Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ibidda mana sirreessaa Shaashamanneetti ka'een lubbuun nama tokko darbe
Balaa ibiddaa har'a ganama mana sirreeessaa magaalaa Shaashamannee mudateen lubbuun nama tokko darbuu, sadii madaa'uufi bilookii mana sirreessaa sadii gubachuu, hogganaan mana sirreessichaa BBC'tti himan.
Hogganaan mana sirreesichaa Inspeektara olaanaa Fayyisaa Tiksee akka jedhanitti, erga ibiddi ka'een booda hidhamaan miliquuf yaalee tokko rasaasaan rukutamee du'eera. Akkasums, ibiddi ganama sa'aatii 1:30 irratti sirreefamtootaan eleektirikaarraa akka uumame shakkame kunis namoon biraa sadi madaa'usaanii inispektara olaanaa Fayyisaan himaniiru.
Mana sirreessaa kana keessatti walumagalatti sireeefamtoonni gara kuma lamaa ta'an kan argaman yoo ta'u, mana bulmaataa bilookiiwwan shan keessaa sadi balaa kanaan barbadaa'eeras jedhaniiru.
Hirmaannaa jiraattoota naannootiin ibdichi toatamuun, 'amma bakka bultii sirreefamtootaa mijeessaa jirra' jedhaniiru. Jiraattota magaalatti keessa tokko akka nutti himanitti ammoo, amma naannoo mana sirreessichaa raayyaan ittisa biyyaafi poolisiin Oromiyaa eegaa jiru.
Akkasumas daandiin guddaan Shaashamannee gara Hawaasaa geessu cufamee ture amma banamuun, magaalattiinis tasgabbii keessa jiraachu BBC'tti himaniiru.