Aljeeriyaafi gaaffii eenyummaa: Akka Afrikaatti kan lakkaa'aman eenyufaadha?

Sagantaa walitti aanee dhiyaatu barreessitoonni Afrikaa irratti hirmaataniin gaazexeessaan Aljeeriyaa-Kanaadaa ta'e Maaher Mezaa'ii yeroo ardittiin qophii dorgommii kubbaa miilaa guddaa Waancaa Afrikaaf qophaa'aa jirtutti eenyummaan Afrikaa maalidha? Kan jedhu xiinxaleera.

Torbanoota muraasa dura namoota yaada Pan Afrikaanizimii tarkaanfaciisan keessaa tokko kan ta'eef biyya isaa Gaanaa bara 1957 keessa waanjoo koloneeffattoota warra Awurooppaa jalaa kan baase jecha luqqaasii Kuwaamee Nikuruumaan argadhe.

Akkas jedha, "Afrikaan ardii tokko, uummata tokkoofi biyya tokkoha. Biyya hundeessuudhaaf afaan tokko, naannoo waloofi aadaan waloon akka jiraatuuf barbaachisaadha yaadni jedhu yeroo keessa ykn karaa saayinsaawaa ta'een yookaan ammoo hiika haala qabatamaa jiruurratti hunaa'uu hin dandeenye," jedha.

Nuti warri Afrikaa ummata jalqabaa Ardittii ta'uurra darbinee aadaa, eenyummaa, akkasumas yaadawwan biroo yeroo hedduu deddeebiyan waliin wal qabatee dubbisni kun yaada addaa anatti uume.

Keessumaa qarqara galaanaa warra jiraataniifi aadaawwan biroofi hawaasota kaan waliin hariiroo uumuu Afrikaanonni danda'an yeroo hedduu eenyummaan isaanii irra deddeebiin ni ka'a.

Fakkeenyaaf, ummanni Kaaba Afrikaa jiraatan [Maagiriib jedhamee kan beekamuufi Kaaba Afrikaafi addunyaa Arabaa kan dabalatudha] aadaa Mediteraaniyaan waliin hariiroo dhiyoo kan qabu, akkasumas ummata Afrikaa Bahaa jiraatan aadaafi muuxannoon isaanii Galoo-Galaanaafi Indiyaarraa dalaltoota dhufan waliin walitti fidu.

Seenaan Keep-Veerdee kitaaba keessatti galmaa'e kan jalqabu jaarraa 15ffaa koloneeffannaan Poorchugaal babal'achuufi gabrummaa waliin walqabateeti.

Falmii eenyummaa Afrikaafi Araba gidduutti

Sababiin ijoo Kuwaamee Nikuruumaan afaan waloo, daangaafi aadaa ardittiidhaaf akka hin danda'amne ta'uu itti ibsaniif bal'ina Afrikaati jedheen yaada.

Addatti kana kanan hubadhe erga Gammoojjii Sahaaraa daawwadheen boodadha.

Gammoojjii bal'aa cirrachaan diriire namni daawwate jireenyi isaafi akka inni itti yaadu akka jijjiiramu ragaadha.

Gammoojjichi guddaa ta'uu isaa, miira qofummaa, gadi of qabuufi haala nageenyaa adda ta'e uuma.

Kana qofaa miti. Gammoojjiin bal'ina hin dhumne fakkaatu qabu kun Afrikaa Kaabaafi qaama ardittii biroo hafe gidduutti dallaa dhugaa uuma.

Yeroo tokko magaalaan guddoo Aljeeriyaa Aljers Leegos caalaa magaalaa guddoo Finlaand, Elsinkiitti, Naayiroobii caalaa Dubaayitti, Haraaree caalaa Niiwu Yoorkitti dhiyoo akka taate dubbiseen ture.

Fageenyaan alattis sababii koloneeffatamuun hariiroo uumameefi godaansa jumlaatiin qaamni Afrikaa hangi tokko yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan dhufeen rakkoo eenyummaa labata keenyaa keessa akka galan taasiseera.

Yaadni isaa kan nama jeequ ta'us michoonni koo warri Afrikaa, "maaliif warri Kaaba Afrikaa akka Afrikaanotaatti of hin ilaalanii?" jehanii yeroo na gaafatan tasumaa ana hin dinqu.

Keessattuu, Waancaa Afrikaa hordofuudhaaf yeroon gara Kaameruunitti imaluuhaaf qophaa'aa jirutti gaaffiin akkasii kun irra deddeebiidhaan akka naaf dhiyaatu nan beeka.

Waancaan Afrikaa warraa Kaaba Afrikaa hawwiihaan kan eeggatanidha. Shaampiyoonaan ammaas Aljeeriyaadha.

Dhugaadha, warra Kaaba Afrikaa keessaa muraasni aadaafi eenyummaa isaan eeruun Afrikaanota warra kaan ni caalla jechuudhaan, kun maal jechuu akka ta'e beekamuu baatus yeroo of tuulan ni mul'atu.

