Eerneestoo Guveeraa: Abbaan koo attamiin daawwannaa doqidoqqee Kuubaa kiyyaaf na kakaase

Onkolooleessa 9 bara 1967 ALA, hogganaan riphee loltootaa Eerneestoo 'Chee' Guveeraa Booliviyaa keessatti ajjeefame. Waggoota shantamaan booda ture gaazexessaan BBC Wiil Giraant ilma Chee waliin magaalaa keessa doqidoqqee deemuun, waa'ee dhiibbaa dhaala abbaasaa jala jiraachuu kan gaafate.
Yeroo tokkoo, maatiinsaa baayyee walfakkaatu.
Areedni, funyaan sorooroon fi akkaataan sijaaraa quba lammaffaan itti qabatanillee adda baasuun hin danda'amu.
Ilmi quxisuun abbaa warraaqsaan beekamaa Laatiin Ameerikaa - Eerneestoo 'Chee' Guveeraa, walfakkeenya qaamaa qofa osoo hintaane jaalala doqidoqqeef qabaniinis baay'ee walfakkaatu.
Jaalala cimaa doqdoqqeef qabaniin haa walfakkaatan malees, Guveeraan xinnichi daandii jireenya addaa hordofe: tuuriizimii.
Kubbaaniyaa dowwnnaa doqdoqqee maqaa qofaan Cheen walitti dhufeenya qabu, Laa Poderoosaa jedhamu gaggeessa. Laa Poderoosaa doqdoqqee beekamtu abbaa cc500 Chee Guuveeraan Ameerikaa ittiin qaxxaamuree irraan kan moggaafameedha.

Madda suuraa, AFP
Laa Poderoosaa Tuurs, kubbaaniyaa dhuunfaa maallaqa biyya alaatiin socho'uufi kubbaaniyoota Kuubaa qabeenyaa motummaan baayee waliin hojjeta. Kunis dambalii dhaabbilee dhuunfaa jijjiirama seeraa Pireezidaant Raa'uul Kaastroon bara 2010 taasifameen kan heeyyamanee fi kan leenjii Eerneestoon akka oggeesa seeraatti leenjii'e irraa baayyee fagoodha.
Yemmuun imala dhiyeenyaatiin isa waliin deemeettis, waliin gara dhihaa gama naannoo tamboon biqilfamu Piinaar Del Rii'oo deemne.
Doqdoqqeen deemuunis dakka odalicha ilaalaniif caalaa carraa namaaf dabala. Gareen daawwannaas kan lammiilee biyyoota garaa garaa walitti dhufaniidha; fakkeenyaaf konkolaachiftoota doqdooqqee Amerikaa, Chaayinaa, Ingilizii fi Arjantiinaa irraa kan dhufaniidha.
Waggaa darbe galmee lakkoofsa daawwattoota Kuubaafi daldala geejiba Laa Podeerosaa Tuurs argeen ture.
Eerneestoonis qeeqxoti akka qabulle ni beeka; keessatuu Miyaamii keessaa. Innis erga hubannoo Maarkisisummaa sanaan dhalateen booda, Guveeraan xinnichi tuurizimiidhaan hojii Kaappitaalistii hojjate.

Haa ta'u malee kan isa yaachisu kanfaltii miti.
''Sirni soshaalistii yookaan kaappitaalistii ta'uu waliin walitti hinqabuu,'' jechuun falma.
''Dhimma irratti xiyyeefachuuf faayiidaa hinqabu. Akka kootti nutis hojii gaarii biyya keenya gargaaru hojjachaa jirra.''
Eerneestoon, abbaa beekamaa ta'e yookinis abbaa malee guddachuun yeroo hunda salphaa akka hintaane amana. Chee Guuveeraan wayita Eerneestoon mucaa waggaa lamaa ture bara 1967tti ALA Boliviyaa keessatti ajjeefame.
''Eeyyee, yeroo tokko tokko mana barumsaatti akka ''Eerneestoo Guuveeraa'' taate adda baafamu dandeessa. Garuu, walumaa galatti akka ''Eerneestoo Guuveeraa Maarch,''beekamta turte. Kunis nama ati taateedha. Mucaa abbaa fi haadha keetii.''
Beekamtiin abbaan isaa adduunyaa ajaa'ibsiise kun ammallee cimee itti fufaa kan jiruudha. Qabxii kanatu Eernestoon xiqqichis rakkinaaf xiyyeefannaa akka keennu taasise.
''Isaan na jaalatanis eenyummaa kiyyaaf na jaalatan malee maqaan Guveeraa waan ta'eef qofa miti.''












