Waraana Tigraay: Namootni nagaa fi loltoonni waraana dheessan Shanootti ittifamanii of duuba deebifaman

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti kan argamu aanaan Qimbibiit Naannoo Amaaraa godina Shawaa kaabaatiin waldaangessa.
Shanoon ammoo magaala guddoo aanichaa yoo taatu, tibbana wiirtuu namoonni lola Kaaba Itoophiyaa baqachuun keessa qaxxaaamuranii Finfinnee seenuuf filatan ta'eera.
Torbee darbe gara dhumaarra lolli hidhattoota TPLF fi humnoota mootummaa gidduutti maagala Dasseefi naannawasheetti tureen namootni hedduun konkolaataadhaan gara maagaala Finfinneetti baqachuuf yeroo yaalan magaala Shanootti ittifamaniiru.
Bulchaan aanaa Qimbibiit Obbo Mogos Nagaash BBCtti akka himanitti dhuma torbee darbee irraa kaasuun aanichi namoota lolicha baqatanii dhufaniifi loltoota Raayyaa Ittisaa lolicha baqatan hedduun kara aanaa isaanii dhufanii akka turan yaadatu.
Loltoonni dirree lolaatii baqatanii dhufan Raayyaa Ittisa Biyyaatiin hiikkachiifamanii kanneen yaala barbaadan gara mana yaalaa, kaan ammoo gara naannoo Amaaraattii akka deebifamanis himu.

Odeessaalee biroo kanaan walqabataniif:
- Dippilomaatonni lola Kaaba Itoophiyaa hammaachaa dhufe dhaabsisuuf hojjechaa jiru jedhame
- Waggaa 1ffaa Waraana Tigraay: Akkamiin jalqabee har'a gahe?
- Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko guute akkamiin xumura argata?
- 'Maxxansa MM Itoophiyaa imaammatawwan hokkara kakaasuufi deeggaruu dhorkan waan cabseef haqne'

Baay'yina uummata lola baqachuun gara magaala isaanii dhufan yoo himanis, "Lakkoofsi isaanii daran baay'eedha. Maatiin tokko hanga nama shanii qabateeti kan godaane. Nama dhiisii konkolaataan gaafas garana dhufeyyu daran hedduu ture," jedhan.
Namootni lola baqatanii dhufan kunneenis qindoomina qaamolee nageenya naannoo sanaa kan naannoo Oromiyaafi federaalaatiin gara iddoo dhufaniitti akka deebi'an ta'uus himan.
"Namootni kunneen amma gara naannoo Amaaraatti deebifamaniiru. Tarii magaala Dassee yookan Dabrabirhaan qubatanii jiru taha. Ammaaf garuu gara naannoo Amaaraatti deebifamaniiru," jedhan.
Baqannaa gara Finfinnee…
Naannoo Amaaraa irraa gara Finfinneetti lakkoofsi namoota baqachuu barbaadanii daran olaanaa waan ta'eef daangaa naannoo Oromiyaa aanaa Qimbibiititti sakatta'insi cimaan akka jiru namootni ijaan argan BBCtti himaniiru.
Bulchaan aanaa Qimbibiit Obbo Mogos akka jedhanitti ammoo yeroo ammaa qaamolee nageenyaa naannoo Oromiyaatiin namoonni seeran ala gara magaalaa Finfinneetti akka hin godaanneef daangaa naannolee lamaanii irratti hordoffiin taasifamaa jira jedhan.
"Amma magaalli Shanoo tasgabiitti deebiteerti. Daangaa irratti sakatta'insa cimaatu jira. Gara magaala Finfinneetti darbee kan deemuu dandahu nama waraqaa eenyummaa magaala Finfinnee qabu qofadha. Saniin ala kan jiru gara bakka dhufeetti deebifama," jedhan.
Daandii aspaaltii guddaa naannoo Oromiyaa keessa darbee naannoo Amaaraafi Finfinnee walqunnamsiisu kanarratti sakatta'insi jiraatus namootni muraasniifi loltoonni miliqan miilaan karaa gandoota baadiyyaa darbuuf akka yaalanilleen himan.
"Namoota karaa biraatiin miilaan darbuuf yaalan, akkasumas loltoota miliqanii lafoo deeman milishaan bakka hundaa eegumsarra waan jiruuf ni too'ata.
Jiraattota akkasitti qabaman gara bakka dhufaniitti deebi'u, loltoota yoo ta'an ammoo Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabarfamu," jedhan.
Yaaddoowwan daangaa irra jiran…
Aanaan Qimbibiit daangaa naannolee lamaanii irratti kan argamtu waan ta'eef fedhiin lafa bal'ifannaaa kan keessatti mul'atuufi dhiibbaawwan adda addaa kan qabdudha jedhu qondaallii aanichaa kun.
"Gama naannoo Amaaraatiin naannoo daangaatti ijaarsa seeran alaa haala saffisaafi yaaddessaa ta'een ijaaraamaa jira. Kun gara magaalota hundeessuutti deemee booda dhiibbaa guddaa nurraanis gaha jennee yaaddofna.
"Gama kaaniin investimanitiiwwan gurguddaatu naannoo daangaa kanatti ijaaramaa jira. Saffisni investimantiiwwan gurguddaa naannoo daangaa jiru kun gara naannoo Oromiyaatiin laafaadha. Kun deemee deemee dhiibbaa guddaa naannoo daangaa kanatti fida kan jedhu sodaa guddaatu jira," jedhan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa haala nageenyaa, qabiinsa lafaa, akkasumas hojiilee invastimantii naannoo lafa daangaa irra jiru kanatti haala adda ta'een akka itti xyyeefachuu qabus gaafatan Obbo Mogos.
Lolli Kaaba Itoophiyaatti humnoota TPLF fi humnoota mootummaa gidduutti deemaa jiru erga eegalee waggaan tokko lakkaahameera.
Lolli kun yeroo jalqabamutti ji'oota muraasa keessatti akka goolabamu himamee turulleen hanguma oolee buluun gara naannolee Amaaraafi Affaarittis babal'achuun guutuu biyyattiif yaaddoo ta'aa dhufeera.
Mootummaan Itoophiyaas kana horofuun labsiin yeroo muddamaa Kibxata 02, 2021 irraa kaasee guutummaa biyyattiitti hojiirra oolu, ji'a ja'aaf turu labseera.