Ilaalcha isaanii kanarraa kan ka'een hedduu biratti akka tuffatamoo ta'anitti ilaalamanis miirri gadaa tokkollee natti dhaga'amu hin jiru.

Ardittii kessatti Afrikaanota sirrii miti jedhamuunis warri Afrikaa Kaabaa tokko tokko eenyummaan isaanii yeroo irraa mulqamu, akkasumas biyyoota Arabaa tokko tokkoonis isin Afrikaanotadha jechuun wanti wal fakkaataan isaanirra ni gaha.

Fakkeenyaaf, Waancaa Arabaa FIFA kan bara 2021, gaazexeessitoonni kubbaa miilaa Afrikaa tokko tokko Aljeeriyaan maaliif dorgommiiwwan Arabaa keessa akka taphattu na gaafataniiru.

Afrikaanonni tokko tokko ammoo eenyumma Afrikaa Kaabaa ilaalchisee dhuhaawwan jiran hunda fudhachuun eenyummaa Afrikaa dhiisuu akka ta'etti itti dhagahama.

Kun osoo kanaan jiruu, adunyaan Arabaa gama isaatiin akkaataa afaan Arabaa ittiin dubbataniin, amala isaanii naamusatu itti hir'ata jehaniin, akkasumas sababa sirna ijaarsa gamoo Awurooppaatiif hariiroo Maagiriib waliin qabaniin kan adda citanidha jechuun yaadu.

Dhimmoota kanneen yeroon dhimmee yaadutti eenyummaawwan kanneen hunda dhiibaa mannaa adeemsa hammataa ta'en filadha.

Galaana Meiteraaniyaaniirraa nyaatawwan galaana keessaa argamanirraa hojjetaman jaallatamoo, cuunfaawwan wayinii firii ejersaarraa qophaa'aniifi ifa biiftuu callaqqisuunan bashannana.

Akaakayyuuwwan kiyya siriin isaanii Araba ta'anirraa amantiikoofi afaan warri kiyya dubbatan baradheera.

Afrikaarraa ammoo waan qabatamaa ykn lafa isaa waliin walitti dhufeenyan qabu haaleera, garuu kana qofa miti.

Waan hundaan ol, wanta ifa hin taaneefi waliin dhahamaa fakkaatus, Afrikaarraa ta'uun murtee nama dammaqee natti fakkaata.

'Afrikaan ana keessatti dhalatte'

Luqqaasiin beekamaan Kuwaamee Nikuruumaa biroo wantan jechuu barbaade tokko sirriitti ibsa.

"Ani nama Afrikaa kanan ta'e Afrikaarraa waanan dhaladheef osoo hin taane, waan ana keessatti dhalatteefidha."

Kanaafi nama Afrikaa ta'uun salphaafi wal xaxaadha.

Afrikaanummaan kan ibsamu tokko isa kaaniif kan ta'u, ardittiidhaaf kan ta'u baruudhaaf fedhuudhaanidha.

Hiriyyoota kiyya sabboontota Afrikaa irraa ta'an waliin yeroo abarsutti, eenyummaan waloo baayyee darbee nama seeenuufi baayyee cimaa ta'e Afrikaanota ta'uu keenyadha.

Anaaf eenyummaan Afrikaa Waancaa Afrikaa irratti kan calaqqisuufamu yoo ta'u, kunis deeggartoota, gareewwaniifi gaazexeessitoota haalli biiya isaanii ittiin deeggaran Afrikaanummaa isaaniitiin gammachuu guddaa kan itti argataniifi waltajjii ittiin boonanidha.

Bara 2019 keessa yeroo Waancaan Addunyaa Afrikaa Kibbaatti qophaa'etti konkolaataadhaan gara Masiriitti imaluuhaaf kan murteessan gareen deeggartoota kubbaa miilaa Zimbaabuwee Alviiz Zakataan jedhamu akka fakkeenyaatti yaa fuhannu.

Kun "Afrikaa daangaa hin qabne" akka jiraattu ergaa jedhu dorgommicharra kan turaniif dabarsee, fudhatamas argateera.

Gaazexeessitoota dorgommicha gabaasan biyyoota 54 keessaa dhufan gidduuttis hariiroon qabnu cimaadha. Bilbila adda addaas wal jijjiirra, nyaatallee waliin nyaanna, dorgommiiwwan darbanis ni yaadanna.

Xumura Waancaa bara 2019 gaggeeffame hordofee taphataan sarara gidduu Aljeeriyaa Adilenee Gudiyooraa Senegaal, Morookoo, Ayivorii Kostiifi Naajeeriyaa keessaa dorgomtoota bahan waliin maaleyaa kubbaa miilaa uffatanii suura waliin kahan keenyan isaarratti fannifateera.

"Obboloota kiyya Afrikaa waliin mana keessattin kabajaa jira. Guutummaa Afrikaa qophii ajaa'ibaa akanaaf Kibbaa hanga Kaabaatti, Bahaa hanga Lixaatti kan jirtan hunda keessan ni galateeffanna," jedheera.