Poolisiin Miniyaappoliis waggootaaf 'loogii sanyummaa raawwachaa ture'

Madda suuraa, Getty Images
Poolisoonni magaalaa US Miniyaappoliis yoo xiqqaate waggoota kudhan darbaniif loogii sanyummaa raawwachaa akka ture qorannoon mootummaa saaxile.
Qorannoon kun ajjeecha nama gurraacha Joorji Filoooyid bara 2020 Miniyaappoliisitti raawwate booda kan eegalamedha.
Qorannichi poolisoonni magaalaatti akkamiin warra gartuu bicuu (minorities) irratti akka humna fayyadaman, isaan dhaabsisan, sakatta'an akkasumas to'annoo jala oolchan kan warra adii irratti raawwatan waliin wal-bira qabee xiinxale.
Xiinxalichis akkaataa poolisoonni warra adii fi warra kaan keessummeessan jiddu garaagarteen guddaan jiraachuu mul'ise.
Argannoon qorannichaa poolisiin magaalattii shaakalaa fi imaammata isaa akka jijjiiru kan dirqisiisu ta'uu mala.
Bara darbe poolisiin adii magaalaa Miniyaappoliis Deerek Choovin Joorji Filooyid ajjeesuu isaatin hidhaan waggaa 22 itti murtaa'ee ture.
Xiinxalli odeeffannoowwan gabaasaalee poolisootaa, af-gaaffii fi kaameraa laphee poolisootaarraa argame irratti godhame kun ganna 2 fudhate.
Qorattoonni xiinxalli isaanii, loogiin sanyummaa bu'uura godhate haala wal-fakkaataa ta'een raawwatamu jiraachuu agarsiise jedhan.
Gurraachonni Afrikaan-Ameerikaan uummata Miniyaappoliis keessaa dhibeentaa 19 qofa ta'anille, bara 2017-2020 jidduu namoota poolisiin tiraafikaa dhaabsise keessaa dhibbeentaan 54 isaanidha jedha qorannoon kun.
Bara 2010-2020 namoota poolisiin humna irratti fayyadame keessaa dhibbeentaan 63 gurraachota.

Madda suuraa, Getty Images
Gabaasni fuula 72 qabu poolisoonni akkaataan itti hojii isaanii raawwatan akka humna waraanaati, aadaan poolisoota badii ykn naamusa hin malle agarsiisan itti gaafatamoo gochuus hin jiru jedhe.
Poolisoonni arrabsoowwan jibba sanyummaa, dubartoota xiqqeessanifi kabajaa hin qabne akka fayyadaman garuu kanaaf akka itti hin gaafatamne mul'iseera.
Dabalataan poolisoonni akkaawontii miidiyaa hawaasaa sobaa banachuun namoota gurraacha hordofaa akka turan, kunis yakkaan kan walqabatu ykn nageenyaa uummataaf jecha kan godhame miti jedheera gabaasichi.
Diimokiraat kan ta'e kantiibaan Miniyaappoliis Jeekoob Fireey argannoon qorannoo kanaa "fudhatama kan hin qabne, darbees suukanneessaadha" jedhe.
Hoggantuun yeroo poolisii magaalattii Ameeliyaa Hafmaan, humni poolisii Miniyaappoliis dursee jijjrama taasiseera jette.
"Amanamummaa uummataa fi nageenya qondaalota keenyaa fooyyessuuf kutannoo qaban, kanas leenjii, imaammatawwanii fi adeemsawwan keenya jijjiiruun hojiirra oolchaa jirra," jette.
Wayita gabaasni qorannoo kanaa qophaa'aa turetti poolisoonni yakkoota wal fakkaataa raawwachuun ijoo dubbii ture.
Ji'uma kana nama gurraacha mana durbii isaa soofaarra ciisee ture poolisoonni ol itti seenuun ajjeesanillee, abbaan alangaa poolisoota irratti himannaa hin banu jedheera.
Guraandhala darbe qarqara Miniyaappoliisitti poolisiin tokko carrallaa itti gadhiistee to'achuuf jettee rasaasa itti dhukaasuun nama gurraacha erga ajjeeftee booda to'annoo jala oolteetti.
Bara darbe humna poolisii magaalattii diiguuf yaadni dhiyaate jiraattoonni magaalattii sagalee caalmaan kufaa godhanii turan.
Yakki ajjeechaa bara 2021 magaalattii keessatti galmaa'e kan jiddugaleessaan bara 2015 hanga 19 raawwate dachaan caala.













