Filannoo Firaansitti Dilbata sagaleen kennamurratti Maakiroon, Le Pen injifachuuf morkatu

Lammileen Firaansi Dilbata kana sagalee kennan ilaalcha siyaasa giddugaleessa kan qaban Imaanu’el Maakiroon ganna shanan dhufan Pirezidantummaan akka itti fufan yookin kaadhimamtuu warreen ‘far-right’ Mareen Le Peen bakkasaanii buusuuf murteessu.

Duula filannoo gartummaan qabu gaggeessaa turan hordofee Aaddee Loo Peen nama ganna 44 morkatu.

Lamaan isaanii wal injifachuuf jecha namoota filannoo marsaa jalqabaarratti kaadhimamtoota deeggaraa turan gara ofiisaanitti harkisuu qabu.

Taatullee namoonni beekamoon lamaanuu siyaasaa biyyattii keessatti gara gartummaa kan uuman waan ta’eef, filannoo irratti sagalee kennuu diduun qooda ijoo qabaata.

Qeeqxonni isaa Maakiroon nama of jajuu ykn dhaadhessuu guddisuufi pirezidantii warreen sooreyyiiti jedhuun. Akkasumallee hoggantuun warreen siyaasa gama mirgaa (far-right) kan taate Mareen Loo Peen Pirezedantii Raashiyaa Viladimiir Puutin waliin hariiroo qabdi jedhamuun qeeqamti.

Aab Maakiroon wayita kanaan dura aangootti dhufan jijjiirama saffisaan fida jedhanii waada seenanii turan, taatullee namoonni hedduun jijjiramni waadaa seenan amma yoonaatti hin mul’annee jedhanii komatu.

Barri Pirezedantummaa Maakiroon mormiin kan dabalaame, bara weerarri Covid- itti hammaate fi haalli jireenya itti qaala’eedha.

Mareen Loo Peen garuu dogoggora yeroo bara 2017 marroo lammaffaarratti Maakirooniin injifatamte irraa baratteetti.

Pirezidantummaaf kan amma dorgomtu marroo sadaffaafi, yoo injifachuu dhabde garuu kun isheef kan dorgommii xumuraati.

Waanti guddaan filannoo kanarratti ammaaf hin beekamne namoota sagalee kennaan hagamtu kadhiidhamtoota kana tokko tokko isaaniif deeggarsa kennuu dhiisa jedhu.

Irraa caalan Firaansi ayyaana kabajuurra waan jiraniif namoonni filannoorratti hirmaatanii sagalee kennan seenaa keessatti xiqqaa ta’uu mala.

Yeroon duula filannoo gabaabaa ture, garuu filannoo kanarratti namooni sagalee eenyuuf kennuuf akka danda’an ifaadha, dorgommichi pirezedantii aangoorra jiru kan Awurooppaa leellisu ykn kaadhimamtuu godaantota daangessuu fi uffata mataatti haguuggachuu daangessuu barbaaddu gidduutti gaggeeffama.

Sagalee kennuun akka biyyaatti ganama sa’aatii lama ykn (06:00 GMT) kan eegalamu yoo ta’u, sagalee kennuun sa’aatii 12 booda xumurama.

Firiin filannoo waan fedheyyuu ta’u Aab Maakiroon warreen sagalee kennaniif galgala ibsa kennuuf jiru.

Haalli jireenyaa qaala’un namoota sagalee kennaniif dhimma ijoo isa jalqabaati, Mareen Loo Peen yoon filannoo kana injifadhe dafeen fala itti barbaada jetteetti.

Keessattuu magaalota xixiqqoo fi baadiyyaa iddoo bara Maakiroon keessa rakkoon dinagdeen walqabatu hammaatetti Mareen Loo Peen sirriitti simatamtee gaggeeffamte.

Mareen Loo Peen torban lama dura magaalaa laga Marnii jedhamurratti argamtufi Baha Paarsitti argamtu ‘La Ferté-sous-Jouarre’ sirnaan simatamte turtre.

Fireed namni jedhamu jiraataa magaalaa kanaa yoo ta’u jijjirama akka barbaadu himeera.

Mana dhugaatii tokko dura taa’uun ‘Cécile’ naannoo kana weerarri dhibee danuu hube: ‘’weeraricha dura mana dhugaatii ‘Avenue de Champagne’ jedhamutu ture, garuu amma cufameera galgala sa’aatii tokko booda bakka callisaa ykn namni hin jirre ta’eera,’’ jedhe.

Fired akka jedhuttimmoo baqattootni Afrikaa magaalaa guddoo biyyattii keessa jiraatan kanneen inni beeku Mareen Loo Peen filatu jedhee yaada. Magaalicha keessa kanneen ishee hin barbaannes ni jiru.

Mareen Loo Peen ilaalcha fiixeerra gara gidduutti kan deebite ta’ullee, ammas taanaan to’annoo godaansarratti rifeerandamii gaggeessuuf karoorsite, akkasumallee yaadni ‘’biyyoota Awurooppaarratti qabdu’’ Gamtaa Awurooppaa addaan qooda jedhamee kaafama.

Gama biraatiin maanguddoon ganna 66 Jiin Kilawuud diinummaa ishee Gamtaa Awurooppaarratti qabdutti hin amanu.