneerra.
Jiraataan aanaa Anfilloo maqaa isaa dhokfachuu barbaade BBC'n dubbise kan biroon dhiyeenya kana dargaggoota biroo 10 ta'an waliin ''ijoollee baayyeen naannoo isaaniitti waan ajjeefamaniif'' sodaatanii gara Gambellaa baqachuu himeera.
''Warri Raayyaa Ittisa Biyyaa dargaggeessa yoo argan dhaabbadhu jedhu; dhaabataniis ta'e baqataniis hin dhiisanii'' jedha.
''Namni naannoo keenyaa yoomiin du'a, eessattin du'a jechaa deema malee abdiin nan jiraadha jedhu hin jiru. Keessumaa naannoo Muggiitti duutii hin oolu'' jedha.
Dargaggeessa waan ta'eef maatiin isaa akka inni jalaa hin miidhamneef soodaatanii akka baqatu isa dhiibuu dubbata.
Komii Raayyaan Ittisa biyyaa uummata nagaa hidhannoo waraanaa hin qabne adamsee ajjeesaa jira jedhamuun jiraattotaafi dhaabbilee siyaasaa mormituurraa dhiyaatuuf deebii akka nuu kennan deddeebisnee yaallus deebii hin arganne.
Torban muraasa dura kan dubbifne hooggansi paartii badhaadhinaa obbo Taayyee Danda'aa rakkoon nageenyaa lixa Oromiyaatti mul'ataa jiru yeroo gabaabaatti waan karaa qabatuuf wanti nama yaaddessu hin jiru jedhanii ture.
Mootummaan sababa miidhama uummatarra gaheen komatamaa turuufi yeroo ammaas Lixa Oromiyaa naannoo qaamni hidhate socho'u jirutti hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu bu'uura uummanni gaafateen hojjetama jira jedha.
Marartee ummata sanaa nucaala namni qabaatu hin jiru kan jedhan Obbo Taayyeen, wanti akka mootummaan uummata keenya Wallaggaa miidhaa jira jedhame hafarfamu kijiba jedhan.
Boombii tokkotti qarshii 15,000
Ijoolleen mandara keessa deemanii WBO' tu nu erge jechuun bakka sochiin qaamolee nageenyaa jirutti boombii darbatan akka jiranis hima dargaggoon kun.
''Mana nama gidduu taa'anii gocha kana raawwatuu, achiin uummatni yoo itti dubbatu WBO'tu nu erge jedhu. Uummatni immoo ni sodaata. Bakka boombiin darbatamutti Raayyaan Ittisaa dhufee nama lama sadii ajjeesu malee hin deemu,'' jechuun haala jiru hima.
''Ijoolleen naannoo keenyaas naannoo Muggiirraa dhufanii meeshaa fi boombii hidhatan WBO ofiin jedhu osoodhuma beeknuu akka isaanittis Raayyaa Ittisa Biyyaattis dubbannu hin qabnuu'' jechuun jiraattoonni haala rakkisaa ta'ee keessa jiraachu dubbata.
Ijoollee xixiqqootu dhokatee gabaa fa'itti boombii darbata. Raayyaan Ittisaammoo dhufee uummatatti dhukaasa. Sababa kanaan namni gabaa bahuulleen baayyee sodaata jedha.
Ijoolleen boombii darbatan kunneenis qama maallaqa isaaniif kennutu duuba jiraa jedha. ''Boombi tokko yoo darbatan birrii 15,000 isinii kennina jedhamanii gocha kana raawwatuu.''
Abbootiin yoo ijoollee kanatti dubbatan meeshaa itti qabanii sodaachisu, ni reebuus jedha.
Ajjeechaawwan hedduu raawwatamaa jira jedhamu kan raawwatu Raayyaa Ittisa Biyyaatii kan jedhu dargaggoon kun, ''sababni ajjeechaa kana hammeessu ammo ijoollee hidhattee maallaqaaf jecha dhokachuun naannoo raayyan ittisaa jiruttu boombii dhukaaftudha'' jedha.
Dhaabbileen Siyaasaa Oromoo maal jedhu?
Dubbii himaan ABO obbo Qajeelaa Mardaasaa keessumaa Qeellama Wallaggaa keessatti namni ajjeefamaa, rakkoo gurguddaan jiraachuu dhagahaa jirra jedhu. Uummatni maaf nutti callistuu jedha. Kana furmaata gochuu kan danda'u ammoo mootummaadha jedhu.
Dhimma kanarratti walgahii dhaaba biyya bulchu waliin qabnurratti gaaffii keenya dhiyeessaa kan jirru ta'uus, rakkinichi furmaata dhabee dararaan uummatarra dheerateera jedhu.
Haala Lixa Oromiyaa jiru odeeffachuudhaafis bilbilliifi Intarneetni adda cituun, ''cabiinsa mirga dhala namaati'' jedhan.
Mootummaan Olaantummaa seeraa kabachiisuttin jira jedha kan jedhan obbo Qajeelaan, ''Olaantummaa seeraa jechuun uummata nagaa miidhuu hidhuu ajjeesuu jechuu miti. Namni yoo badii qabaate seeraan gaafatama malee badii tokko malee hin ajjeefamuu'' jedhan.
''Waraana isa hidhatee bosona jira jedhamu waliin lolli bifa kamiyyuu yoo deeme sanarraa rakkoo hin qabnuu waan sanaa ala ta'uudha kan nuti balaalefachaa jirru.''
Mootummaan waa'een namoota nagaa miidhamaa jiraniif itti gaafatamummaan itti dhagaahamuu qabaa kan jedhan ammoo Hoogganaa waajira KFO obbo Xurunaa Gamtaati.
Qonnaan bulaa fi barattoota adamsanii ajjesuun hedduu nu yaadesseeraa kan jedhan obbo Xurunaan mootumman ammaas rakkoo kana warra hidhatee socho'u kara nagaattii fiduuf osoo waliin mariyatee wayyaa jedhani.
Haala deemaa jirutti ''KFO'n baayyee gaddaa'' jedhan.