Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad barsiisota waliin marii gaggeessuuf

Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad barsiisota waliin marii gaggeessuuf.

Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad barsiisota dhaabbilee barnootaa ol-aanoo keessaa walitti ba'an waliin marii gaggeessuuf akka jiru odeeffannoon Waajira Ministeera Muummeerraa argame ni mullisa.

Maree kanarrattis barsiisonni 3,000 dhaabbileen barnootaa ol-aanoo 45fi dhaabbileen barnootaa ol-aanoo kan dhuunfa 4 keessaa ta'an ni hirmaatu.

Akka Waajirri Ministeera Muummichaa beeksisetti waltajiin marii kun jijiirama biyyaa dhufaa jiru kana keessatti barsiisonni akkamiin akka ga'ee isaanii ba'uu qabanirratti fuulleffata jedhameera.

Marii kanas Ministeera Barnootaa Federaalaatu Waajira Ministeera Muummichaa waliin ta'uun kan qopheessan ta'uun barameera.

Barsiisota walga'ii kanarratti hirmaatanis saalaa, gosa barnootaafi sadarkaa irratti hundaa'uun filanii akka erganiif, akkasumas yeroo dhaabbileen barnootaa itti hundaa'an bu'uura godhachuudhaan akka carraa kennaniif Waajirichi beeksiseera.