ADWUI'n akka tokkummaa paartileetti jira jechuun danda'amaa?

Madda suuraa, EPRDF official
Waggoota darban keessa hariiroon paartilee ADWUI hundeessan gidduu jiru lafaa akka dhufe xiinxaltootni fi siyaasa addichaatti namoonni dhiyeenya qaban himaa turan.
Adeemsa ministira muummee haaraa filachuuf godhamee fi sana boodas dhaabota Afran gidduu rigatni jiru dabaleera.
Yaa'ii addichaa idilee amma gaggeefamaa jiru irratti dhimmoota garaagaraa irratti mariyatamuu malu jedhaman keessaa tokko hiree addichaa ta'u mala jedhu keessa beektonni siyaasa ADWUI.
Hoogganaa dhaaba mormituu fi miseensa paarlamaa kan turan obbo Moshee Sammuu ''ADWUI uumamumarraa dimokraatawaa miti'' jedhanii amma waldiddaan dhaabota kana gidduu jiru ifatti mula'ata jedhan.
Maddi walitti bu'iinsa saboota gidduutti mul'atuus ADWUI dha jedhu.
Adeemsi Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay mootummaa federaalaa keessa bahuuf yaaluu balaa qabas jedhu obbo Musheen.
Sarbamiinsa mirga namoomaa fi malaammaltummaarratti duula mootummaan eegaleen dhalattoota Tigraay irratti xiyyeefachuun isaa dantaa siyaasa keessa bahachuuf yaada jedhuun mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduutti muddamni dhalateera.
Dura ta'aa itti aanaan ABBUT Dr. Dabratsiiyoon G/ Mikaa'eel mootummaan dhalattoota Tigraay irratti duula siyaasa eegale akka dhaabu akeekkachiisuun isaaniis ni yaadatama.
Dhaabota naannoo Tigraayii fi naannoo Amaaraa bulchan gidduutti muddamni siyaasaa jira. ODP fi ADP giddutti wal hubannaa fi tumsa jiruun alatti haariiroon ABBUT waliin dhaaboliin kaan qaban ADWUI'n akka dhaabaatti waldiddaan guutameera yaada jedhuuf ka'uumsa isa biroodha.
Akka obbo Mosheen jedhanitti ADWUI rakkoolee isaa keessoo haala ofiin qofa furuu dand'aurra hin jiru. Dhaabichi ''aadaa siyaasaa qabuufi tokkummaa kaayyoo isaa dur qabu dhabeera.''
Hoogganaan ABBUT fi ADWUI duraanii fi kan dhaaba mormituu ijaaran obbo Gabruu Asraat yaada ADWUI akka tokkummaa dhaabilee siyaasa 4'tti jira jedhutti walii hin galan.
''ABBUT fi ADP walii walii isaaniirratti olola ofaa waan jiraniif murtee akka biyyatti godhamu keessaa qooda hin qaban.'' Yaadota dhaabonni biroon irraatti waliigalanis sababa kanaa fudhatama dhabuun ni jira jedhan.
Sababoota alitti ibsaman irraa ka'uun ADWUI akka dhaaba paartilee afur irraa ijaarameetti tokkumaa isaa eegee fula duratti itti fufa yaada jedhu shakkii guddaa keessa galcheera.















