Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaalalleewwan garaagarummaa umurii guddoo qabanirra maaliif loogiin ga'a?
Ammayyummaan hawaasa addunyaa dabalaa jira; har’a, namootni hedduun bifoota jaalalaa adda addaa ni simatu. Ta’us garuu garagaarummaa umurii guddaa jaalalleewwan gidduu jiru garuu ammayyuu maaliif akka safuutti lakkaa'ama?
Bara 2014 keessa giddugaleessi garaagarummaa umurii lameen US keessatti waggaa 2.3 ta’us, jalaallewwaan hedduu garaagarummaa umurii kanarra guddatu qabu.
Biyyoota lixaa keessatti, jaalalleewwan %8 ta’an garaagarummaa waggaa 10 fi olii qabu. Akka qorannoon mul’isutti US keessaatti jaalalleewwan %1 ta’an garaagarummaa umurii waggaa 28 ykn ol qabu.
Ilaalchi nuti garaagarummaa umurii jaalalleewwanii irratti qabnu ilaalcha waggootii kumaatamaa fi safuu hawaasaa fi aadaa dhaloota hedduun kan bocamedha.
Waggootii dhibba darban keessatti, guddinni diinagdee fi walqixxummaan hawaasaa, garaagarummaa umurii ‘sirrii’ jedhamee ilaalamu ture geeddareera.
Lameen (couple) garaagarummaa umurii guddaa qaban akka safuutti ni ilaalamu. Ogeessotni tokko tokko ilaalchi kun ni geeddarama jedhani yoo yaadan, kaan ammoo dargaggoonni ammaa garaagarummaa umurii guddaa isa yeroo kaani caalatti balaaleffatu jedhanii amanu.
Dhibbaa ilaalcha waggootii hedduu
Ilaalchi hamaa garaagarummaa umuriif jiru waan baramedha, akkuma safuu wantoota jedhamanii kaanii ammoo ilaalcha waggootii dheeraa fi jijjiiirama adaaa fi hawaasa dhiyoo irratti kan hundaa’eedha.
“Aadaa hedduu keessatti, nama umuriin hedduu hangafa ykn quxisuu ta’e waliin jaalala eegaluun fudhatama hin qabu,” jetti hundeessituun Kilinika Saayikoolojii Chelsii fi ogeettiin xiinsammuu Dr Elenaa Toorini.
“Karaa guddina hawaasaan yeroo ilaallu, fedhiin maatii qabaachuu nama jaalalummaaf filannu irratti dhibbaa ni qabaata – gama baayolojiin qofa osoo hin taane, gama fedhii ijoollee guddisuuf maatiin lamaan lubbuun turu.”
Dhirootaa fi dubartootaaf, dandeettin daa’ima godhachuu umurii wagga 25 irraa eegalee hir’isaa adeema, dubartoonni ammoo dandeetti ulfaa’uu ishee caalatti aaritiin hir’isaa deema. Kanaaf namoota umuriin nutti dhiyaatan waliin jaalala jalqabuu filachuun kan eegamudha.
Akka qorannoon mul’isutti, jaalalleewwan umurii walitti fakkaataa qaban, yeroo dheeraaf turu.
“Waggootii gaa’eela 10 jalqabaa keessatti, namootni jalaallee umuriin isaanirra quxisuu ta’an qaban gaa’ela gaarii akka qaban himu,” jetti gargaartuun piroofesaraa fi kan amma garaagarummaa umurii jaalalleewwanii fi gammachuu qorachaa jirtu, Girees Loordaan. “Ta’us garuu, yeroo booda, gammachuun ga’eela jaalalleewwan garaagarummaa umurii qaban, kan warra umurii wal fakkaataa qabaniirraa caalaatti hir’isuu eegala.”
Jaarraa 19ffaa fi 20ffaa keessas, dubartoonni hedduun mana akka turaniif waan dirqisiifamaniif, wanti isaanif dursa ta’u heerumanii ijoollee horachuudha, kanaaf nama hojii gaarii qabutti heerumuu filatu. Dhiirotnis jalqaba qabeenya horatanii boodarra waa’ee gaa’eelaa yaadu, kanaaf haadha warraa isaaniif quxisuu taate barbaachutti darbu.
Kanaaf sababni isaa waanta lama baayolojii fi diinagdee ta’a.
Eenyuun loogna, maaliif?
Yeroo ammaatti, hawaasni hedduun ilaalcha goosota jaalalaaf qaban sirreessaa fi ofitti simachaa jiraatanis, jaalallawween umuriin garaagarummaa qaban garuu ammayyuu akka safuutti ilaalamu.
Namootni kun wal jaallatanii waliin jiru jedhanii yaadurra, namootni kun fedhii maallaqaaf qabaniin waliin jiru yaaddoo jedhutu jira. Safeeffannaa ykn loogii kana ibsuufis jechootni faayidaarra oolan jiru. Dhiira isa maanguddoo ta’en ‘sugar daddy’, dubartii ishee quxisuu taateen ammoo ‘gold-digger’ jechuutu jira.
Dhiyeenya ammoo yoo ishee dubartiitu caalaa irra hangafa ta’e ‘cougars’ isa dhiiraan ammoo ‘toyboys’ jechoota jedhan fayyadamuun hariiroo isaanii ibsu,
Dubartoota dhiiroota umuriin isaanirra quxisuu ta’an waliin jaalala eegalan irras loogiin adda ta’e ni ga’a.
Fakkeenyaaf Pirezidaantiin Firaans Emmaanu’eel Maakron, dubartii waggaa 28’n isa hangaftu waliin gaa’ela dhaabbachuun isaa miidiyaa irratti oduu guddaa ta’ee ture.
Loogiin jaalalleewwan garaagarummaa umurii guddaa qabanii baduu malaa?
Tooriniin, filannoo jaalalleewwan adda addummaa umurii guddaa qabanii namootni kabajuuu utuu baranii akka hawwitu ibsiti. “Amma bara ammayyaa’aa fi walabummaan jiru keessa jirra, kanaaf yeroo keessa waa’ee filannoo jaalalaa namoota biroo irratti loogii gaggeessuu ni hir’isna jedheen yaada.”
Ta’us loogii hawaasni jaalalleewwan umuriin wal caalan irratti qabu hir’isaa jiraachuu ragaan agarsiisu hin jiru.
Jijjiirama hawaasaa irratti dursoo kan ta’an dargaggoota waan ta’aniif, yoo isaan jaalala akkanaa ofitti simachuu baatan loogiin jiru caalatti guddachaa deemuu mala.