Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazexessituun Aljeziiraa ta'e jedhamee loltuu Israa'eeliin akka ajjeefamte qorannoon mul'ise
Qorannoon Paalistaayiin ajjeechaa gaazexessituu Aljaziiraa Shireen Abu Aqlaa irratti gaggeesseen loltuun Israa'eel ta'e jedhee ishee ajjeesee jedhe.
Abbaan Alangaa Paalistaayiin bu'aa qorannoo isaa yeroo ifa godhu, humnoota naannicha to'ataniin dhukaasa takkiittii dhukaafameedha, kaayyoon isaas ajjeesuudha'' jedhe.
Ministeerri Israa'eel bu'aa qorannoo kanaan ''gonkumaa soba'' jechuun morme.
Humni waraanaa Israa'elis qorannoo mataa isaa gaggeessaa kan jiru yeroo ta'u, loltootni Paalistaayin mataan isaanii Abuu Aqlaatti dhukaasuu hin oolan jedheera.
Gaazexessituun dhalattuu Paalistaayiin lammuummaa Ameerikaa qabdu Abuu Aqlaa, duula waraanaa loltootni Israa'eel Ebla 11 naannoo Jeniin jedhamutti gaggeessan osoo gabaasaa jirtuu rasaasni itti dhukaafamee ajjeefamuun ishee mormii guddoo kaasee ture.
Dhaabbatni gaazexessituun ganna 51 keessatti hojjettu Aljaziiraan dhimma ajjeechaa hojjettuu isaa kanaa gara Mana Murtii Yakkaa Idila Addunyaa(ICC) akka qajeelchu beeksiseera. Ajjeechaa isheen dabalataan Ebla bara 2021 waraana naannoo Gaazaatti gaggeefamaa tureen gamoon isaa boombiin haleelamuun isaas akka qoratamu qajeelcheera.
ICC yakkoota waraanaa sirna haqaa biyyoota dhuunfaan hin ilaalamne qoratee murtee kennuuf aboo kan qabu yeroo ta'u, Israa'eel qaama kanaaf beekamtii kennitee hin jirtu. Paalistaayiin gama isheen ajeechaan Abuu Aqlaa qaama kanaan akka ilaalamu gaafateera.
Namootni ajjeechaa gaazexessituu kanaa ijaan argan dhukaasa loltuun Israa'eel baneen ajjeefamuu ishee dhugaa bahaniis, israa'eel garuu kun dhugaa miti jetti. Israa'eel gama isheen wanti jettu dhukaasni gaazexessituu kana ajjeese garamii akka ta'e beekuuf raasaasa ishee ajjeese qorachuuf gaaffiin dhiyeessite Paalitaayiniin didamuu fi waliin qorachuuffillee hayyama dhabeera kan jedhudha.
Israa'eel meeshaa waraanaa loltuun Abuu Aqlaatti dhukaase adda baasuufi waayee ajjeechichaa guutummaatti ibsuuf garuu rasaasni ishee rukute qoratamuu akka qabu dubbatti.
Abbaan Alangaa Paalistaayiin Janaraal Akraam al-Kahaatib Kamisa ibsa magaalaa Raamaallatti kennaniin rasaasni Abu Aqlaa galaafate dheerina cm 5.56 akka qabuufi fiixeen isaa sibila rasaasni warra NATO akka fakkaatu dubbatan.
Aanga'oonni Paalistaayiin rasaasa kana Israa'eliif hin kennanii jedhanii, suurri isaas ifatti hin agarsiifamu jedhan. Aanga'oonni Paalistaayiin qorannoo Israa'eel irraa amantaa akka hin qabne dubbataniiru.
Abuu Aqlaa bakka humnoonni Israa'eeliifi Paalistaayiin walitti dhukaasanitti siiqanii yeroo gabaasan huccuu ittisaa ofirraa barreefaama 'Press' jedhu ofirraa qabuufi wanna maataa balaarraa ittisu ofirra kaahanii ture. Piroodiwusarri ishee Alii Samuudii ammoo dugdarra rasaasaan rukutamus lubbuun ooleera.
Kahaatib qorannoo gaggeessaniin loltuun Israa'eel kallatii Auu Aqlaatti dhukaasee osoo isheen miliquuf yaaltuu mataarra rukutee ajeeseera jedhan.
Bakka Auu Aqlaan turte walitti dhukaasuunis ta'e dhagaa darbachuun hin turre, rasaasni ABuu Aqlaa rukutes kallattii humnoonni Israa'eel qabatanii turan irraa dhufe jedhan.
Namni isheetti dhukaase qaama ishee ol aanu rukutuuf qiyyaafatee akka tureefi kaayyoon isaas ajjeesuu akka ta'e bira geenyeerra jedhan.
Humni waraanaa Israa'eel qorannoo jalqabaa gaggeessee ibsia torban lama dura baaseen Abuu Aqlaa kan ajjeefamte dhukaasa humnoota Paalistaayiniin ta'uu akka danda'u ibseera.
Ministirri Ittisaa biyyattii Baanii Gaantiz bu'aa qorannoo Paalistaayiin ammaa hordofee yaada kennaniin bu'aa kana kufaa godhaniiru.
Abuu Aqlaan barkurneewwan lamaaf gaazexessituu afaan Arabaa Aljeziiraa ta'uun kan tajaajilte yeroo ta'u, waraana Paalistaayiiniifi Israa'eel gabaasuunis dinqisiifannaafi beekamtii guddoo qabdi ture.