Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hambaaleen durii Itoophiyaa hedduun gatii rakasaan karaa interneetii gurgurtaaf dhiyaatan
Meeshaaleen hambaa durii qabeenya Itoophiyaa ta'an hedduun gabaa karaa Interneetiin raawwatamurratti gatiin rakasaan gurgurtaaf dhiyaatan.
Hambaaleen Itoophiyaa keessaa hatamuun isaanii himamu kunneen yeroo dhiyoo as dhaabbilee karaa interneetii gurgurtaa fi bittaa gaggeessan irratti gatii rakasaan dhiyaachuu miidiyaaleen gabaasaa jiru.
Hambaalee kunneen keessaa hedduunsaanii dhaabbata gama interneetiin gurgurtaa raawwatu 'eBay' irratti dhiyaataniiru.
Hambaaleen kunneen tasuma ka'anii haala hin eegamneen gabaatti dhiyaachuun isaanii, tarii yeroo waraana Tigraay kanneen naannocha keessaa saamaman ta'uu akka hin hafne shakkii uumeera.
Waraana Kaaba Itoophiyaa hordofee manneen amantii Kiristaanaa fi Islaamaa haleelamuu kanaan dura gabaasamaa ture.
Manneen amantii haleelamuu qofa osoo hin taane hambaaleen durii akka saamamanis gabaasi ba'aa ture.
Abbaan Taayitaa Eegumsaa fi Qorannoo Hambaalee Federaalaa Itoophiyaa dhimma kanarratti akka ibsa kennaniif BBCn deddeebi'ee gaafatus hin milkoofne.
Dhimmicharratti sagantaa BBC News day jedhamuuf yaada kan kennan Qorataan Seenaa Afaanii fi Yuuniversitii Hamburg keessatti digirii sadaffaa(PhD) barataa kan jiran Hagos Abrahaa, yeroo waraanaa sanatti, ''hambaaleen gadaamii fi manneen amantaa naannoo Tigraay keessaa saamamuu mirkaneeffadheera,'' jedhan.
Hagos(PhD) akka jedhanitti yeroo sana hambaaleen durdurii fi akkaan gati qabeeyyii ta'an, eessattuu kan hin argamne hedduun saamamaniiru.
Hambaaleen kunneen gatii gadi bu'aa ta'een gurguramaa jiraachuu BBCtti himan qorataan kun.
Yeroo kanatti hambaaleen kunneen akkamiin saamamaniii alatti ba'uu danda'an kan jedhu adda baasuun rakkisaa ta'us, karaa Sudaan fi Keeniyaa ba'uu akka danda'an tilmaaman.
Kanneen hambaalee amantaa durii kaasanii Itoophiyaa keessa turan gabaa eBay irratti gurguran keessaa tokko 'Worley Enterprises International LLC' kan jedhamuudha.
Hambaalee daldaltuun kun gurgurtaaf dhiyeesse keessaa tokko barreeffamoota dhimma amantiirratti jaarraa 15ffaa fi 17ffaa keessa Itoophiyaa keessatti barreeffamaniidha.
Barreeffamni amantii, afaan Gi'iziin gogaarratti barreeffame kun ALI Amajjii 12, 2014 doolaara Ameerikaa 240n gurguramuuf gabaarratti dhiyaate.
Kitaabni kan biraan jaarraa 15ffaa fi 16ffaa keessa afaan Gi'iziin barreeffamuunsaa himamu, ammoo fuuluma kanarratti doolaara Ameerikaa 1250n gurgurtaaf dhiyaate.
Jaarmiyaalee karaa interneetii daldala gaggeessan akka eBay irratti namoonni galmaa'anii, suuraa meeshaa gurguranii ibsa ga'aa waliin maxxansuun gabaaf dhiyeessu.
Dhaabbati 'Worley Enterprises International LL' jedhamu kunis meeshaalee ka'umsi isaanii Itoophiyaa ta'e kunneen wayita beeksisu '' dhibbarraa dhibba meeshaa isa sirrii ta'uu,'' ibsuun, ''namoonni bituu barbaaddan carraan kun akka isin hin dbarre,'' jechuun namoonni akka dafanii bitan kakaasaa ture.
Qaamni hambaalee Itoophiyaa gabaaf dhiyeessu kun, waa'ee meeshaalee gurguruu wayita ibsu, meeshaalee walfakkaatan gurgurtaaf kan dhiyeessu erga namoonni akkanni meeshaalee kunneen gurguruuf itti kennanii booda eere.
Dabalataan ofiis yeroo garagaraatti kan walitti qabe, akkasumas bakkeewwan garaagaraatti bitee eBay irratti deebisee akka gurgurus ibsa.