Maakroon ajjeechaa jumlaa 1961 Paarisitti lammiilee Aljeeriyaa irratti raawwate balaaleffatan

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Pirezidaantiin Faransaay Emaanu'el Maakroon tarkaanfii gara jabiinaa poolisootaan Aljeeriyaanoota mormiidhaaf Paariis keessatti bahan irratti waggaa 60n dura raawwatame ''yakka dhiifama hinqabne'' jechuun balaaleeffatan.
Onkololeessa 17, 1961 poolisoonni Faransaay hiriirtoota Aljeeriyaa irratti tarkaanniif fudhataniin kaan ajjeessanii kan hafan ammoo bishaani nyaataman.
Baayyinni lakkoofsa namoota ajjeefamanii sirriitti beekamuu baatulleen, kanneen dhibba hedduun lakkaa'aman akka ajjeeffaman himama.
Maakroon pirezidaantii Faransaay jalqabaati, guyyaa sana yakka raawwatamu yoo amanan.
Innis guyyaa yaadannoo namoota ajjeefaman kanneen irratti hirmaate.
Maakroon guyyaa yaadannoo ajjeechaa waggaa 60 kana irratti maatii namoonni jalaa ajjeefamaniitiin gara jaboo kan ta'e ajajaa poolisii Paariis Maawuriis Paapoonittin ''yakki'' raawwatamuu himan.
Paapoon Waraanaa Addunyaa keessatti Juushoota gara kaampiiwwan du'aa Naaziitti dabarsuun humnootii Naazii waliin hidhata qabaachunsaa bara 1980mota keessa barame.
Hiriirri bara 1961 haala, ''gara jabiinaa, hokkoraa fi ajjeechaan akka dhaabbatu ta'e'' jedhe waajjirri Maakroon ibsa baaseen. Lammiileen Aljeeriyaa kuma 12 ta'an kan to'ataman yoo ta'u, kaan madaa'uun kan hafan ammoo ajjeefamaniiru jedha ibsichi.
Ibsi pirezideentichaa kunis ''tarkaanniif gaariidha garuu guutuu miti. Caalaan ni raawwatama jennee eegna,'' jedhan rogeeyyiin AFPtti akka himaniitti.
''Paapoon qofaa isaa hinraawwanne. Namoonni jidduugala Paariisiitti dararamaa, ajjeeffamaa turan. Kanas aanga'oonni olaanoon ni beeku turan,'' jechuun 'yakka raawwatameef' beekamtiin sirriin akka kennamu gaafatu rogeeyyiin.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Qorataan seenaa Emaanu'el Blaanchaard, haasaan Maakroon kun kunis pirezidaantii isaan dura ture irraa jijjirama jechuun ibsaniiru.
Ajjeechaan jumlaa bara lola ALjeeriyaa keessatti haanga'oota Firansaay irratti gaggeefamuutti raawwatame kunis baroota dheeraaf, motummoota Faransaayiin hinamanamu ykn akka hintaaneetti haalamaa ture.
Qophiin yaadannoo ajjeechaa kanaa jalqabaa bara 2001 keessaa kantiibaa Paariisiin taasifame ture.












