Hayyoota Oromoo: Hayyoonni Oromoo biyya alaa jiraatan Dr Abiyyiif haala yeroorratti xalayaa barreessan

Hayyootni Oromoo biyya ambaa jiraatan haala nageenyaa Oromiyaa keessaa ilaalchisee Ministira Muummee Itoophiyaa Dr Abiyiif xalayaa barreessan.

Hayyootni kunneenis Pirofeesar Asafaa Jaalataa, Pirofeesar Asfaawu Bayyenee fi Pirofeesar Mahaammad Hasan dha.

Yuunivarsitii Saandeegoo Kaalifoorniyaatti Pirofeesara mekaanikaal injiinariingii kan tahan Dr Asfawu Bayyenee, haalli nageenyaa Oromiyaa keessa jiru waan yaadesseef xalayaa kana barreessu isaanii BBC'tti himan.

Dr Asfaawu jijjiramni biyya keessatti qaamolee hawwaasaa garaa garaafi garee Team Lammaa jedhamuun akkasumas qabsoo bara dheeraa ABO'n taasiseen dhufe hedduu kan nama jajjabeessudha jedhan.

Haa ta'u malee, jijjiramni biyyattii keessatti mulataa jiru kun ammayyuu jalqabbii irratti kan argamuudha kan jedhan Dr Asfaawu, waan hanga ammaatti hojjetamanis kan rakkooleen duran turan akka hiikaman gochuudha jedhan.

Kanaafuu, haala kana keessatti sirni bulchiinsaa cimaan ijaarameera jechuun hin danda'amu jedhan.

Sirni cimaan biyya tokko guutummaan ijaaramuu kan danda'u, yoo mootummaan uummataan karaa misha taheen filatamee dhaabate qofaadhas jedhan.

Ce'umsa akkasii keessatti hudhaaleen garaagaraa jiraachuu kan himan hayyuun kun, mootummaan itti gaafatamummaa guutu waan qabuuf obsaa fi karaa nagaa taheen naamusa hundaa kabachiisaa sirnicha ijaaruu qaba jedhu.

''Paartileen siyaasaa 80 Itoophiyaa keessa haa jiraataniyyuu malee kuni hundi uummataaf dhaabatan jechuun nama rakkisa. Kan taayitaa argachuuf jecha hundaa'es hin dhibu jedhu,'' Dr Asfaawu.

Xalayaa barraa'e maal hammatee?

Jiijirama biyyatti dhufe erga jajanii booda, haa ta'u malee dhimmoota gurguddaa lamatu akka xalayaa Ministira Muummeef barreessinuuf nu dirqisiisee jedhan.

''Uummanni Oromoo ammayyuu miiliyoonotaan buqqa'aa jiraachuu fi bakkuma baqatanii jiraatanittis roorroo guddaan irra gahaa jiraachuun yaaddoo nutti uumeera. Kun dhimma jalqatti,'' jedhan.

Yaaddoo inni lamaffaan ammoo ''mootummaan jijjirama gurguddaa abdii namatti horan haa fiduyyuu malee, humni waraanaa mootummaa bakka bobba'etti ofumaan uummata rukutaa jiraachuudha,'' jedhan.

Kun ammoo bu'aawwan hanga ammaatti dhufanitti bishaan naquu waan taheef, jijjiramichis akka gufatu taasisa jennee waan amannuuf barreesineera jedhan.

Wantootni kunneen uummata keenya irraa dhaabbachu qabu kan jedhan Dr Asfaawu, rakkooleen uumaman obsa guddaa fi karaa nagaa taheen hiikamuu qaban jedhan.

Keessumaayu wal dhabdee uummata Benishaangul Gumuz fi Oromoo gidduutti naannoo daangaatti uumameen, Oromoo hedduun qe'ee irraa buqqa'uun ni yaadatama.

