Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaalee: Komaandii poostii naannoo Somaaleetiif hundaa'e
Haala jeequnsa Naannoo Somaalee Itoophiyaatti tibbana umamee to'achuuf Ittisi biyyattii komaandii poostii poolisii federaalaa fi humna addaa Somaalee hundeessuun ibsame.
Kana malees guyyaa har'aatti komishinarri poolisiin naannichaa fi oggntoonni humnoota nagenyaa kan biroo bakka argamaniitti magaalaa Jigjigaatti marii taasifamuusaa Ajajjaa olaanaan Izii Kibba Bahaa Meejar Janaraal Balaay Siyuumiin eeruun Faanaan gabaaseera.
Tibba marii kanattis humnootiin nageenyaa federaalaa fi naanoo Somaalee qindoominaan waliin hijjachuuf waliigalaniiru.
Ajajjaan olaanaa kun akka jedhaniitti, humnootiin nageenyaa kunneen naannicha garaa tasgabbiitti deebiisuuf izii humna ittisa biyyaa jala ta'uun akka hojatanif murtaa'eera.
Komaandi poostiin hundeefamees nageenyaa fi tasgabbii naannichaatiif waliin kan hojjatu ta'u ajjajjaan kun himaniiru.