Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Booriis Joonsan filannoo 'amantaa irraa dhabuutiin' aangoorraa kaafamuu malu
Miseensonni Konsarvaatiivii Paarlaamaa UK MM Booriis Joonsan aangoorraa buqqisuuf sagalee kennuuf jiru.
Filannoo 'amantaa irraa dhabuu' Wiixata waaree gaggeeffamuun sagalee barbaadamu yoo hin arganne MM Booriis Joonsan aangoo ni gadhiisu.
Miseensonni Konsarvaativii Paarlaamaa UK Booriis Joonsan aangoo akka gadi dhiisan xalayaa barreessaniifi ture.
Sagantaa bashannanaa waajjira MM Booris keessatti qophaa'ee ture irratti namoonni seera Kooviid cabsuun walitti qabaman jedhamuun MM Booriis hedduu qeeqamaa ture.
Booriis Joonsan mataan isaa paartii Konsarvaativii irraa yoo ta'u, waahillaan isaa miseensota paarlaamaa ta'an 'amantaa irraa hin qabnu' jechuun aangoorraa akka ka'u filatu.
Filannoon akkanaa akka gaggeeffamu miseensota konsarvaativii 359 keessaa dhibbeentaan 15 jechuunis miseensonni 54 'amantaa irraa hin qabnu' jechuun xalayaa barreessuun hogganaa isaanii kana akka hin deeggarre ibsuu qabu.
Ammatti miseensonni gahaan xalayaa kana barreessuun isaanii ibsameera.
MM Booriis Joonsan aangoorra turuuf sagalee 180 ol argachuu qaba.
Sagalee kana kan argatan yoo ta'e dursaa paartii Konsarvaativii fi MM UK ta'uun itti fufu. Yoo sagalee kana hin argatiin garuu aangoo gadi dhiisee, hogganaan paartii fi MM haaraan filatama.
Amma dura paarlaamaan UK Tereesaa Meey dabaatee hoggantoota afur haala kanaan aangoorraa kaasuun ni yaadatama.