Daandiin Itoophiyaa-Sudaan wal-quunnamsiisu ji'ootaaf cufamee ture deebi'ee baname

Hariiroon Itoophiyaafi Sudaan gidduu jiru laaffachuu isaa hordofee ji’oota ja’an darban keessa daandiin guddaan biyyoota lamaan walitti ceesisu, Galabaat-Matammaa, deebiyee banamuu isaa bulchaan Gondor Lixaa Obbo Dassaaleny Xaasew BBCtti himan.

Guyyaa kaleessaa Amajji 04, 2022 gama Itoophiyaatiin gareen aanga’oota waraanaa of keessaa qabu bulchiinsa goinichaatiin durfame, gama Sudaaniin ammoo garee Birgaader Janaraalotaan durfameen kan durfamu Gondor Lixaa magaalaa Matammaa Yohaannisitti erga wal arganii mariyatanii booda daangaan kun banamuu bulchiinsichi ibseera.

Daandii kana aanga’oonni Sudaan ji’a ja’a dura cufuu isaatiin sochiin naannawaa daangaa sanaa addaan citee akka ture ibsameera.

Marii waliin taasifameen booda daangaan banamee namoonniifi konkolaataan socho’ee daldalli jalqabamuu isaa Obbo Dassaaleny eeraniiru.

Komunikeeshiniin Matammaa Yohaannis fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti, itti-gaafatamaan Gumurukii Sudaan waabeffachuun akka barreessetti konkolaataan fe’isaa gurguddoon seenanii daldalaaf wal keessa deemamuun gaggeeffamaa jira.

Dhimma daangaarra darbee marii turerratti hariiroonni uummattoonni biyyoota lamaanii gidduu jiruufi walitti dhufeenyi faayidaa dinagdee argamsiisan, “maaliif yeroo gara garaatti kan banamuufi cufamu ta’ee itti fufa jechuun ajandaa waloo” irratti mariyataniiru.

Dabalataanis, naannoo Tigraay keessatti yeroo waraanni jalqabametti, “Humni waraanaa Sudaan hojii bakka waraanaa babal’ifachuu osoo dhaabe, dhimmi daangaa komishinii daangaatiin osoo ilaalame,” ajandaa jedhuufi “maqaa kaampii baqattootaatiin humnoota finxaaleyyii Itoophiyaa miidhan” Sudaan keessa jiraachuu isaaniirrattis mariin akka taasifame ibsameera.

“Ajandaawwan irratti gama Sudaaniin kan jiran waliigalaniiru. Marii gochuudhaaf aangoon kan keenya ta’e osoo hin taane nagaafi tasgabbii ilaalchisee dhimmi naannawaa daangaarra jiru miidhaa dabalataa akka hin qaqqabsiifneef isaan sirreeffamuu qabu kan jedhaman akka sirreeffaman, nutis wantonni mul’atan yoo jiraatan akka kaasaniif ture ajandichi,” jechuun ibsan aanga’aan kun.

Obbo Dassaaleny daandiin guddaa Galabaat-Matammaa deebiyee baname sochii hawaasummaafi dinagdee Itoophiyaafi Sudaan gidduutti gahee guddaa akka qabu himuun, torbanoota keessatti naannawaan sun sochii duraan turetti deebiya jedhanii abdii qabaachuu dubbatan.

Biyyoonni kunneen muddama keessa jiran keessaa bahanii marii eegaluun isaanii jalqabbii gaarii dha, kan jedhan bulchaan kuni sadarkaa biyyaatti mri’achuunis barbaachisa jedhaniiru.

Hogganaan waraanaa Sudaan, Birgaadeera Jeneraal Bashiir Sa’iid, hidhata aadaa fi seenaa biyyoota lameenii eeruun fedhiin biyya isaanii magaalota daangaarra darbuun Finfinneefi Kaartuum gidduutti hariiroo uumuu dha jedhan

‘’Sochiin daldalaa jalqabuu argineerra garuu haala jabaataa taheen akka itti fufuufi hariiroo hawaasa naannoo daangaa jiranii iddootti akka deebi’u nutis fedhii keenya dha,’’ jechuun isaanis miidiyaa hawaasaa irratti ibsameera.

Itti gaafatamaan gumuruukaa Ahimad Sa’iid gama isaaniin raayyaan ittiisaa, humni addaa, poolisii fi milishaan biyyoota lameenii waliin tahuun naannoo eeguufi nagaa uummataas eegsisuun yeroo kamiyyuu caalaa itti gaafatamummaa akka qaban dubbataniiru.

Itoophiyaan sochiin Sudaan kuni fedhiin ‘humnoota biroo’ kan ittiin raawwachiifamu dha, jechuun irra deddeebiin kan eertu tahus Sudaan gamasheen Itoophiyaan lafa daangaa ishee keessa jiran akka jalaa fudhatetti himatti.

Biyyoota lameen gidduu walitti bu’insi daangaa waggoota baayyeef kan ture yoo tahu waraana Tigraay hordofees gara lola waraanaattis ce’aniiru.

Sudaan lolli Tigraayitti dhalatee guyyoota sadiin booda Onkololeessa 27, 2013 A.L.I lafa seeraan ala qabatte haa gadhiistuutii mariitti haa dachaanu jechuun Itoophiyaan yaada kaasti.

Sudaan gamasheen raayyaan biyyashee iddoowwan bulchiinsa koo keessa jiru baayyeesaa to’achuun tarkaanfii hin geeddaramne akka tahe ibsiti.

Yeroo dhiyoottis Sudaan daangaa Itoophiyaa waliin wal-dhabdurratti waraanashee qubachiisuu beeksisteetti.

Muddamni Itoophiyaa waliin jiru akka itti fufetti jiraatus naannoo sun garuu guutummaan guutuutti to’annoo isaanii jala jiraachuu hogganootni waraanaas beeksisaniiru.

Sudaan Sadaasa 22/2014 A.LI akka beeksisteetti iddoo falmisiisaa Al-faashqaa jedhamutti loltoonni Itoophiyaa qubatan waliin erga walitti dhukaasaniin booda naannicha to’achuufi loltootas faayidaan ala gochuu beeksisteetti.

Injifannoo labsuun guyyaa afur dura iddoo walitti bu’insa qabu Birkaat Nuraayin jedhamutti lola Itoophiyaa waliin uumameen loltoonni Sudaan 21 yoo du’an 30 immoo madaa’aniiru gabaasni jedhus bahee ture.

Sudaan loltuu Itoophiyaan haleellaa akka irratti raawwateefi loltooni akka jalaa ajjeefaman yeroo beeksisteetti Itoophiyaan garuu himannaa kana waakkatteetti.

Waliigaltee dhabuun biyyoota lameen gara waraanaatti geesse kuni maalirra akka gahe osoo hin beeksifamiin torbanootaan dura bukchiisi Biluu Naayil Sudaaniifi qondaaloti olaanoo Naannoo Beenshaangul Gumuz marii idilee akkuma kana dura godhan taasisanii turan.

Kuni tahee guyyaa 10 booda godina lixa Gondaritti, Kibxata Kaleessaa mariin taasifame daandiin biyyoota lamaan quunnamsiisu kan baname.