Lammiilee Aljeeriyaa zayitiin nyaataa akka qoricha bituu itti qaala'e

Supparmaarkeettii keessaa dubartii waa barbaaddu

Madda suuraa, AFP

Aljeeriyaatti gatiin nyaataa akkaan qaala'ullee hanqinni zayita nyaataafi aannanii garuu lammiilee biyyattii harka daldaltootaatti kuffiseera.

Weerarri Koronaavaayiras diinagdee biyyattii irraa dhiibbaa kan geessise yeroo ta'u sanirraa osoo hedduu hin bayyanatiin ammoo waraanni Yukireen jireenya lammiilee Aljeeriyaatti qormaata biraa ta'eera.

Samiihaa Saameer ''zayita bitachuun akka qoricha bituuti jetti.

Maatiifi firootaaf keekii hojjechuu akka jaalattu kan himtu dubartiin ganna 31 kun dur hojii jaalattu kanarraa galii dabalataallee argachaa kan turte ta'us amma galteewwan hojii isheef barbaachisan argachuun waan jabaateef itti dhiifteetti.

''Suuqii tokko seentee zayita bituuf abbaa suuqii waliin walbeekuun sirra jira'' jetti Saameer.

Bittaan isaas dhoksaan ta'a. abbootiin daldalaa zayita bakka biraa dhoksanii karaa dudduuba suukii dhoksaan gurguru.

Taateewwan akka kanaa bara darbe mula'chuu eegaluus dubbatti.

Amma jiini Ramadaanaa galuuf ta'uu sababeeffatee lammiileen biyyattii wantoota nyaataaf oola hedduu hojjechuuf zayitni nyaataa akkaan isaan barbaachisa.

Sameer gatiin nyaataa qaalayee sababa jiruuf naannoo itti jiraattu Blida jedhamurraa kuduraafi muduraa bitachuu gara magaalaa xiqqaa ollaa jirtuutti imalti.

Samihaa Sameer

Madda suuraa, Samiha Sammer

Yeroo kanatti gatiin mosee kan ji'oota dura turerra dhibbeentaa 30'n dabaleera, aannan maatii ofiif bitachuuf dabareen jiru gara waan hin qabnee osoo aduun hin bahiin namni dabareef hiriira.

''Waldhiibuufi takka takkas dabaree irratti lollu ka'aa waan jiruuf amma itti dhiiseera'' aanga'aan naannoo tokko.

Samihaan daakuu aannanii biyya alaatii galu kg tokko mootummaan gatii hir'isee dhiyeessuu isa dinaara 25'n bitaa turte amma dinaara 420 galuu himti.

Aljeeriyaan aannan kan omishtullee ta'u hanga fedha biyyaa guutu miti. Kanaafuu biyyoota akka Faransaay, biyyoota Gamtaa Awurooppaa biroofi dhiyeenyammoo Yunaaytiid Arab Emireetis irraa galfatti. Biyyoota kanarraa daakuu isaa bittee kaampaniiwwan biyya keessa jiranitti dhangala'aatti jijjiiruun fayyadamtootaaf dhiyeessiti.

Hunda caala Aljeeriyaa kan dhibaa jiru garuu zayita nyaataati.

Akkuma aannanii zayitas mootummaan gatii irraa cabsee uummataaf dhiyeessa. Amma gatiin abbaa liitira shanii akkaa ol mi'aayee dinaara 600 jechuunis $4.20 gaheera.

Nama Aljeeriyaa nyaata Zalabiya jedhamu hojjetu

Madda suuraa, Getty Images

Namni Aljeeriyaatti damee dhuunfaa keessa hojjetu miindaan isaa gidduugalaan $240, kana mana mootummaa ammoo $410. Daballiin gatii kun miindaa isaaniin yoo bira qabamu qaalii waan ta'eef mootummaan waa gochuuf dirqama.

Koreen dhimma daballii gatii nyaataafi malaammaltummaa hordofuuf hundeesse keessatti miseensa kan ta'e Hishaam Safar BBC'tti yoo himu, daldaltootni zayita nyaataa ta'e jedhaniituma baasii mootummaan gatii uummatarraa cabsuuf kaffalu ol kaasuuf gatii dabalani jedha.

Mootummaan waggaa darbe daldaltoota seera cabsan 150,000 ta'an keessa hedduu mana murtii dhaabee adabeera. hayyama daldalaa kumoota hedduus haqeera.

Kanaan alatti zayitni hedduun gama daldaltoota seeraan alaan Aljeeeriyaa keessaa bahee gara Maaliifi Nijeer akka geeffamu maddeen BBC'tti himaniiru.

Mootummaan uummataaf jedhee gatii biyya alaatii ittiin galu maallaqaan yeroo deeggaru daldaltootni kun konkolaataa tokkorraa $17,800 buufachaa gara biyyoota kaanii dabarsu.

Pireezidantiin biyyattii Abdelmadjid Tebboune wantootni nyaataaf oolan kan biyyattiin sharaf alaan biyyoota alaa galchitu dabarsanii biyya alaatti gurguruun dhorkaa ta'uu labsaniiru.

Dhorkaan kunis zayita, sukkaara, paastaafi qamadii fa'aa dabalata.

Akka ragaalee agarsiisanitti pireezidantichi gochoonni akka akkanaa "economic sabotage" jedhamee akka adaba qabaatu fedhu.