Yuunivarsitiin Gondar Doktora kabajaa Dr Illeenii Gabramadiniif kenne haqe

Dr Illeenii Gabramadin

Madda suuraa, Walta

Yuunivarsiitiin Gondar Doktora Kabajaa bara 2013 [AL.I bara 2005] Dr Illeenii Gabramadiniif kennee ture haquu isaa beeksise.

Yuunivarsiitichi ibsa Kibxata galgala baaseen badhaasa Dr illeeniif kenne kan haqe, yaada isaan viidiyoo tibbana miliqee bahe jedhame kan dippiloomaatota biyyoota Lixaa waliin marii godhame irratti kennan hordofee ta'uu hime.

Yuunivarsiitiin Gondar doktora kabajaa kenneef haquu isaan wal qabatee Dr Illeeniin amma dura yaada hin kennine.

Viidiyoon marii gama intarneetiin godhame kan dhaabbanni miti mootummaa 'Peace and Development Center International (PDCI)' jedhamuufi pirofeesar Eefreem Yisaaqiin hogganamu qopheesse tibbana dubbii ijoo ture.

Viidiyoon miliqfamee baafame jedhame kanarratti dippiloomaatonni duraanii fi ammaa Ameerikaa akkasumas biyyoota lixaa tokko tokko lammilee Itoophiyaa bebbeekamoo fi bakka bu'aa TPLF waliin dhimma waraana Itoophiyaarratti wayita mari'atan agarsiisa.

Miidiyaaleen biyya keessaa viidiyoo kana 'mariin dippiloomaatonni Lixaa TPLF aangootti deebisuuf ykn gargaaruuf dhoksaan taasisan saaxilame' jechuun gabaasaalee bal'aa irratti hojjetaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa hayyama dhaabbata maricha qopheessee kan haqe yoo ta'u, manni maree gorsitoota diinagdee walabaa MM Abiy Ahimad kan Dr Illeeniin keessatti miseensa ta'an miseensummaa irraa isaan uggureera.

Dabalataan, dhaabbati isaanii kan namoota hojii kalaqan gargaaru, Biluu Muun, jedhamu cufamee mootummaan qorannoo irratti gaggeessaa akka jiru hoogganaan dhaabbatichaa Saamu'el Baqqalaa tiwiitara gubbaa barreessaniiru.

Obbo Saamu'el waan Dr Illeeniin dalagan mormuun aangoo isaaniirraa gadhiisuu isaanii fuula tiwiitara isaanii irratti beeksisaniiru.

Yuunivarsitiin Gondar maal jedhe?

Yuunivarsiitiin Gondar bara 2013 Dr Illeeniif doktora kabajaa kan kenne qooda isaan Gabaa Omishaa Itoophiyaa (ECX) hundeessuu fi hogganuu keessatti qabaniin, jiruu fi jireenyi hawaasaa akkasumas adeemsi daldala alaa Itoophiyaa akka jijjiiramu gochuu isaaniif ture jedhe.

Amma garuu "marii gama inatarneetiin qophaa'e irratti yaada naamusa ogummaa hin eegne, kan fedhii qaama tokkoo qofa calaqqisiisu fi duudhaalee yuunivarsiitii keenyaa faallessu waan dubbataniif" doktorummaa isaanii haqne jedhe.

Murteen kunis labsii barnoota olaanoo fi danbii yuunivarsiitichaa bu'uura godhachuun seeneetiin yuunivarsiitichaa kan murteessedha jedheera.

Viidiyoo barreessaan lammii Kanaadaa kan waraana Kaaba Itoophiyaa irratti mootumma MM Abiy deeggaruun marsaalee hawaasaa irratti barreessu Jeef Piirs jedhamuun gadi dhiiseen booda Dr Illeenii balaaleffannaan hedduun mudateera.

Dr Illeeniin deebiin kennan maal jedha?

Dr Illeeniin maricharratti kufaatii mootummaa MM Abiy booda, diinagdee biyyattii haalaan miidhame akkasumas wal-shakkii fi sodaa hawaasa jidduutti uumame bakkatti deebisuuf karoorri akkamii akka jiru bakka bu'aa TPLF wayita gaafatan dhagaahamu.

Haata'u malee viidiyoon marii kanaa miliqee erga bahee booda balaaleffannaa isaan mudateef tiwiitarii irratti deebii kennaniin, hirmaannaan walgahii sana irratti taasisan haala hin taanen hubatameera jedhan.

Walgahichi Itoophiyaa keessatti nagaa fiduuf kan kaayyeffatedha jedhan.

Itoophiyaatti mootummaa ce'umsaa hundeessuu dabalatee heera biyyattiin ala jijjiirama mootummaa taasifamu kamu akka hin deeggarre himan.

Hirmaannaan isaaniis akka lammii Itoophiyaa tokkotti diinagdee biyyattii waraanichaan miidhame deebisanii ijaaruuf fala barbaaduuf akka ta'e himan.

Kanas yeroo raawwatan dhuunfaan malee dhaabbata dalaganiif akka bakka hin buune himan.

Dr. Illeenii G/Madiin Fulbaana darbe Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNDP) keessatti damee haaraa hundeeffame kan dargaggootaaf hojii uumuurratti hojjetu akka hogganan filatamuun ni yaadatama.