Itoophiyaan Ministira Muummee haaraa muuduuf jirti

Madda suuraa, OPDO Official
Manni maree Adda Dimookiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa torban darban keessa gabaasawwan koree hojii raawwachiftuu dhaabbatichaa erga gamaggamee booda, Dr. Abiy Ahimad Dura taa'aa, Obbo Dammaqaa Makonnin ammoo ittaanaa dhaabiichaa gochuun filateera.
Dr. Abiy miseensota mana marichaa 180 keessaa sagalee 108 argachuun filamuu isaanii OBN gabaaseera.
Obbo Haayilamaariyaam Dasaalanyi aangoo ministira muummeefi dura taa'ummaa dhaabbatichaa gadhiisuuf gaafachuun isaanii erga dhagahamee baatii tokkoon booda gaaffiin isaanii dhaabichaan mirkanneeffamuunsaa kan dhagahamees kaleesa ture.
Erga Obbo Haayilamaariyaam aangoo gadhiisuuf gaafachuunsaanii dhagahameefi itti aansees labsiin yeroo muddamaa biyyattii gutuutti labsamee kaasee, eenyu ministira muummee ta'u mala jechuun namoonni yaadawwan garaa garaa kaasaa turuunsaanii ni yaadatama.
Haa ta'u malee dhumarratti dhaabbatichi dura taa'aafi itti aanaasaa filachuun walgahii isaa xumureera.
Dura taa'aa dhaabichaas mana maree bakka bu'oota uummataatti dhiyaate Ministira Muummee ta'a jedhamee eegama.
Dr. Abiy Ahimad eenyu?
Dr. Abiy Ahimad kan dhalatan Godina Jimmaa magaalaa Aggaarootti.
Jalqaba waggoota 40n keessatti akka argaman kan dubbatamu Dr Abiy, digrii isaanii jalqabaa bara 2001tti Kompitar Injinariingiin kan argatan yoo ta'u, bara 2005tti ammoo poost adivaansiid diippiloomaa gosa barnootaa 'Cryptology' yookiin aartii barreessama koodiiwwaniin Yunivarsiitii biyya Afrikaa Kibbaatti argamu irraa argataniiru.
Digrii lammaffaa (MA) isaanii 'Transformational Transformation and Change with Merit' yunivarsitii Landanitti argamu Giriinwiichirraa bara 2011tti argataniiru.
Kana malees, yuunivarsitii Liidstaar Ashlaand irra maastars of Biiznas Administireeshiin (MBA) bara 2013tti argataniiru.
Akkasumas, bara 2017tti muummee qorannoowwan 'peace and security' barnoota isaanii sadarkaa doktorummaa (PhD) yuunivarsiitii Finfinnee irraa argataniiru.
Dr. Abiy jalqaba bara 1980moota keessa akka DHDUOtti makaman kan himamu yoo ta'u, hirmaannaa siyaasaan alattis gama loltummaan sadarkaa leetanaal kolenelummaa qabu.
Ergama dhaabbata biyyoota gamtoomaniitiin tasgabbii fi nageenya buusuuf gara biyya Ruwaandaatti dulaniiru.
Bara 2000-2003tti ammoo Ejansii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa (ENSA) hundeessuun, sadarkaa daarektarummaatiin tajaajilaniiru. Isaan boodas Ministeera Saayinsiif Teeknoolojii ta'uun hojjataniiru.
Bara 2002 irraa kaasee miseensa koree jiddugaleessaa DHDUO ta'uun, bara 2007 irraa kaasee ammoo miseensa koree hojii raawwachiftuu ta'uun tajaajilaniiru.
Akkasumas waggoota sadan darbaniif miseensa koree hojii raawwachiftuu ADWUI ta'uun hojjachaa jiru.
Walgahii dhiyeenya kana DhDUO'n taa'een gara dura taa'aa dhaabichaatti kan dhufan yommuu ta'u, dura taa'aa dhaaba ADWUI ta'uunis filamaniiru.













