Antonii Bilinkan fi Uhuruu Keeniyaataa dhimma Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti mari'atan

Antonii Bilinken fi Pireezidanti Uhuruu Keeniyaataa wayita Keeniyaa daawwatanitti

Madda suuraa, State House Kenya

Ibsa waa'ee suuraa, Antonii Bilinken fi Pireezidanti Uhuruu Keeniyaataa wayita Keeniyaa daawwatanitti

Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Bilinkan fi Pireezidantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa dhimma rakkoo nageenyaa Itoophiyaa fi goolama siyaasaa Somaaliyaa akkaataa furuun danda'amurratti waliin mari'atan.

Antonii Bilinkan Uhuuruu waliin dhimmoota waloo ta'anii fi dhimma naannawa Gaanafa Afrikaa fi Baha Afrikaarrattis mar'achuun Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayis beeksiisan.

Need Piraayis akka karaa toora tiwiitara isaanitiin jedhaniiti, qondaaltonni lamaan Itoophiyaa keessatti waraanni hatattamaan dhaabbatee nagaan akka bu'u, dhiittaan mirga namoomaa fi hookkarri akka dhaabbatu akkasumas mariin akka gaggeeffamuu qabu waliigalaniiru.

Ji'a tokkoon dura humnoonni TPLF gara giddugala biyyaatti dhiyaachuun yaaddoo erga uumaniin booda, duula mootummaan walitti aansee gaggeesseen naannolee Amaaraa fi Affaar keessaa iddoowwan TPLF'n to'atamanii turan walaboomsuun to'achuu danda'eera.

Qondaaltonni TPLF lotootasaanii gara Tigraay deebisuun mariif qophii akka ta'an gaaffiisaanii ifatti dhiyeessaniiru.

Mootummaan Itoophiyaas torbee darbe akka ibsetti, iddoowwan naannolee Amaaraa fi Affaar keessaa humnoota TPLF'n qabaman erga gadi dhiisisee booda duula waraanaa itti fufee Tigraay keessatti akka hin gaggeessine ibsee ture.

Mootummaan Ameerikaa fi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanis tarkaanfiin gareen lameenuu fudhatan kan deeggaramu ta'uu ibsanii mariin hatattamaan akka eegalu jajjabeessan.

Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan tattaaffii araaraa Pireezidaanti Keeniyaataa fi ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegun Obasaanjoo gochaa jiran akka deeggaran ibsan.

''Mootummaan US tattaaffii araaraa fi jaarsummaa Pireezidanti Keeniyaataa fi Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegun Obasaanjoo taasisaa jiran cimsee akka deeggaru Ministirri Haajaa alaa kun ibsaniiru,'' jedhan Need Piraayis ibsa isaaniiti kanaan.

Antonii Bilinkan dhimma goolama siyaasaa Somaaliyaarrattis yaada kennaniin filannoon hatattamaan gaggeeffamee rakkoon siyaasaa furamuu akka qabu dhaaman.

Dureewwan naannolee biyyatti sadarkaa federaalaa fi naannootti jiran hundinuu filannoo paarlaamaa fi pireezidantummaa haqaa fi bilisa ta'e, kan xaxaa fi hannarraa qulqullaa'e hatattamaan gaggeessuurratti fuulleffachuu qabu jedhan qondaalli kun.

Filannoon Somaaliyaa keessatti gaggeeffamu kan qaamni hunduu irratti waliigaluu fi bu'aansaa rakkoo biraa hin hordofsiisne ta'uu akka qabus dhaaman.

Mootummaan US yaalii Ministira Muummee Somaaliyaa Roble aangoorraa kaasuuf taasifame ni morma kan jedhan Antonii Bilinken, qaamoleen hunduu dubbii dhaadhessuu fi hammeessuu akkasumas walsakaaluurra waliigalteedhaan gara furmaataatti fuulleffachuu qabu jedhan.

Aangoonsaanii dursee kan obba'e Pireezidantiin Somaaliyaa Abdullaahii Farmaajoo, Ministirri Muummee biyyattii aangoo seeraan ala fayyadamaniiru, lafa mootummaas seeraan ala qabataniiru jechuun hanga qoratamee qulqullaa'utti aangoorraa ittisaniiru.

Haata'u malee Ministirri Muummee kun tarkaanfii dhorkaa pireezidantichi dabarsan kanaan ''fonqolcha mootummaati'' jechuun tarkaanficha akka hin fudhannee fi hojiisaaniis akka itti fufan ibsaniiru.

Atakaaroon qondaaltota lameen gidduutti uumamee jiru kun gara walitti bu'iinsa hamaatti deemuu mala sodaa jedhu uumeera.