Dureeyyiin Raashiyaa qoqqobbii dheessan Dubaay keessatti qabeenya qaalessan

    • Barreessaa, Hashmiin
    • Gahee, Giddugala Bahaatti gabaasaa biizinasaa

Raashiyaafi abbootiin qabeenyaa biyyattii waraana Yukireeniin walqabatee qoqqobbii warri Lixaa irratti jabeessan jalaa bahuuf Dubaayiin bakka baqaa godhataniiru.

Biiliyeenarootni Raashiyaa fi namootni daldala qaban lakkoofsa guddaan UAE galuu erga eegalanii bubbuluu namootni daldalaa biyyattii BBC'tti himaniiru.

Bittaan qabeenyawwan akka manaafi kaanii dureeyyiin Raashiyaa Dubaay keessatti raawwatan dhibbentaa 67'n dabale jedhe gabaasni.

UAE'n Raashiyarraa qoqqobbii hin keenye, weerara Yukireen irratti banteefis hin qeeqne.

Biyyootni Lixaa hedduun yeroo didan UAE'n garuu dureeyyii Raashiyaa qoqqobbiin irra hin kaahamneef Viizaa kennaa jirti.

Lakkoofsi sirriin beekamuu baatus dureeyyiin Raashiyaa kumootaan lakkaawwaman ji'oota lamaan darban Moskoo gadhiisanii bahaniiru.

Ogeessi diinagdee Raashiyaa tokko guyyoota jalqabaa 10 waraanni Yukireen eegaletti lammiileen Raashiyaa 200,000 ta'an biyyaa bahaniiru jedhu.

Dubaay keessatti kaampaaniiwwan hojiitti galchuuf dhaabbatni gargaarsa adda addaa kennu 'Virtuzone' jedhamu maamiltootni Raashiyaa akkaan dabaluu ibseera.

Hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Joorji Hoojiyej lammiilee Raashiyaa irraa gaaffiin dhiyaatuuf dachaa shan ta'uu dubbatan.

''Miidhama diinagdee dhufaa jiruun sodaa keessa galaniiru. Kanaaf qabeenya isaanii eeggachuuf gara kana dhufaa kan jiran. ''

Godaansi abbootii qabeenyaa Raashiyaa kun Dubaay keessatti fedhiin manneen jireenyaa gatii qaalii akka dabalu godheera. Warri Raashiyaa manneen bitachuutti qabamuu isaaniirraa kan ka'e kanneen manneen jireenyaa gurguran gatiin dabaluu himaa jiru.

Ejensiin gurgurtaa manaa Dubaay jiru Betterhomes ji'oota jalqabaa bara 2022 lakkoofsi lammiilee Raashiyaa mana bitatanii harka lama sadaffaan dabaluu himeera.

Ejensiin kan biraan 'Modern Living' ammoo sababa fedhiin dabaleef hojjettoota afaan Raashiyaa beekan qacaruu BBC'tti himeera. Hoji-gaggeessaan dhaabbatichaa Tiyaagoo Kaldaas lammiilee Raashiyaan atattamaan Dubaayitti jireenya haaraa eegaluu feena jedhan irraa bilbilli hedduu itti bilbilamaa akka jiru himan.

Inveestimeentiif qofa osoo hin ta'iin Dubaayiin akka mana isaanii lammataatti ilaaluu fedhu jedhan hoogganaan kun.

Lammiileen Raashiyaa dandeettii hojii uumuu irratti hojjetanii hojjettoota kaampanii isaanii gara UAE ergaa jiru jedhameera.

Fuaad Fatullev namoota Kaampanii WeWay jedhamu hojiilee daldaa haaraa hundeessuurratti hojjetu hundeessan keessaa yeroo ta'an, Yukireeniifi Raashiyaa keessaa waajira qabu. Inniifi waahillan isaa erga waraanni Yukireen eegalee hojjettoota isaanii gara Dubaay dabarsuu dubbatu.

''Waraanichi hojii keenya irratti dhiibbaa guddaa qaba. Namoota dhibbaan lakkaawwaman Yukireeniifi Raashiyaa keessaa waan baafneef itti fufuu hin dandeenye,'' jedha.

Dubaayiin kan filataniif ammoo diinagdeefi siyaasaan tasgabbiin waan jiruuf ta'uu dubbata.

''Qaroon biyyaa godaanaa jira (brain drain). Namni baayyeen gadhiisaa kan jiruuf hojii daldalaarra danqaaleen waan jiraniifi,'' jedha.

Godaansi dureeyyii yeroo hammaate kanatti mootummaan Raashiyaa qajeelfama haaraa baaseen lammiileen isaa sharafa alaa $10,000 ol qabatanii biyyaa akka bahan hin hayyamu.

Kanarraa kan ka'e abbootiin qabeenyaa Raashiyaa cryptocurrency fayyadamu.

UAE'n Chaayinaafi Indiyaan alatti biyya sadaffaa Mana Maree Nageenyaa keessatti biyya weerara Raashiyaa mormuuf sagalee hin kennine keessaati. Mana Maree Mirga Namoomaa UN keessatti sagaleen yeroo kennamee ture UAE'n sagalee dhorkatteetti.