Gama biraan ammoo rakkoon kun guutummaatti osoo hin hikamiin wal dhabdee ABO fi mootummaa uumame jedhameen waraana wal irratti bobbaasuun biyya rakkoo guddaa keessa galcha jedhan Dr Asfaawu.

Wal dhabdee ABO fi Mootummaa

ABO fi mootummaan ilaalcha obbolummaan wal amananii ''koottu ni araaramna, koottu ni galla,'' jechuun waan gara biyyaatti deebi'an natti fakkaata jedhan.

Jalqabarratti qaamni sadaffaan nu barbaachisa jedhee ture ABO'n kan jedhan Dr Asfaawu, erga biyya galanii booda ammoo waliigaltichi qaama tokkoon boora'uu hin hafu jedhan.

''Qawween nama hin ajjeesu, nama malee''

ABO fi mootummaan takkaa araaramaniiru. Erga araaramanii ammoo meeshaa hiikkadhu waliin jechuun waraana banuu dhiisanii waraanni ABOs qaama nageenyaa mootummaa kan tahu yoo tahe mariin fixachuu qabu jedhan.

Akkuma waraana naannolee kaan keessaa hidhatanii qabsaa'aa turanii karaa nagaa mootummaa waliin mari'ataa jiran akka Ginbot 7 fa'atti ilaalamuun dhimmi ABO hikamuu qaba malee wal adamsuun bu'aa hin qabu jedhan Dr Asfaaw Beyyenee.

''Kun Oromoof qaanii seenaa taha waan taheef karaa mariin fixuu qabu osoo lubbuun hin bahiin,''jedhan.

Mootummaanis qaama nageenyaatti makuuf waliigaleera taanaan deebiisee hidhachiisuun waan hafu miti jedhu Dr Asfaawu.

''Yoo qawwee isa kankee fidii as kaa'ii, isa nuti siif lannu qabadhu,'' jedhamees rakkoo waan qabu miti jedheen amana jedhu.

Haa tahu malee dhugumaan yoo biyyaaf yaadu tahe, qaamonni lamaan rakkoon uumame waan waraana wal irratti bansiisu osoo hin taane jaarsi biyyaa taa'ee kan xumurudha jedhan.

''Rakkoo amma jiru waliin waraanni wal hin madaalu. Kanaafuu waraanni dhaabbachuu qaba .''

Yoo nama ajjeesuu barbaadde qawween tokko yoo sirraa fuuudhame waan biraan ajjeesuu dandeessa waan taheef, kun yaaddoo mitis jedhan dr Asfaawu.

Mootummaan obsa hin qabu yoo tahe waan gaariin hojjetamaa ture akka gatii dhabu taasisa kan jedhan Dr Asfaaw wal adamsuu irra jaarsaan dhimmicha xumuruun barbaachisa jedhan.

Jaarsolii gurguddoon qaama ABO irraas tahe qaama mootummaa irraa hin taane araarsuun akkataa waliigaltee isaaniitii nageenya akka buusan gochuu qabu jennee dhaamanna jedhan.

Jijjiirama biyya keessaa fi ce'umsa

Jijjirama hanga ammaatti dhufeen hundi keenya itti gammadnee waggoota dheeraa booda biyya gallee firoota keenya ilaalle jedhan Dr Asfaaw.

Kanaafuu Dr Abiy, Garee Lammaas tahe qeerroon bilisummaa Oromoo, falmii jijjiramicha eenyutu fide jedhu ''seenaaf dhiisanii'' sirna cimaa biyyi irraa fayyadamtu ijaaruu qabu jedhan.

Sirni kun ammooo filannoo haqa qabeessaa kan uummatni abbaa biyyummaa isaa itti mirkaneessu fiduudha jedhan.

Yeroo akkasii kanatti qormaata hedduutu mootummaa mudachuu danda'a waan ta'eef, ummannis tahe garee seera cabsuun biyya jeeqan adda baasuun naamusa qabsiisuu barbaachisa jedhan, Dr Asfaaw.