Antooniyoo Gutareez: 'Afrikaan Mana Maree Nageenyaa UN keessatti teessoo dhaabbii qabaachuu qabdi'

Yaa'ii Mana Maree Nageenyaa UN 2017tti, Niiw Yoork

Madda suuraa, Getty Images

Barreessaa Olaanaan Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii -UN Antooniyoo Gutareez Afrikaan Mana Maree Nageenyaa keessatti teessoo dhaabbii qabaachuu qabdii jedhan.

Biyyoota Lixa Afrikaa keessatti daawwannaa gaggeessaa jiran Naayijeeriyaa daawwachuun xumuraa osoo jiraniiti yaada aang'oonni Afrikaa cimsanii gaafachaa jiran kana akka deeggaran kan beeksisan.

''Biyyoota Afrikaa keessaa biyyi Mana Maree Nageenyaa keessatti teessuma dhaabbii qabdu jirachuu isheef beekamtii kennuun haqa qabeessa'' jedhan magaalaa guddoo Naayijeeriyaa Abujaatti yoo dubbatan.

Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) dabalatee dhaabbilee idil-addunyaa hedduu keessatti bakka bu'ummaan Afrikaa gadaanaa ta'uu kan himan Gutareez, ardittiin ''sirna koloniin si'a lama miidhamte'' jedhan.

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad waraana Kaabaa Itoophiyaatti gaggeeffamaa tureen walqabatee, dhiibbaawwan idila addunyaa hedduun irra gahaa erga turee booda yaa'ii Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffame irratti sagaleen Afrikaa dhaabbilee idila addunyaa keessa jiru dabaluu akka qabu dubbatanii turan.

Hoogganoonniifi rogeeyyiin kaanis hirmaannaa biyyootni Afrikaa Mana Maree Nageenyaa dabalatee dhaabbilee kaan keessatti qaban akka fooyya'uu qabu dubbachuu erga eegalanii bubbuleera.

Hoogganaan UN Gutareez haasaa isaanii keessatti Mana Maree Nageenyaa keessatti haaromsa gochuun UN guutuu isaa haaromsuuf barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.

Hoogganaan kun dhimma kana irratti murteessuuf aangoo akka hin qabne ibsuun, miseensotni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimmichaaf fala gochuu akka qaban akeekaniiru.

Manni Maree Nageenyaa UN ammaan tana miseensota dhaabbii aangoo olaanaa qaban shan qofa kan qabu yoggaa ta'u, 15 ammoo teessoo dhaabbii hin taane turtii waggaa tokkoof aangoo sagalee sagaleen kuffisuu osoo hin qabaatiin taa'u.

Miseensotni dhaabbiin aangoo sagalee sagaleen kuffisuu (Veto Power) qaban US, UK, Raashiyaa, Faransaay fi Chaayinaadha.

Qaamni kun addunyaa irratti qaama isa olaanaa nagaafi tasgabbii buusuu irratti gaafatamaafi aangoo qabudha. Dabalataan Chaartara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jijjiiruufi miseensota haaraa galmeessuurrattis qaama murtee dhumaa dabarsu.

Ammaan tana Gaaboon, Gaanaa fi Keeniyaan miseensota mana marichaa teessoo dhaabbii hin taane waggaa waggaan jijjiiramu qabatanii jiraniidha.